-
Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
7. Mootummaan Waaqayyoo seerawwan hundumaa irra caalan qaba
Mootummoonni seerawwan lammiilee isaanii fayyadanii fi eegumsa isaaniif godhu jedhanii yaadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan lammiileen isaa hordofuu qaban qaba. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yeroo namni hundi seera Waaqayyoo hordofutti addunyaan maal fakkaachuu dandaʼa jettee yaadda?a
Yihowaan lammiileen Mootummichaa seera isaa akka hordofan isaan irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Namoonni seerawwan kanneeniif hin ajajamne jijjiiramuu akka dandaʼan kan argisiisu maali dha?—Lakkoofsa 11 ilaali.
Mootummoonni seerawwan lammiilee isaaniitiif eegumsa godhanii fi fayyadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan ol aanoo lammiilee isaatiif eegumsa godhanii fi fayyadan qaba
-
-
Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 41
Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?
Namoonni hedduun waaʼee saalqunnamtii dubbachuun isaan qaanessa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee saalqunnamtii ifatti, garuu immoo karaa kabaja qabuun dubbata. Dhimma kana ilaalchisee wanti inni dubbatus nu fayyada. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa isa Uumaa keenya taʼe biraa waan dhufeef, kan nu fayyadu taʼuun isaa kanuma eegamu dha. Yihowaan wanti hunda caalaa nuuf wayyu maal akka taʼe beeka. Gochi keenya akkamitti isa gammachiisuu akka dandaʼuu fi wanti gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf nu gargaaru maal akka taʼe nutti hima.
1. Yihowaan saalqunnamtiidhaaf ilaalcha akkamii qaba?
Saalqunnamtiin kennaa Yihowaa biraa argame dha. Dhiirrii fi dubartiin gaaʼela godhatan saalqunnamtii irraa gammachuu akka argatan barbaada. Kennaan kun hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan qofa utuu hin taʼin, jaalala waliif qaban karaa sirrii fi gammachiisaa taʼeen akka walii ibsan isaan gargaara. Dubbiin Waaqayyoo, “Haadha manaa dargaggummaa [keetti] gammadi” kan jedhu kanaafi. (Fakkeenya 5:18, 19) Yihowaan Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo akka taʼan isaan irraa eega; kanaafuu matumaa ejja hin raawwatan.—Ibroota 13:4 dubbisi.
2. Halalummaan maali dha?
Kitaabni Qulqulluun, “Warri halaleen . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. (1 Qorontos 6:9, 10) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikiitiin barreessan halalummaa ibsuuf, jecha poorniyaa jedhutti fayyadamaniiru. Jechi kun (1) saalqunnamtiia namoota seeraan gaaʼela hin godhanne gidduutti raawwatamu, (2) saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi (3) saalqunnamtii bineeldotaa wajjin raawwatamu kan dabalatu dha. ‘Halalummaa irraa yommuu fagaannu,’ Yihowaa ni gammachiisna, ofii keenyaafis faayidaa arganna.—1 Tasalonqee 4:3.
CAALAATTI BARADHU
Halalummaa irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi karaa naamusaa qulqulluu taatee jiraachuun kan si fayyadu akkamitti akka taʼe baradhu.
3. Halalummaa irraa baqadhu
Namni amanamaan Yoseef jedhamu karaa naamusaa qulqulluu taʼee jiraachuuf carraaqqii guddaa godheera. Uumama 39:1-12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yoseef akka baqatu kan isa kakaase maali dha?—Lakkoofsa 9 ilaali.
Yoseef murtoo sirrii kan godhe sitti fakkaataa? Maaliif?
Dargaggoonni yeroo harʼaatti fakkeenya Yoseef hordofuu fi halalummaa irraa baqachuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yihowaan hundi keenya iyyuu halalummaa irraa akka fagaannu barbaada. Qorontos Tokkoffaa 6:18 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Haalawwan namni tokko halalummaa akka raawwatu isa taasisan tokko tokko kam faʼi?
Halalummaa irraa baqachuu kan dandeessu akkamitti?
4. Qorumsa si mudatu moʼuu ni dandeessa
Wanti qorumsa halalummaa akka raawwattuuf si mudatu dandamachuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼu maali dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleessi viidiyicha irratti ibsame, yaanni isaa fi gochi isaa haadha manaa isaatiif akka hin amanamne isa taasisuu akka dandaʼu yommuu hubatu maal godhe?
Kiristiyaanonni amanamoo taʼan illee yeroo tokko tokko yaada qulqulluu qabaachuuf qabsoo gochuun isaan barbaachisa. Wantoota naamusaan ala taʼan irra deddeebitee yaaduu irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Filiphisiyus 4:8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Wantoota akkamii irratti yaaduu qabna?
Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi hojiin Yihowaa akka nuuf baayʼatu gochuun, qorumsa cubbuu akka raawwannu nu irra gaʼu dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
5. Ulaagaaleen Yihowaa nu fayyadu
Yihowaan wanta hunda caalaa nuuf wayyu beeka. Karaa naamusaa qulqulluu taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun faayidaawwan akkamii akka qabu nutti hima. Fakkeenya 7:7-27 dubbisaa ykn VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Dargaggeessi kun haala qorumsaaf isa saaxilu keessa kan gale akkamitti?—Fakkeenya 7:8, 9 ilaali.
Fakkeenyi 7:23, 26 akka jedhutti, halalummaan miidhaa guddaa geessisa. Karaa naamusaa qulqulluu taanee yoo jiraanne rakkoowwan akkamii irraa baraaramna?
Karaa naamusaa qulqulluu taʼuun gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
Namoonni tokko tokko wanti Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu ilaalchisee dubbatu jaalala irratti kan hundaaʼe miti jedhanii dubbatu. Haa taʼu malee, Yihowaan inni Waaqa jaalalaa taʼe namni hundi gammachuudhaan bara baraaf akka jiraatu barbaada. Bara baraaf jiraachuuf immoo ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akka ilaalcha Yihowaatti wanti dogoggora taʼe saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu qofa dhaa?
Waaqayyoon gammachiisuuf, hundi keenya jijjiirama tokko tokko gochuu qabna. Maarree akkas gochuuf carraaquun kee faayidaa qabaa? Faarfannaa 19:8, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Ulaagaaleen naamusaa Yihowaan baase sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Yihowaan namoonni hedduun ulaagaalee naamusaa isaa akka eegan isaan gargaareera. Siinis si gargaaruu ni dandaʼa
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namoonni lama hamma wal jaallatanitti saalqunnamtii raawwachuun isaanii rakkina hin qabu.”
Atoo maal jetta?
MAAL BARATTE?
Saalqunnamtiin kennaa Yihowaan haati manaa fi abbaan manaa akka itti gammadaniif kenne dha.
Irra Deebii
Halalummaan maalfaa dabalata?
Halalummaa irraa fagaachuuf maaltu nu gargaara?
Ulaagaalee naamusaa Yihowaa hordofuun kan nu fayyadu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Waaqayyo dhiirri tokkoo fi dubartiin takka seeraan gaaʼela akka godhatan kan barbaadu maaliif akka taʼe qoradhu.
Barumsi Kitaaba Qulqulluu saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu dogoggora akka taʼe ibsu, namoota akkasii jibbuu qabna jechuu kan hin taane maaliif akka taʼe baradhu.
“Saala Wal Fakkaatu Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggoraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Seerri Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee kenne eegumsa kan nuuf godhu akkamitti akka taʼe baradhu.
“Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhuguma Saalqunnamtii Jedhamaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Muuxannoo “Na Kabajaniiru” jedhu irraa, namni kanaan dura saala wal fakkaataa wajjin saalqunnamtii raawwachaa ture tokko Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya isaa akka jijjiiru kan isa kakaase maal akka taʼe dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
a Gocha saalqunnamtii kan jedhamu, saalqunnamtii karaa afaanii fi karaa munnee raawwatamu, akkasumas fedhii saalaa guuttachuuf qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuu dabalatee gochawwan gara garaa kan of keessatti qabate dha.
-
-
Cubbuu Cimaa yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
Yihowaa garaadhaa kan jaallattuu fi wanta isa gaddisiisu kam iyyuu raawwachuu dhiisuuf carraaqqii cimaa yoo goote illee, darbee darbee dogoggora raawwachuun kee hin oolu. Haa taʼu malee, cubbuun tokko tokko baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. (1 Qorontos 6:9, 10) Cubbuu cimaa yoo hojjette, Yihowaan si jaallachuu isaa akka hin dhiisne yaadadhu; inni dhiifama sii gochuu fi si gargaaruuf fedhii qaba.
1. Yihowaan dhiifama akka nuu godhuuf maal gochuu qabna?
Namoonni Yihowaa jaallatan cubbuu cimaa akka hojjetan yommuu hubatan baayʼee gaddu. Taʼus waadaa Yihowaan, “Cubbuun keessan diimaa dhiiga fakkaatu yoo taʼe illee, akkuma cabbii adii ni taʼa” jechuudhaan saba isaatiif gale irraa jajjabina argatu. (Isaayyaas 1:18) Garaadhaa yoo yaada geddaranne, Yihowaan guutummaatti dhiifama nuuf godha. Haa taʼu malee, yaada geddarachuu keenya akkamitti argisiisna? Wanta hojjechaa turretti garaadhaa gaabbinee wanta sana raawwachuu dhiisuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu kadhachuudhaan kana gochuu dandeenya. Achiis ilaalcha ykn barsiifata dogoggoraa cubbuu sana raawwachuutti nu geesse dhiisuuf carraaqqii guddaa gochuu fi ulaagaalee Yihowaa qulqulluu taʼanii wajjin walsimnee jiraachuuf yaaluu qabna.—Isaayyaas 55:6, 7 dubbisi.
2. Yeroo cubbuu hojjennutti Yihowaan jaarsoliitti fayyadamee kan nu gargaaru akkamitti?
Yeroo cubbuu cimaa hojjennutti Yihowaan ‘jaarsolii gumii akka ofitti waammannu’ nu ajajeera. (Yaaqoob 5:14, 15 dubbisi.) Dhiironni muudaman kun Yihowaa fi hoolota isaa ni jaallatu. Isaan Yihowaa wajjin deebisnee hariiroo gaarii akka qabaannu nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barataniiru.—Galaatiyaa 6:1.
Maarree jaarsoliin yeroo cubbuu cimaa hojjennutti kan nu gargaaran akkamitti? Jaarsoliin lama ykn sadii gorsa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii nu sirreessu. Kana malees, yaada ykn jajjabina irra deebinee cubbuu akka hin hojjenne nu gargaaran nuu kennu. Jaarsoliin gumicha dhiibbaa gadhee irraa eeguuf, nama cubbuu cimaa hojjetee fi yaada geddarachuu dide kam iyyuu gumiidhaa baasu.
CAALAATTI BARADHU
Akkaataa Yihowaan yeroo cubbuu cimaa hojjennu itti nu gargaaru ilaalchisee hubannaa qabdu guddifadhu.
3. Cubbuu keenya himachuun michummaa Yihowaa wajjin qabnu haareffachuuf nu gargaara
Cubbuun hojjennu kam iyyuu Yihowaa ni gaddisiisa, kanaafuu cubbuu keenya isatti himachuun keenya sirrii dha. Faarfannaa 32:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Cubbuu hojjenne dhoksuuf yaaluu mannaa Yihowaatti himachuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
Cubbuu keenya Yihowaatti himachuu malees jaarsoliin gargaarsa akka nuuf godhan gaafachuun boqonnaa nuuf argamsiisa. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Akkuma viidiyicha irratti ibsame jaarsoliin, Kaanon gara Yihowaatti akka deebiʼu kan isa gargaaran akkamitti?
Iftoominaa fi amanamummaadhaan jaarsoliitti dubbachuu qabna; isaanis nu gargaaruuf qophaaʼoo dha. Yaaqoob 5:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Cubbuu hojjenne ilaalchisee dhugaa isaa dubbachuun keenya jaarsoliin nu gargaaruun akka isaanitti salphatu kan godhu akkamitti?
Cubbuu kee Yihowaatti himadhu, jaarsoliittis dhugaa isaa dubbadhu, akkasumas gargaarsa Yihowaan siif kennu fudhadhu
4. Yihowaan cubbamootatti araara ni argisiisa
Namni cubbuu cimaa hojjete tokko qajeelfama Yihowaa hordofuu yoo dide, gumiidhaa baafama; nutis isa wajjin yeroo dabarsuu hin qabnu. Qorontos Tokkoffaa 5:6, 11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akkuma raacitiin bukoo bukeessu, nama cubbuu hojjetee fi yaada hin geddarannee wajjin yeroo dabarsuun gumicha irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?
Jaarsoliin namoota gumiidhaa baafaman gargaaruuf carraaqqii gochuudhaan araara Yihowaan cubbamootatti argisiisu calaqqisiisu. Namoonni gumiidhaa baafaman hedduun adabni isaaniif kenname kan isaan gaddisiise taʼus, yaada isaanii akka geddaratan waan isaan gargaareef gara gumiitti deebiʼuu dandaʼaniiru.—Faarfannaa 141:5.
• Akkaataan itti Yihowaan cubbamoota qabu Waaqa yaadasaatti hin cichine, araara qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?
5. Yaada yoo geddaranne Yihowaan dhiifama nuuf godha
Yesuus fakkeenya namni tokko yeroo yaada geddaratu wanta Yihowaatti dhagaʼamu hubachuuf nu gargaaru dubbateera. Luqaas 15:1-7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Caqasni kun waaʼee Yihowaa maal si barsiisa?
Hisqiʼel 33:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yaada geddarachuun tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhachuu dabalata?
Akkuma tiksee tokkoo Yihowaan hoolota isaatiif baayʼee ni yaada
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Cubbuun hojjedhe jaarsoliitti yoon hime gumiidhaa na baasu jedheen sodaadha.”
Nama akkas jedhee yaaduuf deebii akkamii kennita?
MAAL BARATTE?
Cubbuu cimaa yoo hojjenne, garuu immoo garaadhaa yoo gaabbinee fi cubbuu sana raawwachuu dhiisuuf yoo murteessine Yihowaan dhiifama nuuf godha.
Irra Deebii
Cubbuu keenya Yihowaatti himachuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf maal gochuu qabna?
Cubbuu cimaa yoo hojjenne, gargaarsa jaarsolii gaafachuu kan qabnu maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Namni tokko akkuma Isaayyaas 1:18 irratti ibsame, araara Yihowaa kan argate akkamitti akka taʼe ilaali.
Yihowaan Dhiifama Akka Isiniif Godhu Matumaa hin Shakkinaa (5:02)
Jaarsoliin namoota cubbuu cimaa hojjetan gargaaruuf kan yaalan akkamitti?
“Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2024)
Cubbamoota yaada hin geeddarannetti jaalalaa fi araara argisiisuun akkamitti akka dandaʼamu dubbisi.
Gargaarsa Nama Gumiidhaa Baafameef Taʼu” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2024)
Seenaa jireenyaa “Gara Yihowaatti Deebiʼuun Barbaade” jedhu irraa, namni Yihowaa irraa fagaatee ture tokko Yihowaan gara isaatti akka isa deebise kan isatti dhagaʼame maaliif akka taʼe baradhu.
“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2012)
-