LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Waaqayyoon Eeggachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Sadaasa 15
    • 9-11. Raajiin 1 Tasaloniiqee 5:3⁠rra jiru raawwiisaa argateeraa? Ibsi.

      9 Tasaloniiqee Isa Duraa 5:1-3 dubbisi. Dhiheenyatti mootummoonni, “Nagaa dha, gabii dhas” jechuudhaan ni labsu. Labsii kanaan gowwoomfamuurraa fagaachuuf, ‘dammaquufi of qabuun’ keenya barbaachisaadha. (1 Tas. 5:6) Karaa hafuuraa dammaqoo ta’uuf, wantoota labsiin bakka guddaa qabu kun himamuusaa dura raawwataman tokko tokko haa qorru.

      10 Waraana addunyaa lamaan booda mootummoonni nagaa buusuuf carraaqqii cimaa godhanii turan. Waraana addunyaa tokkoffaa booda, nagaa fiduu akka danda’u abdachuudhaan Waldaan Mootummoota Addunyaa hundeeffamee ture. Waraana addunyaa lammaffaa boodammoo, namoonni Dhaabbanni Mootummoota Walta’anii lafarratti nagaa akka buusu abdatanii turan. Mootummoonniifi geggeessitoonni amantii, dhaabbileen kun lamaan ilmaan namootaatiif nagaa akka buusan itti amananii turan. Fakkeenyaaf, Dhaabbanni Mootummoota Walta’anii barri 1986 Bara Nagaa Addunyaa maraa akka ta’e labsee ture. Bara kanatti, geggeessitoonni amantiifi bulchitoonni biyyoota baay’ee walga’ii Waldaa amantii Kaatolikii Asiisi, Xaaliyaaniitti godhamerratti kadhannaa dhiheessuuf walitti qabamanii turan.

      11 Haata’u malee, labsiin nagaafi gabii ilaalchisee dubbatames ta’e kanneen biroon, raawwii raajii 1 Tasaloniiqee 5:3⁠rratti ibsamee miti. Maaliif? Sababnisaa “badiisi itti hin yaadamin” waan hin geenyeefidha.

      12. Waa’ee labsii “Nagaa dha, gabii dhas” jedhuu wanti beeknu maalidha?

      12 Labsii bakka guddaa qabuufi “Nagaa dha, gabii dhas” jedhu kana kan labsu eenyudha? Gama kanaan, geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaafi amantiiwwan kaanii ga’ee akkamii qabaatu? Bulchitoonni mootummoota hedduu labsii kanarratti kan hirmaatan akkamitti? Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii hin kennu. Labsiin kun akkamittiyyuu yoo himame ykn hammamiyyuu amansiisaa yoo fakkaate, wanta dhugumaan raawwatamu akka hin taane yaadachuu qabna. Biyyi lafaa ammayyuu harka Seexanaa jala jira. Hanga dhumaattis kan manca’e ta’a malee jijjiirama hin godhu. Nu keessaa Kiristiyaanni tokko olola Seexanaa amanuudhaan ejjennoosaa yoo laaffise baay’ee nama hin gaddisiisuu?

  • ‘Waaqayyoon Eeggachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Sadaasa 15
    • 14. Badiisni Baabilon Guddittii akka dhihaate kan argisiisu maalidha?

      14 Baabilon Guddittiin isheen bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate ni baddi. Yeroo sanatti ‘namoonni, tuutonni, saboonniifi afaanonni’ gargaarsa isheedhaaf gochuu hin danda’an. Mallattoowwan badiisnishee akka dhihaate argisiisan ammayyuu argaa jirra. (Mul. 16:12; 17:15-18; 18:7, 8, 21) Yeroo har’aattillee deggersa dhabaa akka jirtu ceephoo karaa sabqunnamtii, amantiifi geggeessitoota amantiirra ga’aa jirurraa hubachuun ni danda’ama. Ta’uyyuu, geggeessitoonni Baabilon Guddittii badiisni akka isaanirra hin geenye yaadu. Kun dogoggora guddaa mitii? Labsii “Nagaa dha, gabii dhas” jedhutti aansee, mootummoonni harka Seexanaa jala jiran amantii sobaatti garagalanii ishee balleessu. Sana booda Baabilon Guddittiin matumaa hin jiraattu! Hanga wanti iddoo guddaa qabu kun raawwatamutti obsaan eeggachuun baay’ee barbaachisaadha.​—Mul. 18:8, 10.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi