-
Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru ArgaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
-
-
3. Amalawwan 2 Ximotewos 3:2-5 irratti ibsaman namoota akkamii irratti mulʼatu?
3 Phaawulos ergamaan, ‘guyyoonni dhumaa yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ akka fidan barreesseera. Itti aansuudhaanis, amalawwan gaggadhee namoonni yeroo ammaa argisiisan 19 tarreesse. Amalawwan xalayaa Phaawulos Ximotewosiif barreesse irra jiran keessaa jechoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti bakka biraatti hin caqasamne jiraatanis, wanti inni barreesse isa Roomaa 1:29-31 irra jiru wajjin wal fakkaata. Phaawulos waaʼee amalawwan gaggadhee dubbachuuf yeroo jedhu, “namoonni . . . ” jechuudhaan jalqabe. Haa taʼu malee, amalawwan kana kan argisiisan namoota hunda miti. Kiristiyaanonni amalawwan kana irraa guutummaatti adda taʼan qabu.—Miilkiyaas 3:18 dubbisi.
-
-
Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru ArgaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
-
-
4. Namoota kooraan of bokoksan akkamitti ibsita?
4 Phaawulos namoonni baayʼeen ofittoo akka taʼanii fi maallaqa akka jaallatan erga dubbatee booda, kan of jajan, kan of tuulanii fi kooraan kan of bokoksan akka taʼanis ibseera. Yeroo baayʼee namni tokko amalawwan kana qabaachuun isaa dandeettii, bareedina, qabeenyaa fi sadarkaa isaatiin warra kaan irra akka caalu akka itti dhagaʼamu argisiisa. Namoonni amalawwan akkanaa qaban dinqisiifannaa fi kabaja guddaa argachuu hawwu. Hayyuun tokko nama koorri isa toʼate ilaalchisee, “[Namni akkanaa] garaa isaa keessatti iddoo aarsaa xiqqoo ofii isaatiif itti sagadu qaba” jechuudhaan barreesseera. Namoonni tokko tokko, koorri daangaa isaa darbe jibbisiisaa fi namumti kooru sun illee warra kaan irratti kan jibbu akka taʼe dubbatu.
-
-
Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru ArgaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
-
-
8. (a) Yeroo harʼaatti namoonni tokko tokko warraaf ajajamuu akkamitti ilaalu? (b) Kitaabni Qulqulluun ijoolleen maal akka godhan ajaja?
8 Phaawulos, namoonni guyyoota dhumaa keessa jiraatan ilaalcha akkamii akka waliif qabaatan ibseera. Guyyoota dhumaatti ijoolleen warra isaaniitiif kan hin ajajamne akka taʼan dubbateera. Yeroo harʼaatti amalli kun kitaabota, fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiinii irratti fudhatama kan qabu, siruma iyyuu kan jajjabeeffamu taʼus, ajajamuu diduun maatii laaffisa, kun immoo hawaasa irratti dhiibbaa gadhee geessisa. Kun dhugaa taʼuun isaa erga beekamee yeroo dheeraan darbeera. Kan nama dinqisiisu, Giriik durii keessatti namni tokko warra isaa yoo rukute, mirga namummaa isaa hunda ni dhaba ture; akka seera Roomaatti immoo abbaa ofii rukutuun ajjeesuu wajjin tokko akka taʼetti ilaalama ture. Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaas taʼan Afaan Giriikii, ijoolleen warra isaanii akka kabajan ajaju.—Bau. 20:12; Efe. 6:1-3.
-
-
Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru ArgaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
-
-
10, 11. (a) Amalawwan gaggadheen namoonni jaalala akka waliif hin qabaanne argisiisan kam faʼi? (b) Kiristiyaanonni dhugaan hammam nama jaallatu?
10 Phaawulos amalawwan namoonni jaalala waliif dhabuu isaanii argisiisan kan biraas ibseera. Kan hin galateeffanne yaanni jedhu, namoota gaarummaa warri kaan isaaniif godhan hin dinqisiifanne waan argisiisuuf, Phaawulos “warra isaaniitiif kan hin ajajamne” erga jedhee booda kan hin galateeffanne jechuun isaa sirrii dha. Kana malees namoonni amanamoo kan hin taane taʼu. Walii galuuf fedhii kan hin qabne taʼuudhaan warra kaanitti araaramuu akka hin barbaanne argisiisu. Kan nama arrabsanii fi gantoota taʼuudhaan, namoota kaan irratti qofa utuu hin taʼin Waaqayyo irratti illee dubbii hamaa dubbatu. Namoonni maqaa balleessan, jechuunis maqaa gaarii warri kaan qaban balleessuuf oduu nama miidhu kan dubbatan ni jiraatu.a
-