LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 5 Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa Ximotewosiif barreessee fi xalayaa Tiitoof barreesse irratti, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu ilaaltonni ol aanaa guutuu qaban tarreesseera. Ximotewos Tokkoffaa 3:1-7 akkana jedha: “Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa. Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu, seera qabeessa, keessummaa kan simatu, barsiisuuf gaʼumsa kan qabu, kan hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane, yaada ofiitti kan hin cichine, kan nama hin lolle, maallaqa kan hin jaallanne, ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba; (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?) boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu. Kana malees, akka hin komatamnee fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.”

  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 7 Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu kun jalqaba irratti ulfaatoo fakkaatanis dhiironni Kiristiyaanota taʼan galma kana irra gaʼuuf carraaqqii gochuu irraa duubatti jechuu hin qaban. Ilaaltonni ol aanaa amaloota Kiristiyaanaa gaggaarii kana argisiisuuf carraaqqii yommuu godhan, obboloonni gumii keessa jiranis akkasuma gochuuf kakaʼu. Phaawulos, ‘namoota kennaa taʼan’ ilaalchisee akkana jedheera: “Kanas kan godhe, qulqulloota akka qajeelchan, warra kaan akka tajaajilanii fi qaama Kiristoos akka ijaaraniifi; kunis hamma hundi keenya tokkummaa isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira geenyutti, akkasumas hamma bilchaatoo taanutti, jechuunis akkuma Kiristoos hamma bilchina guutuu bira geenyutti dha.”—Efe. 4:8, 12, 13.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi