-
Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
Gaaʼelli rakkina irraa walaba taʼe hin jiru. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa rakkina isaan mudate hiikuuf waliin hojjechuu qabu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Mallattoowwan hiriyoonni gaaʼelaa kun wal irraa fagaachaa akka jiran argisiisan tokko tokko kam faʼi?
Gaaʼela isaanii cimsachuuf maal godhaniiru?
Qorontos Tokkoffaa 10:24 fi Qolosaayis 3:13 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Gorsa kana hojii irra oolchuun gaaʼela kan cimsu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun wal kabajuu akka qabnu dubbata. Wal kabajuun immoo gaarummaa walitti argisiisuu dabalata. Roomaa 12:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Abbaan manaa fi haati manaa wal kabajuuf wal eeguu qabuu? Maaliif?
-
-
Tokkummaa Gumiitiif Gumaacha GodhiBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Kiristiyaana tokkoo wajjin walii galuu yoo dadhabde maal goota?
Tokkummaa kan qabnu taʼus hundi keenya cubbuu kan dhaalle dha. Kanaaf, yeroo tokko tokko wal mufachiisuu ykn wal miidhuu illee ni dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “Waliif dhiisuu keessan itti fufaa” erga jedhee booda sababii isaa yommuu ibsu, “Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Yihowaan yeroo baayʼee kan isa gaddisiisne taʼus, dhiifama nuuf godheera. Kanaafuu, nutis obboloota keenyaaf dhiifama akka goonu nu irraa eega. Nama tokko akka miite yoo hubatte, dhimmicha furuuf dursa fudhadhu.—Maatewos 5:23, 24 dubbisi.b
-
-
Tokkummaa Gumiitiif Gumaacha GodhiBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
5. Tola dhiifama godhi, akkasumas nagaa buusi
Yihowaadhaaf dhiifama gochuun matumaa kan nu hin barbaachisne taʼus, inni tolaan dhiifama nuuf godha. Faarfannaa 86:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Dhiifamni Yihowaan godhu hammam guddaa dha?
Dhiifama kan godhu taʼuu isaatiif kan galateeffattu maaliifi?
Haalawwan namoota kaanii wajjin walii galuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼan kam faʼi?
Fakkeenya Yihowaa hordofuu fi obboloota keenyaa wajjin tokkummaadhaan jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya 19:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namni tokko yoo si aarse ykn yoo si mufachiise nagaa uumuuf maal gochuu dandeessa?
Yeroo tokko tokko warra kaan ni mufachiisna. Maarree haalli akkasii yommuu nu mudatu maal gochuu qabna? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleettiin viidiyicha irratti ibsamte, nagaa uumuuf maal gooteetti?
-