LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 1. Kitaaba Qulqulluu banamee jiru.

      BARUMSA 01

      Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?

      Hundi keenya iyyuu waaʼee jireenyaa, waaʼee rakkinaa, waaʼee duʼaa fi waaʼee yeroo gara fuulduraa gaaffiiwwan hedduu gaafanna. Kana malees, wanta ittiin jiraannu argachuu ykn maatii gammachuu qabu qabaachuu dabalatee, dhimmoonni guyyaa guyyaa nu yaaddessu. Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan guguddaadhaaf deebii argachuuf kan isaan gargaaru qofa utuu hin taʼin, jireenya isaanii keessattis gorsa gaarii akka isaaniif kennu hubataniiru. Atoo Kitaabni Qulqulluun nama hundumaa gargaaruu dandaʼa jettee yaaddaa?

      1. Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkamiitiif deebii kenna?

      Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan guguddaa armaan gadiitiif deebii kenna: Jireenyi kan jalqabe akkamitti? Kaayyoon jireenyaa maali dha? Namoonni kan rakkatan maaliifi? Yeroo duunu eessa dhaqna? Namni hundi nagaa barbaada erga taʼee, waraanni kan baayʼate maaliifi? Lafti gara fuulduraatti maal taati? Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkasiitiif deebii akka barbaannu nu jajjabeessa; namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanis gaaffiiwwan kanneeniif deebii quubsaa argataniiru.

      2. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenyatti akka gammannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

      Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii nuuf kenna. Fakkeenyaaf, maatiiwwan gammachuu dhugaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barsiisa. Kana malees, dhiphina dandamachuu fi hojii keenyatti gammaduu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee gorsa nuuf kenna. Kitaaba kana irratti mariʼachaa yommuu deemnu, Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhimmoota kanaa fi kan biroo maal akka barsiisu baratta. Atis, kitaaba kana irratti erga mariʼattee booda, ‘Kitaabonni Qulqulluun hundi [wantoonni Kitaaba Qulqulluu keessa jiran hundi] faayidaa’ akka qaban mirkaneeffachuu dandeessa.—2 Ximotewos 3:16.

      Barreeffamni kun Kitaaba Qulqulluu kan bakka buʼu miti. Kanaa mannaa, ofuma keetii Kitaaba Qulqulluu akka qorattu si jajjabeessuuf kan qophaaʼe dha. Kanaafuu, caqasoota barumsawwan kana keessatti argaman akka dubbistuu fi wanta barachaa jirtuu wajjin wal bira qabdee akka ilaaltu si jajjabeessina.

      CAALAATTI BARADHU

      Kitaabni Qulqulluun namoota kan gargaaru akkamitti akka taʼe, dubbisuun akka si gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa argachuun kan si barbaachisu maaliif akka taʼe baradhu.

      3. Kitaabni Qulqulluun nu qajeelchuu dandaʼa

      Kitaabni Qulqulluun akkuma ibsaa humna guddaa qabuu ti. Murtoo gaarii gochuuf nu gargaara; akkasumas wanta gara fuulduraatti taʼu nutti hima.

      Faarfannaa 119:105 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Barreessaan faarfannaa kanaa Kitaaba Qulqulluu akkamitti ilaala ture?

      • Atoo Kitaaba Qulqulluu akkamitti ilaalta?

      Namichi tokko galgalaan baatirii ibsachaa qarqara haroo dhagaa qabu irra deemaa jira.

      4. Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan keenyaaf deebii kenna

      Dubartiin takka Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan waggoota hedduudhaaf ishii dhiphisaa turaniif deebii akka kennu hubatteetti. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Matumaa Abdii hin Kutatinaa! (1:48)

      • Dubartiin viidiyicha irratti mulʼattu gaaffiiwwan akkamii qabdi turte?

      • Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kan ishii gargaare akkamitti?

      Kitaabni Qulqulluun gaaffii akka gaafannu nu jajjabeessa. Maatewos 7:7 dubbisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa:

      • Gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluu irraa deebii isaa argachuu barbaaddu akkamii qabda?

      5. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun akka si gammachiisu gochuu dandeessa

      Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan gammachuu argachaa fi irraa fayyadamaa jiru. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu (2:05)

      • Dargaggoonni viidiyicha irratti argaman dubbisuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

      • Dubbisuu kan hin jaallanne taʼus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kan isaan gammachiisu maaliifi?

      Kitaabni Qulqulluun qajeelfama nu jajjabeessuu fi abdii nuu kennu akka qabate dubbata. Roomaa 15:4 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Waaʼee abdii caqasa kana keessatti ibsamee caalaatti beekuu barbaaddaa?

      6. Warri kaan Kitaaba Qulqulluu akka hubannu nu gargaaruu dandaʼu

      Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti dubbisuu malees, warra kaanii wajjin irratti mariʼachuun faayidaa akka qabu hubataniiru. Hojii Ergamootaa 8:26-31 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Kitaaba Qulqulluu hubachuu kan dandeenyu akkamitti?—Lakkoofsa 30 fi 31 ilaali.

      Fakkiiwwan: 1. Filiphoos inni lallabaa wangeelaa taʼe namicha Itoophiyaa tokkoof Kitaabota Qulqulluu ibsaa jira. 2. Dhugaa Baatuun Yihowaa takka haadha ijoollee lama qabduu wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachaa jirti.

      Namichi Itoophiyaa tokko Kitaabota Qulqulluu hubachuuf gargaarsi isa barbaachisee ture. Namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduunis warra kaanii wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuun faayidaa akka qabu hubataniiru

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun yeroo gubuu dha.”

      • Atoo maal jetta? Maaliif?

      MAAL BARATTE?

      Kitaabni Qulqulluun gorsa jireenya keenyaaf taʼu kenna, gaaffiiwwan guguddaadhaaf deebii kenna, akkasumas jajjabinaa fi abdii kenna.

      Irra Deebii

      • Kitaaba Qulqulluu irraa gorsawwan akkamii arganna?

      • Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan akkamiitiif deebii kenna?

      • Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee maalii barachuu barbaadda?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Gorsi Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼe hubadhu.

      “Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu—Ogummaa Yeroon Itti hin Darbine” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2018)

      Kitaabni Qulqulluun nama ijoollummaa isaatii kaasee miira isatti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo godhu akkamitti akka gargaare hubadhu.

      Akkaataa Jireenyi Koo Inni Haaraan Itti Jalqabe (2:53)

      Gorsa gaarii Kitaabni Qulqulluun maatii ilaalchisee kennu qoradhu.

      “Iccitiiwwan Maatiin Akka Milkaaʼu Gargaaran 12” (Dammaqaa! Lakk. 2 2018)

      Kitaabni Qulqulluun qaama addunyaa kana bulchu ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa namoonni hedduun qaban kan sirreessu akkamitti akka taʼe baradhu.

      Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi?—Guutuu Isaa (3:14)

  • Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Kitaaba Qulqulluu namootatu barreesse erga taʼee, Waaqayyo biraa dhufe kan jennu maaliifi?

      Kitaabni Qulqulluun gara waggoota 1,600 ol keessatti, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 kaasee hanga Dh.K.B. naannoo bara 98⁠tti namoota 40n barreeffame. Barreessitoonni kunis akkaataa guddinaa garaa garaa kan qabani dha. Taʼus, kutaan Kitaaba Qulqulluu hundi kan wal simu dha. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqayyo waan taʼeefi. (1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.) Namoonni kun kan barreessan yaada isaanii hin turre. Kanaa mannaa, ‘ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaana geggeeffamanii dubbatan.’ (2 Pheexiros 1:21) Waaqayyo namoonni kun yaada isaa akka barreessan gochuuf hafuura qulqulluutti fayyadamee isaan geggeesseera ykn isaan kakaaseera.—2 Ximotewos 3:16.

  • Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 4. Kitaabni Qulqulluun Abbaan kitaabichaa eenyu akka taʼe ibsa

      VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis 2 Ximotewos 3:16 dubbisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kitaaba Qulqulluu kan Barreessise Eenyu Dha?—Gabaabfamee kan Fudhatame (2:48)

      • Kitaaba Qulqulluu kan barreesse namoota erga taʼee, Dubbii Waaqayyoo kan jedhame maaliifi?

      • Waaqayyo namoonni yaada isaa akka barreessan godheera jedhanii amanuun sirrii sitti fakkaataa?

      Hoggannaan tokko yaada isaa barreessaa isaatti himaa jira; barreessaan isaa immoo yaada sana barreessaa jira.

      Barreessaan tokko xalayaa barreessuu dandaʼa; ergaan isaa garuu kan nama akka barreessu isa ajaje sanaa ti. Haaluma wal fakkaatuun, ilmaan namootaa Kitaaba Qulqulluu barreessaniiru, ergaan isaa garuu Waaqayyo biraa kan dhufe dha

  • Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi