-
Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Wanta baratte namoota kaanitti himuu kan dandeessu akkamitti?
Barattoonni Yesuus, “Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu” jedhanii turan. (Hojii Ergamootaa 4:20) Dhugaadhaaf bakka guddaa kennanii waan turaniif, hamma isaaniif dandaʼame namoota hedduutti himuu barbaadu turan. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, carraa wanta baratte maatii fi michoota keetti kabajaan himuuf si dandeessisu argachuuf carraaqi.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.
Karaawwan lallabuu jalqabuu itti dandeessu tokko tokko
Firoota kee wajjin yommuu haasoftu, mata duree Kitaaba Qulqulluu tokko isaanitti himuuf, “Torban kana wanta baayʼee nama dinqisiisu tokkon baradhe” jettee jalqabuu dandeessa.
Michuu kee dhukkubsate ykn dhiphate tokkoof caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessu dubbisiif.
Namoonni si wajjin hojjetan ‘Sanbadduraa fi Dilbanni akkam ture?’ jedhanii yommuu si gaafatan wanta qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa ykn walgaʼii gumii irraa baratte itti himi.
Michoota keetti weebsaayitii keenya jw.org itti argisiisi.
Warri kaan yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼattu akka argaman affeeri ykn jw.org fayyadamanii qoʼachuuf gaafachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe itti argisiisi.
-
-
Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Karaa kabaja qabuun dubbadhu
Misiraachoo namootatti yommuu himtu wanta dubbattu qofa utuu hin taʼin akkaataa itti dubbattuufis xiyyeeffannaa kenni. Ximotewos Lammaffaa 2:24 fi 1 Pheexiros 3:15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti yommuu himtu caqasawwan kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?
Miseensonni maatii kee ykn michoonni kee wanta ati dubbattu hin fudhatan taʼa. Maarree yeroo kanatti maal gochuu dandeessa? Maal gochuu hoo hin qabdu?
Wanta itti amanuu qaban namootatti himuu mannaa gaaffiiwwanitti malaan fayyadamuun gaarii kan taʼe maaliifi?
-