LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Fulbaana 15
    • 2 Namni tokko of murteessee erga cuuphamee boodas guddina gochuu isaa itti fufa. Kaayyoon isaa tajaajilaa Waaqayyoo gaʼeessa taʼe taʼuu dha. Gaʼeessummaan kun gaʼeessummaa qaamaa utuu hin taʼin gaʼeessummaa hafuuraa ti. Phaawulos ergamaan karaa hafuuraa guddina gochuun barbaachisaa akka taʼe Kiristiyaanota Efesoon keessa jiraataniif barreesseera. ‘Tokkummaa, isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira akka gaʼan, akkasumas hamma bilchaatoo taʼanitti, jechuunis akkuma Kiristos hamma bilchina guutuu bira gaʼanitti’ akka carraaqan isaan jajjabeesseera.—Efe. 4:13, NW.

      3. Haala gumii Efesoon keessa ture akkamiitu saba Yihowaa yeroo harʼaa jiran gidduu jira?

      3 Phaawulos xalayaa isaa yeroo barreessetti, gumiin Efesoon erga hundeeffamee waggoonni muraasni darbaniiru. Duuka buutonni achitti argaman hedduun karaa hafuuraa baayʼee guddataniiru. Haa taʼu malee, isaan keessaa tokko tokko gaʼeessummaatti guddachuun isaan barbaachisa ture. Haalli Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaas kanaa wajjin wal fakkaata. Obboloonni hedduun yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon kan tajaajilanii fi karaa hafuuraa gaʼeessummaatti kan guddatani dha. Taʼus, sadarkaa kana irra kan gaʼan Kiristiyaanota hunda miti. Fakkeenyaaf, waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman kan cuuphaman siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko amma iyyuu gaʼeessota taʼuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Ati hoo?—Qol. 2:6, 7.

  • Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Fulbaana 15
    • 5 Tajaajilaan Yihowaa gaʼeessa taʼe, Yesus isa ‘faana isaa duukaa akka buunuuf’fakkeenya nuuf kaaʼee hordofa. (1 Phe. 2:21) Wanti Yesus baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbate maali dha? Garaa guutuu, jireenya guutuu fi yaada guutuudhaan Yihowaa jaallachuu, akkasumas nama akka mataa ofiitti jaallachuu dha. (Mat. 22:37-39) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko gorsa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii godha. Akkaataan jireenyaa isaa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf dursa akka kennuu fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe akka qabu kan argisiisu dha.

  • Bilchina Akka Kiristos Bira Gaʼaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Fulbaana 15
    • 8. Waaʼee beekumsaa fi hubannaa Yesus Caaffata Qulqullaaʼoo irratti qabuu maal jechuutu dandaʼama?

      8 Yesus Kiristos beekumsa Dubbii Waaqayyoo qaba ture. Yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti illee barsiisota mana sagadaa wajjin dhimmoota Caaffata Qulqullaaʼoo irratti hundaaʼan irratti mariʼachuu dandaʼee ture. “Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan.” (Luq. 2:46, 47) Yeroo boodas, lafa irratti yeroo tajaajilaa turetti, Dubbii Waaqayyoo irraa ragaa sirrii taʼe caqasuudhaan diinota isaa afaan qabsiiseera.—Mat. 22:41-46.

      9. (a) Namni karaa hafuuraa guddachuu barbaadu tokko barsiifata qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamii qabaachuu qaba? (b) Macaafa Qulqulluu qayyabachuun kan barbaachisu maaliifi?

      9 Kiristiyaanni karaa hafuuraa guddachuu barbaadu tokko fakkeenya Yesus waan hordofuuf beekumsa Macaafa Qulqulluu muraasa argachuu isaatti qofa hin gammadu. ‘Nyaanni jabaan kan warra gaʼanii’ taʼuu isaa hubachuudhaan, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan qora. (Ibr. 5:14) Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe, “ilma Waaqayyoo beekuu” akka barbaadu beekamaa dha. (Efe. 4:13) Sagantaa baafachuudhaan guyyaa guyyaatti Macaafa Qulqulluu ni dubbistaa? Sagantaa qayyabannaa dhuunfaa itti godhattu qabdaa? Torban torbaniin waaqeffannaa maatii godhachuudhaaf yeroo ni ramaddaa? Yeroo Dubbii Waaqayyoo qortutti seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkaataa Yihowaan itti yaaduu fi miira isaa hubachuuf si gargaaran irratti xiyyeeffadhu. Achiis seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murtoo godhi; akkas yoo goote caalaatti Yihowaatti dhihaatta.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi