LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Muddee
    • 12. Akka 1 Pheexiros 3:18, 22 jedhutti, duʼaa kaʼuun Yesuus, warra sanaan dura raawwataman irraa adda kan taʼe akkamitti?

      12 Phaawulos, ‘Kiristoos warra duʼan keessaa duʼaa akka kaafame’ ofuma isaatii mirkaneeffateera. Duʼaa kaʼuun kun warra sana dura raawwataman ni caala; sababiin isaas namoonni duʼaa kaafaman sun deebiʼanii duʼaniiru. Phaawulos, Yesuus, warra duʼan keessaa isa jalqabaa” akka taʼe dubbateera. Yesuus isa jalqabaa kan taʼe karaa kamiini? Uumama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuudhaan isa jalqabaa ti, ilmaan namootaa keessaa gara samii deemuudhaanis isa jalqabaa ti.—1 Qo. 15:20; HoE. 26:23; 1 Pheexiros 3:18, 22 dubbisi.

  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Muddee
    • 16. Phaawulos Yesuusiin ‘firii jalqabaa’ jedhee yommuu waamu maal jechuu isaa ture?

      16 Phaawulos, Kiristoos “warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee” akka kaʼe barreesseera. Namoonni kan biroon kan akka Alaazaar lafa irratti duʼaa kaafamanii kan turan taʼus, Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼuu fi jireenya bara baraa argachuudhaan isa jalqabaa akka taʼe yaadadhaa. Yesuus, oomisha Israaʼelootaa keessaa firii jalqabaa isaan Waaqayyoof dhiheessanitti fakkeeffamuu dandaʼa. Kana malees, Phaawulos, Yesuusiin ‘firii jalqabaa’ jedhee waamuudhaan isa booda warri jireenya samiitiif duʼaa kaafaman akka jiran argisiiseera. Ergamoonni fi namoonni kaan warri ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qaban’ Yesuus duukaa buʼu. Yeroon isaa yommuu gaʼutti immoo, duʼaa kaʼuu isa kan Yesuus wajjin wal fakkaatu argatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi