-
Waan Hundumaa Irratti Amanamaa TaʼiBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Amanamoo taʼuun faayidaa akkamii argamsiisa?
Amanamoo taʼuudhaan maqaa gaarii yommuu qabaannu warri kaan nu amanu. Akkas gochuun keenya, namoonni gumii keessa jiran hundi akkuma maatii jaalala qabeessa taʼe keessa jiraniitti nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu godha. Qalbii qulqulluus ni qabaanna. Kana malees amanamoo taʼuun keenya, “barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa . . . akka miidhagu” gochuu fi namoonni kaan gara waaqeffannaa dhugaa akka dhufan gochuu dandaʼa.—Tiitoo 2:10.
-
-
Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Akkaataan uffannaa keenya warra kaan gara waaqeffannaa dhugaatti harkisuu kan dandaʼu akkamitti?
Yeroo hundumaa uffata seera qabeessa uffachuuf carraaqqii kan goonu taʼus, keessumaa yeroo walgaʼiiwwan gumii irratti argamnuu fi tajaajila irratti hirmaannu akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Namoonni ergaa lallabnu irratti akka hin xiyyeeffanne gufuu isaanitti taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, akkaataan uffannaa keenya namoonni dhugaa barachuuf akka kakaʼanii fi ‘barumsi Fayyisaa keenyaa akka miidhagu’ kan godhu taʼuu qaba.—Tiitoo 2:10.
-