LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Muddee 15
    • 6 Phaawulos, “Dubbii afaan keessaa ba’uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of qabuudhaanis [‘qulqullummaadhaanis,’ hiika bara 1899] amantootaaf fakkeenya ta’i!” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” isaan jedheera. (1 Xim. 4:12, 15) Guddinni asirratti ibsame aangoo Ximotewos wajjin utuu hin ta’in amalawwan gaarii inni argisiisuu qabuu wajjin kan wal qabatedha. Kiristiyaanni hundumtuu guddina akkasii argisiisuuf fedhii qabaachuu qaba.

  • Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Muddee 15
    • Dubbiidhaan Fakkeenya Ta’aa

      8. Dubbiin keenya waaqeffannaa keenyarratti dhiibbaa maalii qaba?

      8 Karaan Ximotewos fakkeenya itti ta’uu qabu inni tokko dubbiidhaan ture. Nuhoo gama kanaan guddinni keenya akka mul’atu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanti dubbannu eenyummaa keenya ni argisiisa. Yesus, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jechuunsaa sirriidha. (Mat. 12:34) Obboleessa Yesus kan ta’e Yaaqoobis, dhiibbaa dubbiin keenya waaqeffannaa keenyarratti qabaachuu danda’u hubatee ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.”—Yaq. 1:26.

      9. Dubbiin keenya karaawwan kamiin fakkeenya ta’uu qaba?

      9 Dubbiin keenya, warra gumii keessatti argaman kaaniif karaa hafuuraa hammam akka guddanne ibsuu danda’a. Kanaafuu, Kiristiyaanonni karaa hafuuraa guddatan, dubbii ulfina hin qabne, sirrii hin taane, nama ceepha’u ykn nama miidhu dubbachuu mannaa, nama jajjabeessuuf carraaqqii godhu. (Fak. 12:18; Efe. 4:29; 1 Xim. 6:3-5, 20) Seerri Waaqayyoo hundarra akka caalu warra kaanitti himuuf qophaa’oo ta’uufi seerawwan kana hojiirra oolchuu akka barbaannu dubbachuun keenya, Waaqayyoof kan bulle ta’uu keenya argisiisuu danda’a. (Rom. 1:15, 16) Namoonni garaa qajeelaa qaban, dandeettii dubbachuuf qabnutti akkamitti akka fayyadamnu kan hubatan ta’uusaarrayyuu, fakkeenya keenya hordofuu danda’u.—Filp. 4:8, 9.

      Akkaataa Jireenyaafi Qulqullina Keenyaan Fakkeenya Ta’uu

      10. Karaa hafuuraa guddachuuf, amantiin fakkeessitummaarraa walaba ta’e kan barbaachisu maaliifi?

      10 Kiristiyaanni tokko dubbii nama jajjabeessu dubbachuusaa caalaa wanti barbaachisaa ta’e, fakkeenya gaarii ta’uusaati. Namni tokko waan sirrii kan dubbatu ta’ullee, waan sana hojiirra kan hin oolchine yoo ta’e fakkeessituu ta’uusaati. Phaawulos fakkeessitummaa Fariisotaafi miidhaa gochisaanii qabu sirriitti beeka ture. Fakkeessitummaafi soba akkasii ilaalchisee Phaawulos Ximotewosiin al tokko caalaa akeekkachiiseera. (1 Xim. 1:5; 4:1, 2) Ximotewos garuu fakkeessituu hin turre. Phaawulos xalayaa lammaffaa Ximotewosiif barreesserratti, “Amantiin kee garaa qulqulluudhaan ta’uun isaa anatti yaadatama” jedheera. (2 Xim. 1:5) Ta’us, Ximotewos ammas akka Kiristiyaana tokkootti garaa qulqulluu qabaachuusaa argisiisuun isa barbaachisa. Akkaataa jireenyaasaatiin fakkeenya ta’uu qaba ture.

      11. Phaawulos qabeenya ilaalchisee Ximotewosiif maal barreesse?

      11 Phaawulos ergaawwan lamaan Ximotewosiif barreesserratti, waa’ee amalawwan addaddaa isa gorseera. Fakkeenyaaf Ximotewos qabeenya hordofuurraa of qusachuu qaba ture. Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.” (1 Xim. 6:10) Jaalalli qabeenyaa, namni tokko karaa hafuuraa dadhabaa ta’uusaa argisiisa. Karaa biraammoo, Kiristiyaanonni jireenya salphaa jiraachuutti, jechuunis ‘waan ittiin jiraataniifi wanta keessa jiraatan’ qabaachuutti gammadan, karaa hafuuraa guddachaa akka jiran argisiisu.—1 Xim. 6:6-8; Filp. 4:11-13.

      12. Guddinni keenya jireenya keenyaan akka mul’atu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

      12 Phaawulos, dubartoonni Kiristiyaana ta’an “uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” jiraachuunsaanii barbaachisaa akka ta’e Ximotewosiif ibseera. (1 Xim. 2:9) Dubartoonni uffannaafi miidhagina ilaalchisee filannaa godhaniinis ta’e, haala jireenyaa kaaniin maal naan jedhuu beekaniifi of qaban fakkeenya gaarii ta’u. (1 Xim. 3:11) Seerri bu’uuraa kun, dhiirota Kiristiyaana ta’aniifis ni hojjeta. Phaawulos ilaaltuun olaanaa tokko nama “of eeggataa,” [hiika bara 1899] “nama of qabu, nama ulfinaa” ta’uu akka qabu gorseera. (1 Xim. 3:2) Sochii guyyaa guyyaadhaan goonuun amalawwan kana yeroo argisiisnu, guddinni keenya nama hundumaatti ni mul’ata.

      13. Akkuma Ximotewos qulqullummaadhaan fakkeenya ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

      13 Ximotewos qulqullummaadhaanis fakkeenya gaarii ta’uu qaba ture. Phaawulos jecha kanatti fayyadamuudhaan, addumaan baasee waa’ee addaggummaa saalaa dubbachuusaa ture. Ximotewos keessumaa walitti dhufeenya dubartootaa wajjin qabuun, maqaa gaarii qabaachuun isa barbaachisa ture. “Dubartoota maangoddoota akka haadhotaatti, warra gara ijoollees yaada qullaa’aadhaan akka obboleetotaatti” qabuutu isarra jira ture. (1 Xim. 4:12; 5:2) Gochawwan addaggummaa dhoksaa fakkaatanillee, Waaqayyo biratti ni beekamu; oolee bulees namoota biratti akka beekaman homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, gochi gaariin Kiristiyaanni tokko raawwates dhokatee hin hafu. (1 Xim. 5:24, 25) Miseensonni gumii hundi, guddinnisaanii amalaafi qulqullummaasaaniitiin akka argamu gochuuf carraa qabu.

      Jaalalliifi Amantiin Barbaachisaadha

      14. Caaffanni Qulqullaa’oon, wal jaallachuun barbaachisaa ta’uusaa kan addeessan akkamitti?

      14 Amalli Kiristiyaanummaa dhugaan ittiin beekamu inni guddaan jaalaladha. Yesus bartootasaatiin, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Jaalala akkasii akkamitti argisiisna? Dubbiin Waaqayyoo “Jaalalaanis waliif danda’aa!” “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; . . . waliif dhiisaa!” jedha. Akkasumas keessummoota akka simannu irra deddeebi’ee nu gorsa. (Efe. 4:2, 32; Ibr. 13:1, 2) Phaawulos ergamaan, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa” jechuudhaan barreesseera.—Rom. 12:10.

      15. Kiristiyaanonni hundi, keessumaammoo ilaaltonni olaanaa jaalala argisiisuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

      15 Ximotewos Kiristiyaanota hidhatasaa ta’anitti kan garaa jabaatu utuu ta’ee, wanti gaariin inni barsiisaafi ilaaltuu olaanaa ta’uudhaan raawwate faayidaa hin qabaatu ture. (1 Qorontos 13:1-3 dubbisi.) Karaa biraatiinimmoo, Ximotewos jaalala dhugaa obbolootasaatiif qabu jechaan qofa utuu hin ta’in, keessummoota simachuufi wanta gaarii isaaniif gochuudhaan ibsuunsaa, karaa hafuuraa guddachuusaa argisiisa. Kanaaf, Phaawulos ergaa isaaf barreesserratti, amalawwan inni fakkeenya ittiin ta’uu qabu keessaa tokko jaalala ta’uusaa addaan baasee caqasuunsaa sirrii ture.

      16. Ximotewos amantii jabaa argisiisuun kan isa barbaachise maaliif ture?

      16 Ximotewos yeroo Efesoon keessa turetti amantiinsaa qoramee ture. Namoonni tokko tokko, barumsawwan dhugaa wajjin wal hin simne babal’isaa turan. Kaanimmoo “mammaaksa amantii” kan babal’isan ykn yaadawwan gumichaaf dhimma hin baasne kan qoratan turan. (1 Ximotewos 1:3, 4 dubbisi.) Phaawulos nama akkasii ilaalchisee akkas jedheera: “Of bokoksuudhaan of arguu dhabe, homaas hin beeku; yaadni isaa waan irratti dhukkubsateef waliin morkachuu fi wal diduu dhiisuu hin danda’u.” (1 Xim. 6:3, 4) Ximotewos yaadawwan gadhee gumicharratti balaa geessisan tuffatee bira darbuu danda’a turee? Phaawulos ‘wal’aansoo amantii isa gaarii sana jabeessee akka qabu,’ akkasumas “dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa’aadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ‘Beekumsa’ jedhame dhugaadhaan mormu irraas” akka fagaatu waan isa gorseef matumaa akkas gochuu hin danda’u ture. (1 Xim. 6:12, 20, 21) Ximotewos gorsa Phaawulos hojiirra oolchee akka ture homaa hin shakkisiisu.—1 Qor. 10:12.

      17. Yeroo har’aatti amantiin keenya qoramuu kan danda’u akkamitti?

      17 “Bara booddeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii, amantii wangeelaa irraa akka garagalan” Ximotewositti himamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha. (1 Xim. 4:1) Warra itti gaafatamummaa qaban dabalatee obboloonni gumii hundi, akkuma Ximotewos amantii cimaa qabaachuunsaanii barbaachisaadha. Gantummaa mormuuf ejjennoo cimaafi murteessaa ta’e fudhachuudhaan, guddina keenya argisiisuufi amantiidhaan fakkeenya ta’uu dandeenya.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi