LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Furamuun Keessan Dhiʼaateera”!
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Adoolessa 15
    • 14, 15. Goog inni biyya Maagoog miidhaa geessisuu erga jalqabee booda hojii walitti qabuu akkamiitu raawwatama? Hojiin walitti qabuu kun hoo maal dabalataa?

      14 Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu erga jalqabee booda maaltu raawwatama? Maatewosii fi Maarqos akkana jechuudhaan wanta wal fakkaatu galmeessaniiru: “[Ilmi namaa] immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof foʼaman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba.” (Mar. 13:27; Mat. 24:31) Hojiin walitti qabuu kun, yeroo jalqaba dibamtoonni itti walitti qabaman kan argisiisu miti; akkasumas, dibamtoota yeroo sana lafa irra jiran irratti mallattoon inni dhumaa godhamuu isaa kan argisiisu miti. (Mat. 13:37, 38) Mallattoon inni dhumaa kun kan godhamu rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura dha. (Mul. 7:1-4) Hojiin walitti qabuu Yesus waaʼee isaa dubbate kun maali dha ree? Yeroo namoota 144,000 keessaa warri lafa irratti argaman badhaasa isaanii isa samii itti argatani dha. (1 Tas. 4:15-17; Mul. 14:1) Kunis kan raawwatamu, Goog inni biyya Maagoog miidhaa geessisuu jalqabee yeroo muraasa booda dha. (His. 38:11) Achiis wanti Yesus, “Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jechuudhaan dubbate raawwii isaa argata.—Mat. 13:43.b

      15 Kana jechuun dibamtoonni “ol butamu” jechuu dhaa? Miseensonni Saba Kiristiyaanaa hedduun, akka barumsa kanaatti Kiristiyaanonni qaama fooniitiin lafa irraa gara samiitti akka ol fudhataman amanu. akkasumas Yesus lafa bulchuuf yeroo deebiʼee dhufu ijaan akka argamu eegu. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “milikkinni ilma namaa” samii keessatti akka mulʼatuu fi Yesus “duumessoota waaqaa irra” akka dhufu dubbata. (Mat. 24:30) Yaadawwan kun lamaan, Yesus yeroo dhufutti ijaan akka hin mulʼanne argisiisu. Kana malees, ‘foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuun’ hin dandaʼamu. Kanaafuu, warri gara samiitti ol fudhataman, ‘malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti geddaramuu’ qabu.c (1 Qorontos 15:50-53 dubbisi.) Kanaafuu, yaadni “ol butamuu” jedhu barumsa dogoggoraa wajjin kan wal qabate waan taʼeef iddoo kanatti itti fayyadamuu baannus, dibamtoonni lafa irra jiran yeroo murtaaʼe tokko keessatti walitti qabamu.

  • “Furamuun Keessan Dhiʼaateera”!
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Adoolessa 15
    • c Dibamtoonni yeroo sanatti lafa irra jiran qaama fooniitiin gara samiitti ol hin fudhataman. (1 Qor. 15:48, 49) Kanaa mannaa, akkuma qaamni Yesus dhabamsiifame kan isaaniis kan dhabamsiifamu taʼuu hin oolu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi