LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yaadawwan Beekumsa Waaqayyoo Morman Hunda Garagalchaa!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2019 | Waxabajjii
    • ‘HUMNA SAMMUU KEESSAN HOJJECHIISU HAARESSAA’

      7. Keessa namummaa keenyaa jijjiiruu kan dandeenyu akkamitti?

      7 Eenyummaa keenya isa keessaa jijjiiruun ni dandaʼamaa? Dubbiin Waaqayyoo, “Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa; akkasumas, namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu” jechuudhaan deebii kenna. (Efe. 4:23, 24) Eeyyee, keessa namummaa keenya jijjiiruun ni dandaʼama, taʼus, kana gochuun salphaa miti. Fedhii dogoggoraa dandamachuu fi wanta dogoggoraa hojjechuu dhiisuun qofti gaʼaa miti. ‘Humna sammuu keenya hojjechiisu’ jijjiiruu nu barbaachisa. Kunis fedhii keenya, amala keenyaa fi sababii wanta tokko raawwachuuf nu kakaasu jijjiiruu dabalata. Kun immoo carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu gaafata.

      8-9. Muuxannoon obboleessa tokkoo, keessa namummaa keenyaa jijjiiruun barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?

      8 Mee fakkeenya obboleessa duraan lola jaallatu tokkoo haa ilaallu. Obboleessi kun dhugaatii dhuguu fi nama loluu erga dhaabee booda cuuphamuudhaaf gaʼeessa taʼe, kunis hawaasa xinnoo inni keessa jiraatuuf akka gaariitti dhugaa baʼuuf gargaare. Taʼus, cuuphamee utuu baayʼee hin turin galgala tokko, qorumsi inni hin eegne tokko isa mudate. Namni machaaʼe tokko gara mana isaa dhufee isa loluu barbaade. Obboleessi keenya jalqaba irratti fedhii loluuf qabu ni dandamate. Taʼus, namichi dhuma irratti maqaa Yihowaa yommuu arrabsu, obboleessi keenya inni haaraan kun kana caalaa obsuu hin dandeenye. Kanaafuu, gad baʼee namicha reebe. Rakkinni isaa maal ture? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa fedhii lolaaf qabu akka ukkaamsu kan isa gargaare taʼus, amma iyyuu humna sammuu isaa hojjechiisu hin haaressine. Jechuunis eenyummaa isaa isa keessaa hin jijjiirre ture.

      9 Haa taʼu malee, obboleessi kun abdii hin kutanne. (Fak. 24:16) Gargaarsa jaarsoliitiin guddina gaarii gochuu isaa itti fufeera. Boodas jaarsa gumii taʼuu dandaʼeera. Achiis, Galma Walgaʼiitii alatti, rakkinni waggoota hedduu dura isa mudatee turee wajjin wal fakkaatu kallattiidhaan isa mudate. Namni machaaʼe tokko jaarsa gumii tokko rukutuuf itti aggaame. Obboleessi keenya yeroo kanatti maal godhe? Haala tasgabbii qabuu fi akka gad of qabu argisiisuun nama machaaʼe sana haasofsiisuudhaan, haala nama dhiphisu sana tasgabbeesse, achiis namichi gara mana isaatti akka galu isa gargaare. Yeroo kanatti obboleessi kun wanta isa duraa irraa adda taʼe kan godhe maaliifi? Obboleessi keenya humna sammuu isaa hojjechiisu jijjiiree ture. Keessa isaa guutummaatti jijjiiruudhaan, nama naga qabeessaa fi gad of qabu taʼee ture. Kunis Yihowaadhaaf ulfina fideera!

      10. Keessa namummaa keenya jijjiiruun maal dabalata?

      10 Jijjiiramni akkasii yeroo gabaabaa keessatti kan taʼu, ykn carraaqqii utuu hin godhin kan argamu miti. Waggoota hedduudhaaf ‘wanta dandeenye hunda’ gochuuf carraaqqii gochuu nu gaafachuu dandaʼa. (2 Phe. 1:5) Jijjiiramni kun yeroo dheeraadhaaf “dhugaa keessa” waan jiraanneef qofa kan dhufu miti. Keessa namummaa keenyaa jijjiiruuf carraaqqii cimaa gochuu nu barbaachisa. Kana gochuuf tarkaanfiiwwan guguddaa tokko tokko fudhachuun nu gargaaruu dandaʼa. Mee isaan keessaa tokko tokko haa qorru.

      HUMNA SAMMUU KEENYA HOJJECHIISU JIJJIIRUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

      Obboleettiin tokko kadhannaadhaan humna sammuu ishii hojjechiisu erga jijjiirtee booda, daawitii keessatti of ilaalaa xiinxalti achiis michoota gaarii filatti

      11. Kadhannaan humna sammuu keenya hojjechiisu jijjiiruuf kan nu gargaaru akkamitti?

      11 Kadhannaan tarkaanfii isa jalqabaa barbaachisaa taʼe dha. Akkuma Faarfatichaa, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, yaa Waaqayyo! Hafuura dhaabbataas ana keessatti haaressi!” jennee kadhachuu nu barbaachisa. (Far. 51:10) Humna sammuu keenya hojjechiisu jijjiiruun barbaachisaa taʼuu isaa amannee fudhachuu fi gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna. Yihowaan jijjiirama kana gochuuf akka nu gargaaru akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Abdii Yihowaan Israaʼeloota mata jabeeyyii taʼanii fi bara Hisqiʼelitti turan ilaalchisee, “Ani garaa haaraa isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaa’a; . . . garaa isa akka foonii [jechuunis isa qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf fedhii qabu] isaaniif nan kenna” jechuudhaan kenne irraa jajjabina argachuu dandeenya. (His. 11:19) Yihowaan Israaʼeloota sana gargaaruudhaaf fedhii qaba ture, nuunis gargaaruudhaaf fedhii qaba.

      12-13. (a) Faarfannaan 119:59 akka ibsutti maal irratti xiinxaluu nu barbaachisa? (b) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

      12 Xiinxaluun tarkaanfii barbaachisaa isa lammaffaa dha. Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan yommuu dubbisnu, yaada ykn miira keenya isa jijjiiruun nu barbaachisu yeroo fudhannee xiinxaluu ykn gad fageenyaan irratti yaaduu nu barbaachisa. (Faarfannaa 119:59 dubbisi; Ibr. 4:12; Yaq. 1:25) Yaadaa fi miira keenya falaasamni namootaa dhiibbaa irratti godhee taʼuu dandaʼu adda baasnee hubachuu qabna. Dadhabina keenya haqaan amannee fudhachuu fi balleessuuf jabaannee hojjechuu qabna.

      13 Fakkeenyaaf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hinaaffaa xinnoon illee garaa koo keessa jiraa?’ (1 Phe. 2:1) ‘Akkaataa guddinaa koo, sadarkaa barumsaa koo ykn qarshiin qabuun kan kaʼe hamma tokko koorri natti dhagaʼamaa?’ (Fak. 16:5) ‘Namoota wanta ani qabu hin qabne ykn sanyiin isaanii kan koo irraa adda taʼe nan tuffadhaa?’ (Yaq. 2:2-4) ‘Wantoonni addunyaan Seexanaa dhiheessu na hawwatuu?’ (1 Yoh. 2:15-17) ‘Bohaartii naamusaa ala taʼee fi hammeenya of keessaa qabu nan jaalladhaa?’ (Far. 97:10; 101:3; Amo. 5:15) Deebiin gaaffiiwwan dhuunfaatti dhihaatan kanaaf kennitu bakka jijjiirama gochuun itti si barbaachisu adda baastee akka beektu si gargaara. Yaadawwan garaa keenya keessa jiranii fi akka “daʼoo jajjabaa” taʼuu dandaʼan moʼuudhaan Abbaa keenya isa samii gammachiisna.—Far. 19:14.

      14. Michoota gaarii filachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      14 Michoota gaarii filachuun tarkaanfii barbaachisaa isa sadaffaa dha. Nuti beeknus beekuu baannus michoonni keenya dhiibbaa guddaa nu irratti godhu. (Fak. 13:20) Iddoo hojiittis taʼe mana barumsaatti, namoota yaada Waaqayyoo akka guddifannu nu hin gargaarreen marfamuu dandeenya. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya irratti michoota gaarii taʼan argachuu dandeenya. Walgaʼiiwwan keenya bakka nuti “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf” itti wal jajjabeessinu ykn wal kakaasnu dha.—Ibr. 10:24, 25.

  • Yaadawwan Beekumsa Waaqayyoo Morman Hunda Garagalchaa!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2019 | Waxabajjii
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi