-
Kana Beektaa?Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 1
-
-
▪ Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo . . . karaa Kristos akka warra moʼee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaaʼuutti harka keenyaan iddoo hundumaan [in gaʼa] . . . Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos isa Waaqayyotti urgaaʼuu dha. Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii duʼaa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha.”—2 Qorontos 2:14-16.
-
-
Kana Beektaa?Masaraa Eegumsaa—2010 | Onkoloolessa 1
-
-
Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaayikilooppeediyaan akka jedhutti, yaanni “foolii Kristos” jedhuufi namoota tokko tokkoof jireenya kaaniifimmoo duʼa argisiisu, “tarii warri Roomaa hiriira injifannoosaaniirratti ixaana aarsuusaanii wajjin wal qabatee kan dhufe taʼuu dandaʼa. Urgaan namoota moʼaniif injifannoo argisiisu sun, namoota boojiʼamaniif garuu duuti akka isaan eeggatu kan isaan yaadachiisu hin taʼin hin oolu.”a
-