-
Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kenni
Yeroo tokko tokko hojiin waan nutti baayʼatuuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf yeroo akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Maarree maaltu si gargaaruu dandaʼa? Filiphisiyus 1:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Jireenya keenya keessatti ‘wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼan’ tokko tokko maalfaa sitti fakkaata?
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif dursa kennuu kan dandeessu akkamitti?
Baaldii tokkotti cirracha erga naqxee booda, dhagaa itti naquuf yoo yaalte iddoon si hin gaʼu
Jalqaba dhagaa yoo itti naqxe garuu, cirracha itti naquuf iddoo ni argatta. Haaluma wal fakkaatuun, jireenya kee keessatti ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif’ dursa yoo kennite, wantoota sana raawwachuu fi wantoota kaaniif yeroo argachuu dandeessa
Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun fedhii hafuuraa keenya, jechuunis fedhii Waaqayyoon beekuu fi isa waaqeffachuuf qabnu nuuf guuta. Maatewos 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif dursa kennuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
-
-
Bashannana Yihowaa Gammachiisu FiladhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Yeroo keetti ogummaadhaan fayyadami
VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleessi viidiyicha irratti ibsame wanta gaarii hin taane kan hin ilaalle taʼus, yeroon inni bashannanaan dabarsu dhiibbaa akkamii isa irraan geessiseera?
Filiphisiyus 1:10 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Caqasni kun bashannana irratti yeroo hangamii dabarsuu akka qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?
-