-
Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa TiksanFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
11 Dhiironni ilaaltuu ol aanaa taʼanii muudamuuf gaʼumsa qaban, dhuunfaattis taʼe hariiroo warra kaanii wajjin qaban irratti barsiifata madaalamaa akka qaban argisiisu. Finxaaleyyii miti. Kanaa mannaa, jireenyi isaanii madaallii isaanii akka eeggatanii fi akka of toʼatan argisiisa. Madaallii isaanii kan eeggatan taʼuun isaanii nyaata, dhugaatii, bohaartii, wanta yeroo boqonnaatti hojjetanii fi bashannana isaanii irratti ni mulʼata. Machooftuu jedhamanii akka hin himatamneef dhugaatii alkoolii ilaalchisee madaallii isaanii eeggachuu qabu. Namni dhugaatii alkooliitiin miirri isaa hadoode of toʼachuu hin dandaʼu; akkasumas karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran gargaaruu hin dandaʼu.
-
-
Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa TiksanFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
14 Kana malees, namni tokko gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf sirriitti kan yaadu taʼuu qaba. Kana jechuun hubataa fi murteessuuf kan hin ariifanne taʼuu jechuu dha. Dhugaawwan buʼuuraa Yihowaan baasee fi akkaataa itti hojii irra oolan sirriitti kan beeku dha. Namni sirriitti yaadu gorsaa fi qajeelfama isaaf kennamu ni fudhata. Akkasumas fakkeessituu miti.
-
-
Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa TiksanFedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
-
-
15 Phaawulos ilaaltuun ol aanaa tokko wanta gaarii jaallachuu akka qabu Tiitoo yaadachiisee ture. Qajeelaa fi amanamaa taʼuu qaba. Amaloonni kunis hariiroo warra kaanii wajjin qabu, akkasumas ejjennoo inni wanta sirrii fi gaarii taʼeef qabu irraa mulʼachuu dandaʼu. Guutummaatti Yihowaadhaaf kan buluu fi haala akkamii keessatti iyyuu dhugaawwan buʼuuraa qajeeloo taʼan hojii irra kan oolchu dha. Iccitii eeguu kan dandaʼu dha. Garaadhaa keessummaa kan simatu yeroo taʼu, ofis taʼe qabeenya isaa arjummaadhaan warra kaaniif ni kenna.—HoE. 20:33-35.
-