LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gumiin Kiristiyaanaa kan Gurmaaʼe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Yihowaan Waaqa jeequmsaa miti. (1 Qorontos 14:33) Kanaafuu sabni isaa kan gurmaaʼan taʼuu qabu. Maarree gumiin Kiristiyaanaa kan gurmaaʼe akkamitti? Nuti hoo gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

      1. Mataan gumii eenyu?

      ‘Kiristoos gumichaaf mataa dha.’ (Efesoon 5:23) Samii irra taaʼee hojii sabni Yihowaa addunyaa maratti raawwatan geggeessa. Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessa,’ jechuunis garee jaarsolii muuxannoo qabanii fi Qaama Ol Aanaa jedhaman muudeera. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Akkuma ergamootaa fi jaarsolii jaarraa jalqabaatti Yerusaalem keessa turanii, Qaamni Ol Aanaanis gumiiwwan addunyaa maratti argamaniif qajeelfama kenna. (Hojii Ergamootaa 15:2) Haa taʼu malee, namoonni kun geggeessitoota jaarmiyaa keenyaa miti. Wanta Yihowaan isaan irraa barbaadu beekuuf Kitaaba Qulqulluu dubbisu, akkasumas qajeelfama Yesuus fedhiidhaan hojii irra oolchu.

      2. Jaarsoliin gaʼee akkamii qabu?

      Jaarsoliin dhiirota Kiristiyaanota taʼanii fi waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan tajaajilani dha; saba Yihowaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuudhaan isaan gargaaru, akkasumas isaan jajjabeessu. Taʼus, hojii isaaniitiif maallaqni isaaniif hin kaffalamu. Kanaa mannaa, “Waaqayyo duratti fedhiidhaan, buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin, hawwii guddaadhaan” tajaajilu. (1 Pheexiros 5:1, 2) Tajaajiltoonni gumii, dhiirota gumii keessatti jaarsolii gargaarani dha, isaanis yeroo booda ulaagaalee jaarsolii gumii taʼanii tajaajiluuf isaan dandeessisu guutuu dandaʼu.

      Qaamni Ol Aanaan jaarsolii gumii tokko tokko ilaaltuu ol aanaa aanaa godhee muuda. Isaanis qajeelfamaa fi jajjabina kennuuf gumiiwwan adda addaa daawwatu. Akkasumas jaarsolii fi tajaajiltoota gumii ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman guutan muudu.—1 Ximotewos 3:1-10, 12; Tiitoo 1:5-9.

      3. Dhugaa Baatonni hundi gaʼee akkamii qabu?

      Gumii keessa kan jiran hundi, walgaʼiiwwan gumii irratti argamanii hirmaannaa gochuu fi hamma haalli isaanii isaaniif heyyame hojii lallabaa irratti hirmaachuudhaan ‘maqaa Yihowaa jajatu.’—Faarfannaa 148:12, 13 dubbisi.

      CAALAATTI BARADHU

      Yesuus geggeessaa akkamii akka taʼe, jaarsoliin fakkeenya isaa hordofuuf kan carraaqan akkamitti akka taʼe, akkasumas Yesuusii fi jaarsolii gumii wajjin wal taʼiinsaan hojjechuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

      4. Yesuus geggeessaa gaarii dha

      Yesuus affeerraa nama gammachiisu nuuf dhiheesseera. Maatewos 11:28-30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yesuus akkaataa itti geggeessu ilaalchisee miirri akkamii akka nutti dhagaʼamu barbaada?

      Jaarsoliin fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Jaarsoliin Kirkira Lafaa Neeppaalitti Gaʼe Irratti Gargaarsa Godhaniiru (4:56)

      Kitaabni Qulqulluun jaarsoliin hojii isaanii akkamitti raawwachuu akka qaban ifatti dubbata.

      Isaayyaas 32:2 fi 1 Pheexiros 5:1-3 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Jaarsoliin akkuma Yesuus warra kaan jajjabeessuuf kan carraaqan taʼuu isaanii beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?

      • Karaawwan kan biroon jaarsoliin fakkeenya Yesuus itti hordofan tokko tokko kam faʼi?

      5. Jaarsoliin fakkeenya taʼuudhaan barsiisu

      Yesuus jaarsoliin hojii isaaniitiif ilaalcha akkamii akka qabaatan barbaada? VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Jaarsoliin Dursa Fudhachuu Qabu! (7:39)

      Yesuus ulaagaalee obboloonni gumii keessatti dursa fudhatanii tajaajilan guutuu qaban ilaalchisee qajeelfama kenneera. Maatewos 23:8-12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu jaarsoliin guutuu qaban kam faʼi? Geggeessitoonni amantaa hoo wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu kan hordofan sitti fakkaataa?

      A. Fakkiiwwan: Jaarsi tokko hariiroo Yihowaa wajjin qabu yommuu cimsatu, maatiin isaas akkasuma akka godhan yommuu gargaaru. 1. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuu isaa dura yommuu kadhatu. 2. Haadha manaa isaa wajjin waaʼee Kitaaba Qulqulluu daaʼima isaa yommuu barsiisu. B. Jaarsumti sun, haadha manaa isaa wajjin obboleettii dhukkubsattee siree mana yaalaa irra ciisaa jirtu yommuu gaafatan. C. Jaarsumti sun nama tokkoof mana isaatti yommuu lallabu. D. Fakkiiwwan: 1. Jaarsumti sun walgaʼii gumii irratti haasaa yommuu dhiheessu. 2. Galma Walgaʼii yommuu qulqulleessu.
      1. Jaarsoliin hariiroo Yihowaa wajjin qaban cimsatu, maatiin isaaniis akkasuma akka godhan gargaaru

      2. Jaarsoliin namoota gumii keessa jiran hundaaf ni yaadu

      3. Jaarsoliin yeroo hunda hojii lallabaa irratti hirmaatu

      4. Jaarsoliin ni barsiisu. Akkasumas qulqulleessuu fi hojii kan biroo irratti ni hirmaatu

      6. Jaarsolii wajjin wal taʼiinsaan hojjechuu dandeenya

      Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa jaarsolii wajjin wal taʼiinsaan hojjechuu itti qabnu ibsa. Ibroota 13:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Kitaabni Qulqulluun warra gumii keessatti dursa fudhachuudhaan tajaajilaniif ajajamuu fi bitamuu akka qabnu nu jajjabeessuun isaa sirriidhaa? Maaliif?

      Luqaas 16:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Wantoota xixinnoo fakkaatan irratti illee jaarsoliidhaaf ajajamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Miseensa dhaabbata amantaa tokkoo taʼuun si hin barbaachisu.”

      • Namni tokko gumii wajjin Waaqayyoon waaqeffachuun isaa faayidaa akkamii qaba jettee yaadda?

      MAAL BARATTE?

      Yesuus mataa gumichaa ti. Jaarsoliin isa jalatti tajaajilan waan nu jajjabeessanii fi fakkeenya taʼuudhaan waan nu barsiisaniif gammachuudhaan isaaniif ajajamna.

      Irra Deebii

      • Mataan gumii eenyu?

      • Jaarsoliin, gumii kan gargaaran akkamitti?

      • Tajaajiltoonni Yihowaa hundi gaʼee akkamii qabu?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Ragaa Qaamni Ol Aanaanii fi jaarsoliin kaan Kiristiyaanota yeroo ammaatti argamaniif akka yaadan argisiisu ilaali.

      Obboloota Dhorkaa Jala Jiran Jajjabeessuu (4:22)

      Waaʼee hojii ilaaltonni ol aanaa aanaa raawwatanii baradhu.

      Ilaaltuu Ol Aanaa Aanaa Naannoo Baadiyyaa Daawwatu (4:51)

      Dubartoonni gumii keessatti gaʼee akkamii akka qaban dubbisi.

      “Dhugaa Baatonni Yihowaa Dubartoota Waaʼee Amantii Barsiisan Qabuu?” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessaa-Muddee 2012)

      Jaarsoliin obboloota isaanii jajjabeessuuf carraaqqii guddaa kan godhan akkamitti akka taʼe dubbisi.

      “Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2013)

  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Kitaabni Qulqulluun abbootii manaatiif gorsa akkamii kenna?

      Yihowaan abbaan manaa mataa maatii akka taʼu muudeera. (Efesoon 5:23 dubbisi.) Kanaafuu, murtoo maaticha fayyadu akka godhu isa irraa eega. Kitaabni Qulqulluun, “Haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa” jechuudhaan abbootii manaa gorsa. (Efesoon 5:25) Kana jechuun maal jechuu dha? Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe tokko, manattis taʼe namoota kaan duratti haadha manaa isaatti gaarummaa argisiisa. Miidhaa irraa ishii eega, akkasumas karaa qaamaa fi miiraa wanta ishii barbaachisu guutuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. (1 Ximotewos 5:8) Hunda caalaa immoo, Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabaattu ishii gargaara. (Maatewos 4:4) Fakkeenyaaf, haadha manaa isaa wajjin kadhachuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼa. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa jaalalaan kan kunuunsu yoo taʼe, Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaata.—1 Pheexiros 3:7 dubbisi.

  • “Garbichi Amanamaanii fi Ogeessi” Eenyu? Hojiin Isaa hoo Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Yesuus mataa gumii Kiristiyaanaa ti. (Efesoon 5:23) Yeroo ammaattis samii irra taaʼee ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamuudhaan duuka buutota isaa lafa irra jiran geggeessaa jira. (Maatewos 24:45 dubbisi.) Yesuus Kiristoos “garbicha” kana muudeera; murtoowwan tokko tokko akka godhus mirga isaaf kenneera; taʼus garbichi kun Kiristoosiif ajajamuu fi obboloota Kiristoos tajaajiluu qaba. Maarree garbichi kun eenyu? Kunuunsa kan nuuf godhu hoo akkamitti?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi