LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
    • 9. Dargaggoonni warra isaaniitiif akka ajajaman maaltu isaan gargaara?

      9 Ijoolleen wanta warri isaanii isaaniif godhan irratti yaaduun isaanii, ajajamuu diduu irraa isaan eeguu dandaʼa. Galateeffannaan isaaniif qabanii fi Waaqayyo inni Abbaa hunda keenyaa taʼe kana akka godhan akka isaan irraa eegu hubachuun isaanii gaarii dha. Dargaggoonni waaʼee warra isaanii waan gaarii dubbachuudhaan, dargaggoonni kaanis warra ofii isaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaaruu dandaʼu. Dhugaa dha, warri ijoollee isaaniitiif jaalala hin qaban taanaan, ijoolleen garaadhaa ajajamuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Dargaggeessi tokko warri isaa garaadhaa akka isa jaallatan kan isatti dhagaʼamu yoo taʼe garuu, yeroo ajajamuun isatti ulfaatutti illee warra isaa gammachiisuuf kakaʼa. Oostan akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera: “Yeroo baayʼee kanan balleessu taʼu illee, warri koo qajeelfama gaarii naa kennu, sababa seera tokko itti baasan naaf ibsu, akkasumas akka gaariitti akka waliin haasofnu godhu turan. Kana gochuun isaanii ajajamuun akka naaf salphatu godheera. Akka naaf yaadan waanan hubadheef, isaan gammachiisuun barbaada ture.”

      10, 11. (a) Amalawwan gaggadheen namoonni jaalala akka waliif hin qabaanne argisiisan kam faʼi? (b) Kiristiyaanonni dhugaan hammam nama jaallatu?

      10 Phaawulos amalawwan namoonni jaalala waliif dhabuu isaanii argisiisan kan biraas ibseera. Kan hin galateeffanne yaanni jedhu, namoota gaarummaa warri kaan isaaniif godhan hin dinqisiifanne waan argisiisuuf, Phaawulos “warra isaaniitiif kan hin ajajamne” erga jedhee booda kan hin galateeffanne jechuun isaa sirrii dha. Kana malees namoonni amanamoo kan hin taane taʼu. Walii galuuf fedhii kan hin qabne taʼuudhaan warra kaanitti araaramuu akka hin barbaanne argisiisu. Kan nama arrabsanii fi gantoota taʼuudhaan, namoota kaan irratti qofa utuu hin taʼin Waaqayyo irratti illee dubbii hamaa dubbatu. Namoonni maqaa balleessan, jechuunis maqaa gaarii warri kaan qaban balleessuuf oduu nama miidhu kan dubbatan ni jiraatu.a

  • Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Amajjii
    • a Jechi Afaan Giriikii “maqaa kan balleessan” ykn “kan nama himatan” jedhamee hiikame, diyaabolos kan jedhu siʼa taʼu, jechi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Seexana isa hamaa Waaqayyo arrabseef kenname dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi