LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 9 Ilaaltonni ol aanaa muudamuuf gaʼumsa qaban ogummaa Waaqayyoo wajjin haala wal simuun akka jiraatan jireenya isaanii irraa mulʼachuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa tokko gaaʼela kan qabu yoo taʼe ulaagaa gaaʼelaa Kiristiyaana tokko irraa eegamu guutuu, jechuunis haadha manaa takkittii kan qabuu fi maatii isaa haala gaariidhaan kan bulchu taʼuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa tokko ijoollee amanan, amala gaarii qabanii fi ajajaman, akkasumas jireenya gadhiisii jiraachuudhaan ykn ajajamuu diduudhaan hin himatamne kan qabu yoo taʼe, miseensonni gumii jireenya maatii fi Kiristiyaanaa ilaalchisee gorsa isa gaafachuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼama. Kana malees, ilaaltuun ol aanaa tokko himata irraa walaba kan taʼee fi namoota alaa biratti illee maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba. Maqaa gumichaa akka hin xureessineef, ‘amala gaarii hin qabu’ jedhamee kan komatamu taʼuu hin qabu. Cubbuu cimaa raawwachuu isaatiin kan kaʼe dhiheenyatti adabni kan isaaf kenname taʼuu hin qabu. Ilaaltuun ol aanaa tokko ulaagaalee kana kan guutu yoo taʼe, obboloonni gumii keessa jiran fakkeenya isaa hordofuuf kakaʼu; karaa hafuuraas kunuunsa akka isaaniif godhu isatti amanamuu dandaʼu.—1 Qor. 11:1; 16:15, 16.

      10 Dhiironni gaʼumsa qaban kun haaluma jaarsolii Israaʼel warra ‘ogeeyyii, hubatoo fi muuxannoo qabanii’ wajjin wal fakkaatuun gumii Kiristiyaanaa tajaajiluu dandaʼu. (Kes. 1:13) Jaarsoliin gumii mudaa kan qaban taʼus, gumii isaanii fi hawaasa keessa jiran keessatti qajeeloo fi Waaqayyoon kan sodaatan, akkasumas qajeelfama Waaqayyoo kan hojii irra oolchan taʼuu isaaniitiin beekamu. Balleessaa kan hin qabne taʼuun isaanii gumii keessatti afaan guutanii dubbachuuf isaan gargaara.—Rom. 3:23.

  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 11 Dhiironni ilaaltuu ol aanaa taʼanii muudamuuf gaʼumsa qaban, dhuunfaattis taʼe hariiroo warra kaanii wajjin qaban irratti barsiifata madaalamaa akka qaban argisiisu. Finxaaleyyii miti. Kanaa mannaa, jireenyi isaanii madaallii isaanii akka eeggatanii fi akka of toʼatan argisiisa. Madaallii isaanii kan eeggatan taʼuun isaanii nyaata, dhugaatii, bohaartii, wanta yeroo boqonnaatti hojjetanii fi bashannana isaanii irratti ni mulʼata. Machooftuu jedhamanii akka hin himatamneef dhugaatii alkoolii ilaalchisee madaallii isaanii eeggachuu qabu. Namni dhugaatii alkooliitiin miirri isaa hadoode of toʼachuu hin dandaʼu; akkasumas karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran gargaaruu hin dandaʼu.

      12 Namni tokko gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼuuf seera qabeessa taʼuu qaba. Amalli isaa inni gaariin akkaataa uffannaa fi miidhaginaa isaa, akkaataa itti mana isaa qabuu fi sochii isaa hunda irratti ni mulʼata. Namni akkasii hojii tokko hojjechuuf harʼa bor kan hin jenne, wanta barbaachisu adda baasee kan beekuu fi isa irratti hundaaʼuudhaan karoora kan baafatu dha. Akkasumas qajeelfama Waaqayyootti maxxanee jiraata.

  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 14 Kana malees, namni tokko gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf sirriitti kan yaadu taʼuu qaba. Kana jechuun hubataa fi murteessuuf kan hin ariifanne taʼuu jechuu dha. Dhugaawwan buʼuuraa Yihowaan baasee fi akkaataa itti hojii irra oolan sirriitti kan beeku dha. Namni sirriitti yaadu gorsaa fi qajeelfama isaaf kennamu ni fudhata. Akkasumas fakkeessituu miti.

  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 15 Phaawulos ilaaltuun ol aanaa tokko wanta gaarii jaallachuu akka qabu Tiitoo yaadachiisee ture. Qajeelaa fi amanamaa taʼuu qaba. Amaloonni kunis hariiroo warra kaanii wajjin qabu, akkasumas ejjennoo inni wanta sirrii fi gaarii taʼeef qabu irraa mulʼachuu dandaʼu. Guutummaatti Yihowaadhaaf kan buluu fi haala akkamii keessatti iyyuu dhugaawwan buʼuuraa qajeeloo taʼan hojii irra kan oolchu dha. Iccitii eeguu kan dandaʼu dha. Garaadhaa keessummaa kan simatu yeroo taʼu, ofis taʼe qabeenya isaa arjummaadhaan warra kaaniif ni kenna.—HoE. 20:33-35.

      16 Ilaaltuun ol aanaa tokko warra kaan karaa buʼa qabeessa taʼeen tajaajiluuf barsiisuuf gaʼumsa kan qabu taʼuu qaba. Akkuma Phaawulos Tiitoof barreessetti ilaaltuun ol aanaa tokko “barumsa gaarii taʼeen jajjabeessuu fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate taʼuu qaba.” (Tit. 1:9) Inni yaada amansiisaa dhiheessuu, ragaa dhiheessuu, falmii isa mudatu dandamachuu fi karaa warra kaan amansiisuu fi amantii isaanii cimsuun caqasoota Kitaaba Qulqulluu ibsuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa kun yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti dandeettii barsiisuu akka qabu argisiisa. (2 Xim. 4:2) Nama balleessaa raawwate garraamummaadhaan sirreessuuf ykn nama shakkiin itti uumame amansiisuu fi amantiidhaan hojii gaarii akka hojjetu isa kakaasuuf obsa kan qabu dha. Ilaaltuun ol aanaa tokko namoota hedduu barsiisuu ykn tokko tokkoon barsiisuuf dandeettii qaba taanaan ulaagaa barbaachisaa taʼe kana guuteera jechuu dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi