-
Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
-
-
Phaawulos yeroo lammataatiif Dh.K.B. bara 65 Roomaatti yeroo hidhametti, Ximotewosiif Efesoonii garasaa akka dhufu xalayaa kan barreesseef si’a ta’u, itti dabaluudhaan, “Maarqosin of duukaa fidii kottu!” jedheenii ture. (2 Xim. 4:11) Kanaaf yeroo sanatti Maarqos Efesooniin ture jechuudha. Phaawulos, Maarqos Ximotewosii wajjin gara Roomaa akka dhufu yeroo isa gaafatus akka ajajame hin shakkisiisu. Yeroo sanatti karaa adeemuun rakkisaa ta’us, Maarqos gammachuudhaan dhaqeera.
-
-
Maarqos Isa ‘Ergamuudhaan Waa’ee Baasu’Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
-
-
“Ergamuudhaan Waa’ee Anaaf In Baasa”
Maarqos Roomaa keessatti Wangeelasaa barreessuu malees waan raawwate qaba. Phaawulos Ximotewosiin, “Maarqosin of duukaa fidii kottu!” jechuusaa yaadadhu. Phaawulos sababiisaa yeroo ibsu, “Inni anaaf ergamuudhaan waa’ee anaaf in baasa” jedheera.—2 Xim. 4:11.
Caqasni waa’een Maarqos yeroo dhumaatiif irratti caqasame kun, waa’eesaa waan hedduu ibsa. Hojii Maarqos gumii keessatti qabu ilaalchisee bakka kamittiyyuu, ergamaa, geggeessaa ykn raajii ta’uunsaa hin ibsamne. Ergamtuu ta’ee warra kaan tajaajila ture. Yeroo kanatti Phaawulos du’uusaa yeroo muraasa dura, gargaarsi Maarqos baay’ee isa fayyadee akka ture homaa hin shakkisiisu.
-