LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaan Ol Si Qaba
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Muddee 15
    • 13. Fayyaa ilaalchisee yaada sirrii akkamii kennuun ni dandaʼama?

      13 Amma kan jiraannu yeroo Kiristiyaanni michuu keenya taʼe tokko, ‘kennaa fayyisuutti’ fayyadamee nu fayyisuu dandaʼu keessa miti. Haa taʼu malee, obboloonni nuuf yaadan tokko tokko waaʼee fayyaa keenyaa tola yaada nuu kennu. Dhugaa dha namni tokko yaada walii galaa hojii irra oolu nuu kennuu dandaʼa. Phaawulos tarii bishaan naannoo sanaa faalamaa waan tureef taʼuu dandaʼa, yeroo Ximotewos garaan isa dhukkubetti akkana godheera.a (1 Ximotewos 5:23 dubbisi.) Haa taʼu malee kun, Dhugaa Baatuun obboleessa keenya taʼe tokko baala, qoricha ykn nyaata buʼa qabeessa hin taane ykn yeroo tokko tokko miidhaa geessisuu dandaʼu akka fudhatu amansiisuuf yaaluu irraa adda dha. Yeroo tokko tokko namoonni tokko tokko yaada akka armaan gadii jiruun warra kaan amansiisuuf yaalu: ‘Firri koo dhukkuba akkasii waan qabuuf qoricha . . . fudhatee ni fayye.’ Yaanni kun hammam iyyuu garaa qulqulluudhaan yoo kenname, qorichi ykn yaaliin fayyaa balʼinaan hojii irra oolu illee miidhaa guddaa qabaachuu akka dandaʼu yaadachuun keenya gaarii dha.—Fakkeenya 27:12 dubbisi.

  • Yihowaan Ol Si Qaba
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Muddee 15
    • a Kitaabni Maddaa fi Seenaa Wayinii Durii jedhamu gabaasa akkana jedhu baaseera: “Maaykiroobonni taayfooyidii fi dhukkuboota gara biraa ciccimoo taʼan geessisan wayinii keessa yommuu seenan battalumaan akka duʼan qorannoodhaan mirkanaaʼeera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi