LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 3. Namni tokko cuuphamuu isaa dura maal gochuu qaba?

      Cuuphamuu kee dura waaʼee Yihowaa barachuu fi amantii isa irratti qabdu guddifachuun kee baayʼee barbaachisaa dha. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Beekumsii fi amantiin Yihowaa irratti qabdu yommuu guddachaa deemu jaalalli isaaf qabdus guddachaa deema. Kun immoo waaʼee isaa lallabuu fi ulaagaalee isaa wajjin wal simtee jiraachuuf si kakaasa. (2 Ximotewos 4:2; 1 Yohaannis 5:3) Namni tokko “guutummaatti isa gammachiisuuf akka Yihowaadhaaf taʼutti” jiraachaa jira yoo taʼe, jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu fi cuuphamuu dandaʼa.—Qolosaayis 1:9, 10.a

  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • a Namni tokko dhaabbata amantaa kan biraa keessatti kan cuuphame yoo taʼe illee, irra deebiʼee cuuphamuun isa barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaa amantaan sun dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru waan hin barsiisneefi.—Hojii Ergamootaa 19:1-5 fi Barumsa 13 ilaali.

  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Cuuphamuu kee dura beekumsa hammamii argachuu qabda?

      Cuuphamuuf “beekumsa dhugaa isa sirrii” argachuu qabda. (1 Ximotewos 2:4) Kana jechuun garuu cuuphamuu kee dura gaaffii Kitaaba Qulqulluu hundumaaf deebii isaa beekuu qabda jechuu miti. Kiristiyaanonni erga cuuphamanii waggoota dheeraadhaaf turan illee barachuu isaanii itti fufu. (Qolosaayis 1:9, 10) Haa taʼu malee, barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuun si barbaachisa. Jaarsoliin gumii beekumsa Kitaaba Qulqulluu gaʼaa qabaachuu fi dhiisuu kee beekuuf si gargaaru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi