LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waan Waaqayyo Walitti Qabsiise Gargar Hin Baasinaa
    Masaraa Eegumsaa—2007 | Caamsaa 1
    • 13. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu haadhotii manaa gargaaruu danda’u isa kami?

      13 Macaafni Qulqulluun seera bu’uuraa haadhotii manaatiif ta’us qabateera. Efesoon 5:22-24, 33 akkas jedha: “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu! Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti. Waldaan kristiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu. . . . Haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”

  • Waan Waaqayyo Walitti Qabsiise Gargar Hin Baasinaa
    Masaraa Eegumsaa—2007 | Caamsaa 1
    • 15. Gorsa Macaafni Qulqulluun haadhotii manaatiif kenne keessaa tokko tokko maalidha?

      15 Phaawulos itti dabalees haati manaa ‘abbaa manaasheetiif ulfina kennuu akka qabdu’ dubbateera. Haati manaa Kiristiyaana taate tokko, “hafuura garraamummaa fi gabii” calaqqisiisuu qabdi malee, of tuulummaadhaan kakaatee aboo abbaa manaasheetiin mormuu ykn yaada mataasheetiin buluu hin qabdu. (1 Phexros 3:4) Haati manaa Waaqayyoof bulte, wanta manasheetiif gaarii ta’eefi abbaa manaasheetiif ulfina argamsiisu raawwachuuf dhimmiti. (Tiitoos 2:4, 5) Gaarummaa abbaa manaashee dubbachuuf yaalti malee, wanta warri kaan akka isa tuffatan godhu tokkoyyuu hin gootu. Akkasumas murtoon inni godhe akka milkaa’u gochuuf carraaqxi.—Fakkeenya 14:1.

      16. Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’an fakkeenya Saaraayiifi Ribqaarraa maal barachuu danda’u?

      16 Dubartiin Kiristiyaanni tokko hafuura garraamummaafi gabii qabaatti jechuun, ilaalcha mataashee hin qabdu ykn yaannishee barbaachisaa miti jechuu miti. Dubartoonni bara durii Waaqayyoof bulan, jechuunis kan akka Saaraayiifi Ribqaa, dhimmoota tokko tokko ilaalchisee wanta isaan yaaddessu ibsuuf dursa fudhatanii turan; seenaan Macaafa Qulqulluu akka ibsutti Yihowaanis tarkaanfiisaanii deggereera. (Uumama 21:8-12; 27:46–28:4) Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’anis wanta isaanitti dhaga’ame dubbachuu ni danda’u. Ta’uyyuu, karaa ulfina qabeessaan malee tuffiidhaan ta’uu hin qabu. Akkas taanaan walitti dhufeenyisaanii caalaatti gammachiisaafi bu’a qabeessa ta’uu danda’a.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi