LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 15
    • 7. “Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuu” jechuun maal jechuudha?

      7 Yihowaan aarsaa furii Kiristosirratti hundaaʼee, dibamtoota akka qajeelotaatti lakkaaʼuudhaan akka ilmaansaatti, hoolota kan biraammoo akka michootasaatti kan fudhate taʼus, sirna hamaa kana keessa hamma jirrutti dhuunfaadhaan garaagarummaa qabaachuun keenya hin oolu. (Rom. 5:9; Yaq. 2:23) Utuu kun hin jiru taʼee, gorsi geggeessaa hafuuraatiin barreeffameefi “waliif dandaʼaa” jedhu nu hin barbaachisu ture. Maarree, namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin tokkummaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaa” qabaachuun nu barbaachisa. Kana malees Phaawulos, ‘hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf akka dhamaanu’ nu gorseera. (Efesoon 4:1-3 dubbisi.) Gorsa kana hojiirra oolchuun, hafuurri Waaqayyoo dhiibbaa akka nurratti godhu taasisuufi hafuurichi ija hojii hafuuraa akka nu keessatti guddisu heyyamuu kan dabalatudha. Iji hojii hafuuraa hojii foonii isa yeroo hunda garaagarummaa uumurraa haala adda taʼeen, garaagarummaa namoota gidduu jiru ni hambisa.

  • ‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Adoolessa 15
    • 9. “Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa” jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf of qoruu kan dandeenyu akkamitti?

      9 Kanaaf tokkoon tokkoon keenya akkas jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha: ‘“Tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf” carraaqqii hangamii gochaan jira? Yommuu rakkinni uumamu nagaa uumuuf tarkaanfii akkamiin fudhadha? Hiriyoota koorraa deggersa argachuuf jecha wanta na mufachiise sana hundumasaaniittan odeessaa? Ofumakootii nagaa uumuuf carraaqqii gochuu mannaa, jaarsoliin akka narra goran gochuufan yaalaa? Namoonni kaan waanan isaan mufachiise akka natti hin kaasneef jecha, isaanirraa fagaachuun yaalaa?’ Gochi akkasii kaayyoo Yihowaan wantoota waaqarraafi lafarraa hunda karaa Kiristos deebisee walitti qabuuf baasee wajjin walsimnee jiraachaa akka jirru kan argisiisudhaa?

      10, 11. (a) Obboloota keenyaa wajjin nagaa qabaachuun hangam barbaachisaadha? (b) Nagaafi eebba Yihowaa kan argamsiisu maal gochuu keenyadha?

      10 Yesus akkas jedhee ture: “Kennaa aarsaa dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti in yaadatama taʼa. Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebiʼii kennaa aarsaa kee dhiʼeessi! . . . dafii isa firoomfadhu.” (Mat. 5:23-25) Yaaqoob, “Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:17, 18) Kanaaf, bakka nagaan hin jirretti amala qajeelaa argisiisuu hin dandeenyu.

      11 Fakkeenyaaf, utuu namoonni boombii awwaalame hin sodaatan taʼee, lafa qonnaa biyyoota waraanni keessatti geggeeffamu keessaa harka 35 ol kan taʼu misoomuu akka dandaʼu tilmaamama. Boombiin awwaalame yommuu dhukaʼu, qonnaan bultoonni maasiisaaniirraa ni buqqaʼu, qabeenyi mandarootaa ni saamama, magaalonnis nyaata dhabu. Haaluma wal fakkaatuun, amala nagaa obboloota keenyaa wajjin qabnu booressu yoo qabaanne, guddinni hafuuraa keenya ni daangeffama. Haataʼu malee, dafnee dhiifama kan goonuufi warri kaan nageenya akka argatan carraaqqii kan goonu yoo taʼe, nagaafi eebba Yihowaa argachuu dandeenya.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi