LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 11 Dhiironni ilaaltuu ol aanaa taʼanii muudamuuf gaʼumsa qaban, dhuunfaattis taʼe hariiroo warra kaanii wajjin qaban irratti barsiifata madaalamaa akka qaban argisiisu. Finxaaleyyii miti. Kanaa mannaa, jireenyi isaanii madaallii isaanii akka eeggatanii fi akka of toʼatan argisiisa. Madaallii isaanii kan eeggatan taʼuun isaanii nyaata, dhugaatii, bohaartii, wanta yeroo boqonnaatti hojjetanii fi bashannana isaanii irratti ni mulʼata. Machooftuu jedhamanii akka hin himatamneef dhugaatii alkoolii ilaalchisee madaallii isaanii eeggachuu qabu. Namni dhugaatii alkooliitiin miirri isaa hadoode of toʼachuu hin dandaʼu; akkasumas karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran gargaaruu hin dandaʼu.

  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 13 Ilaaltuun ol aanaa tokko yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu qaba. Obboloota qaama jaarsolii taʼanii tajaajilan kaanii wajjin tokkummaa fi waltaʼiinsaan hojjechuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Ofiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu qaba; warra kaan irraas wanta humna isaaniitii ol taʼe eeguu hin qabu. Ilaaltuun ol aanaa yaada ofiitti hin cichine tokko yaanni isaa yaada jaarsolii kaanii irra akka caalutti hin yaadu. Tarii warri kaan amala ykn dandeettii qabaniin isa caalu taʼa. Kanaafuu, jaarsi tokko yaanni isaa guutummaatti Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu yoo godhee fi fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofuuf carraaqqii yoo godhe yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu isaa argisiisa. (Filp. 2:2-8) Jaarsi tokko kan nama lolu ykn abbaa humnaa taʼuu hin qabu; kanaa mannaa warra kaan kan kabajuu fi akka isa caalan kan yaadu taʼuu qaba. Nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne waan taʼeef, yeroo hundumaa yaanni koo fudhatamuu qaba jedhee hin yaadu. Nama dafee aaru waan hin taaneef namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraata.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi