LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kee Itti Fufuuf Maaltu Si Gargaara?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Mormiin si irra gaʼus qoʼachuu kee itti fufi

      Yeroo tokko tokko warri kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee akka dhiistu gochuuf yaalu taʼa. Fakkeenya Firaancheeskoo ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Itti Fufuun Isaa Isa Kiiseera (5:22)

      Fakkii viidiyoo ‘Itti Fufuun Isaa Isa Kiiseera’ jedhu irraa fudhatame. Firaancheeskoon kana booda isaanii wajjin akka hin michoomne hiriyoota isaatti himee yommuu deemu.
      • Firaancheeskoon wanta barachaa ture michoota isaa fi haadha isaatti yommuu himu maaltu isaanitti dhagaʼame?

      • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaa itti fufuun kan isa kiise akkamitti?

      Ximotewos Lammaffaa 2:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Maatii fi michoonni kee wanta barachaa jirtu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

      • Akka caqasa kanaatti namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keetti gammaduu yoo baate maal gochuu qabda? Akkas kan jette maaliifi?

  • Misiraachicha Lallabuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Misiraachoo namootatti yommuu himtu wanta dubbattu qofa utuu hin taʼin akkaataa itti dubbattuufis xiyyeeffannaa kenni. Ximotewos Lammaffaa 2:24 fi 1 Pheexiros 3:15 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Waaʼee Kitaaba Qulqulluu namootatti yommuu himtu caqasawwan kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

      • Miseensonni maatii kee ykn michoonni kee wanta ati dubbattu hin fudhatan taʼa. Maarree yeroo kanatti maal gochuu dandeessa? Maal gochuu hoo hin qabdu?

      • Wanta itti amanuu qaban namootatti himuu mannaa gaaffiiwwanitti malaan fayyadamuun gaarii kan taʼe maaliifi?

      Barataan Kitaaba Qulqulluu yaada keessatti argamu tokko fira isaatti himaa jira.
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi