LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 4. Yihowaan ulaagaawwan isaa wajjin walsimnee akka jiraannu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti beekna?

      4 Yihowaan ulaagaa inni wanta sirrii fi dogoggora taʼeef baaseen akka jiraannu nu irraa barbaada. Ulaagaawwan isaa sirrii fi qajeeloo waan taʼaniif, akka ulaagaawwan kanaatti yommuu jiraannu qajeelummaa hordofaa jirra jechuu dha. Isaayyaas 1:17, “Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa” jedha. Dubbiin Waaqayyoo ‘qajeelummaa akka barbaaddannu’ nu gorsa. (Sefaaniyaa 2:3) Kana malees, ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa dhugaadhaan uumame akka uffannu’ nu jajjabeessa. (Efesoon 4:24) Qajeelummaa dhugaan ykn haqni dhugaan, wantoota qulqulluu hin taane kan akka hamminaa, xuraaʼummaa fi halalummaa irraa fagaachuu gaafata.—Faarfannaa 11:5; Efesoon 5:3-5.

  • ‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • 6 Qajeelummaa hordofuun namoota cubbuu dhaalaniif salphaa miti. Namummaa moofaa hojii isaa isa gadhee wajjin of irraa baasnee namummaa haaraa uffachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun namummaa haaraan, beekumsa dhugaadhaan ‘haareffamaa akka deemu’ dubbata. (Qolosaayis 3:9, 10) Yaanni “haareffamaa deemu” jedhu, namummaa haaraa uffachuun gocha itti fufiinsa qabuu fi carraaqqii gaafatu taʼuu isaa argisiisa. Wanta sirrii gochuuf hamma fedhe carraaqnus, cubbuu waan dhaalleef yaadaan, dubbii fi gochaan yeroon itti gufannu jira.—Roomaa 7:14-20; Yaaqoob 3:2.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi