LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 5/15 ful. 9-13
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • SEEXANNI HUMNA QABA
  • SEEXANNI HAMAA DHA
  • SEEXANNI GOWWOOMSITUU DHA
  • Diina Keessan Beekaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Seexanni Eenyuu?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Diinonni Waaqayyoo Eenyufa’i?
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Seexana Loluu Fi Moʼuu Ni Dandeessu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 5/15 ful. 9-13
Baba⁠l⁠ʼisaan tokko namoota lamatti tiraaktii utuu argisiisuu; fakkiin leenca aadu tokkoo isaan biratti mu⁠l⁠ʼata

Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!

‘Dammaqaa! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa.’—1 PHE. 5:8.

SEEXANNI . . .

  • humna akka qabu kan argisiise akkamitti?

  • hamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

  • gowwoomsituu taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

1. Uumamni hafuuraa tokko akkamitti Seexana akka taʼe ibsi.

YEROO tokko Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qaba ture. Yeroo booda garuu ilmaan namootaa akka isa waaqeffatan hawwuu jalqabe. Hawwii sirrii hin taane kana toʼachuu mannaa, isa keessatti akka guddatuu fi cubbuu akka dhalu heyyame. (Yaq. 1:14, 15) Uumamni kun, Seexana isa “dhugaa irra hin dhaabanne” akka taʼe beekna. Yihowaa irratti fincila kan kaasee siʼa taʼu, “abbaa sobaa” taʼeera.—Yoh. 8:44.

2, 3. Jechoonni “Seexana,” “Diiyaabilos,” ‘bofa,’ fi “akka jawwee” jedhan waaʼee diina Yihowaa isa guddaa maal ibsu?

2 Seexanni yeroo fincila kaasee jalqabee, diina Yihowaa isa guddaa taʼuu isaa argisiiseera; ilmaan namootaatiifis michuu taʼee hin beeku. Maqaawwan Seexanaaf kennaman, inni hammam hamaa akka taʼe argisiisu. Seexana jechuun, “Mormituu” jechuu siʼa taʼu, uumamni hafuraa hamaa taʼe kun ol aantummaa Waaqayyoo akka hin deggerre argisiisa; kanaa mannaa ol aantummaa isaa ni jibba, akkasumas cimsee morma. Seexanni wanta kam iyyuu caalaa ol aantummaan Yihowaa hafee arguu barbaada.

3 Mulʼata 12:9 irratti akka ibsametti, Seexanni Diiyaabilos jedhamee waamameera; kun immoo “Maqaa Balleessituu” jechuu dha. Kun, Seexanni Yihowaan sobduu akka taʼe dubbachuudhaan maqaa isaa akka balleesse nu yaadachiisa. Jechoonni “bofni bara durii” jedhan, guyyaa gaddisiisaa Seexanni Eeden keessatti bofatti fayyadamuudhaan Hewwaaniin itti gowwoomse nu yaadachiisu. Yaadni “bineensi guddichi akka jawwee” jedhu, uumama sodaachisaa gara sammuu keenyaatti fida; yaadni kun Seexanni kaayyoo Yihowaa fashaleessuu fi saba Isaa balleessuuf hawwii guddaa kan qabu taʼuu isaa sirriitti ibsa.

4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

4 Seexanni amanamummaa keenya irratti dhiibbaa guddaa akka geessisu beekamaa dha. Macaafni Qulqulluun, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼutti, nama liqimsuu barbaadee in naannaʼa” jechuudhaan kan nu gorsu kanaafi. (1 Phe. 5:8) Kanaafuu, mata duree kana keessatti amalawwan Seexanaa sadii ilaalla; amalawwan kun diina Yihowaa fi diina saba Isaa namaa hin hille kana irraa of eeguun barbaachisaa taʼuu isaa nuu addeessu.

SEEXANNI HUMNA QABA

5, 6. (a) Fakkeenya uumamawwan hafuuraa ‘humna guddaa akka qaban’ argisiisu dubbadhu. (b) Seexanni “humna duʼaa” qaba kan jedhame maaliifi?

5 Uumamawwan hafuuraa ergamoota jedhaman, ‘humna guddaa qabu.’ (Far. 103:20, NW) Namoota irra waan caalaniif, dandeettii yaaduu fi cimina guddaa qabu. Ergamoonni amanamoon humna isaaniitti kan fayyadaman wanta gaarii hojjechuufi. Fakkeenyaaf, yeroo tokko ergamaan Yihowaa loltoota Asor diinota taʼan 185,000 ajjeeseera. Namni tokko gocha gootummaa akkasii raawwachuu hin dandaʼu; humna waraanaa tokkoof illee kun ulfaataa dha. (2 Mot. 19:35) Yeroo tokko immoo ergamaan Waaqayyoo tokko humna addaa qabuttii fi dandeettii isaatti fayyadamee ergamoota Yesus mana hidhaatii baaseera. Waardiyyoonni achuma kan turan taʼus, ergamichi yeroo balbala banu, yeroo ergamoota Yesus gadi baasuu fi yeroo deebisee balbalicha cufu hin argine!—HoE. 5:18-23.

6 Uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan humna isaanii wanta gaariitiif kan fayyadaman taʼus, Seexanni humna isaatti kan fayyadamu gocha hamminaa raawwachuufi. Seexanni humna akkamii qaba? Dhiibbaa hammamii geessisuu dandaʼa? Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ‘isa biyya lafaa kana seerratu,’ akkasumas “waaqayyicha bara siʼanaa” jedhamee ibsameera. (Yoh. 12:31; 2 Qor. 4:4) Seexanni “humna duʼaa” illee qaba. (Ibr. 2:14) Kana jechuun kallattiidhaan namoota hunda ni ajjeesa jechuu miti. Haa taʼu malee, hafuurri isaa wal ajjeesuu jajjabeessu addunyaa kana guuteera. Kana malees, Hewwaan soba Seexanaa waan amantee fi Addaam Waaqayyoof ajajamuu waan dideef cubbuu fi duuti namoota hundumaatti dhufeera. (Rom. 5:12) Kanaafuu, Diiyaabilos “humna duʼaa” qaba jechuun ni dandaʼama. Akkuma Yesus jedhe “nama ajjeesa.” (Yoh. 8:44) Dhuguma iyyuu, Seexanni diina keenya humna guddaa qabu dha!

7. Hafuuronni hamoon humna akka qaban kan argisiisan akkamitti?

7 Seexana yeroo morminu, isa qofa utuu hin taʼin, warra gaaffii ol aantummaa wajjin haala wal qabateen isa faana hiriiran hunda mormaa jirra. Warri isa duukaa hiriiran uumamawwan hafuuraa ajajamuu didan hedduu, jechuunis hafuurota hamoo kan dabalatani dha. (Mul. 12:3, 4) Hafuuronni hamoon namoota irra rakkina cimaa geessisuudhaan, humna addaa akka qaban yeroo baayʼee argisiisaniiru. (Mat. 8:28-32; Mar. 5:1-5) Humna ergamoota hamoo akkasiis taʼe, humna “mootii hafuurota hamoo” akka laayyootti hin ilaalinaa. (Mat. 9:34, NW) Gargaarsa Yihowaa malee lola Seexanaa wajjin goonu moʼuu hin dandeenyu.

SEEXANNI HAMAA DHA

8. (a) Kaayyoon Seexanaa maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Addunyaan kun hammina Seexanaa calaqqisiisaa kan jiru akkamitti akka taʼe wanta hubatte dubbadhu?

8 Phexros ergamaan, Seexana ‘leenca yeroo beelaʼu aadaa naannaʼutti’ fakkeesseera. Yaadni kun hammeenya Seexanaa akka gaariitti ibsa! Addunyaan marri toʼannaa isaa jala taʼus, namoota dabalataa argachuuf dharraʼa. (1 Yoh. 5:19) Xiyyeeffannaan isaa inni guddaan dibamoota lafa irra jiranii fi ‘hoolonni kan biraan’ hidhata isaanii taʼan irratti. (Yoh. 10:16; Mul. 12:17) Seexanni saba Yihowaa liqimsuuf hawwa. Ariʼatamni inni jaarraa tokkoffaatii jalqabee hamma yoonaatti utuu wal irra hin kutin duuka buutota Yesus irra geessisaa jiru, inni hammam hamaa akka taʼe nuu mirkaneessa.

9, 10. (a) Seexanni saba Israaʼelii wajjin haala wal qabateen kaayyoo Yihowaa fashaleessuuf kan yaale akkamitti? (Fakkeenya kenni.) (b) Seexanni Israaʼel durii irratti xiyyeeffachuuf sababa addaa akkamii qaba ture? (c) Yeroo harʼaatti tajaajilaan Yihowaa tokko cubbuu cimaa yeroo hojjetu Seexanatti maaltu waan dhagaʼamu sitti fakkaata?

9 Seexanni carraaqqii kaayyoo Waaqayyoo fashaleessuuf godhu irratti hamaa taʼuu isaa karaa biraatiinis argisiiseera. Leenci baayʼee beelaʼe bineensa qabateef hin hilu. Ajjeesuu isaa dura garaa hin laafuuf, erga ajjeesee boodas hin gaabbu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni namoota miidhaa irra geessisuuf hin gaddu. Fakkeenyaaf, yeroo Israaʼeloonni cubbuu akka ejjaa fi sassataatiin kufanitti, Seexanni akkamitti riphee isaan ilaalaa akka ture mee yaadi. Seenaa gaddisiisaa waaʼee Ziimrii isa ejja raawwatee fi Gehaaz isa sassattuu dubbatu yeroo dubbistu, leencichi inni aadu injifachuu isaatti hammam akka gammade sitti mulʼataa?—Lak. 25:6-8, 14, 15; 2 Mot. 5:20-27.

Nama halkan kompiitara isaatiin fakkii gadhee ilaalaa jiru; fakkii leenci guddaan tokko kuticha keessatti utuu kolfuu argisiisu

Seexanni tajaajilaan Yihowaa tokko cubbuu yeroo hojjetu ni gammada(Keeyyata 10 ilaali)

10 Seexanni sababa addaa Israaʼeloota durii irratti itti xiyyeeffate qaba. Sabni sun Masiihii isa Seexana balleessuu fi ol aantummaa Yihowaa mirkaneessu kan argamsiisu ture. (Uma. 3:15) Seexanni Israaʼeloonni Yihowaa biratti fudhatama akka argatan hin barbaadu ture; cubbuudhaan akka faalaman gochuuf wanta dandaʼe hunda gochaa ture. Daawit yeroo ejja raawwatetti ykn Museen Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle yeroo dhorkametti Seexanni gaddeefii akka ture gonkumaa hin yaadinaa. Kanaa mannaa, Seexanni tajaajilaan Waaqayyoo tokko cubbuu cimaa yeroo hojjetuu akka gammadu beekamaa dha. Injifannoowwan akkasii wantoota Diiyaabilos Yihowaa arrabsuuf itti fayyadamu keessaa tokko taʼuu dandaʼu.—Fak. 27:11.

11. Seexanni Saaraa irratti kan xiyyeeffate maal yaadee taʼuu dandaʼa?

11 Seexanni keessumaa hidda dhalootaa Masiihichi irraa argamuuf diinummaa qaba ture. Fakkeenyaaf, Abrahaam “saba guddaa” akka taʼu erga itti himamee booda baayʼee utuu hin turin wanta uumame ilaalaa. (Uma. 12:1-3) Abrahaamii fi Saaraan yeroo Gibxii turanitti, Faraʼoon Saaraan haadha manaa isaa akka taatuuf gara mana isaatti ishee fichisiisee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan gidduu seenuudhaan Saaraa irratti gochi gadheen kun akka hin raawwatamne godheera. (Uumama 12:14-20 dubbisi.) Yisihaq dhalachuu isaa yeroo muraasa dura, haalli kanaa wajjin wal fakkaatu Geraaritti isaan mudatee ture. (Uma. 20:1-7) Haalawwan kana duuba harki Seexanaa jira turee? Saaraan magaalaa Ur ishee badhaatuu taate keessaa dhuftee dunkaana keessa waan jiraattuuf, jireenya qananii Faraʼoonii fi Abiimelek jiraatan ni hawwiti jedhee abdatee turee laata? Seexanni, Saaraan abbaa manaa ishee fi Yihowaa gantee nama kan biraatti heerumti jedhee yaadee turee laata? Macaafni Qulqulluun waaʼee kanaa homaa hin dubbatu; haa taʼu malee, Diiyaabilos utuu Saaraan sanyicha abdachiifame daʼuuf gaʼumsa dhabdee akka gammadu beekamaa dha. Seexanni, gaaʼelli dubartii gaarii taate tokkoo, maqaan ishee fi walitti dhufeenyi isheen Yihowaa wajjin qabdu akka badu gochuu isaatti sammuun isaa isa hin ceephaʼu. Seexanni garmalee hamaa dha!

12, 13. (a) Seexanni erga Yesus dhalatee booda hamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? (b) Yeroo harʼaatti Seexanni waaʼee ijoollee Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajiluuf carraaqanii maaltu itti dhagaʼama?

12 Yesus kan dhalate Abrahaam duʼee jaarraa hedduu booda dha. Seexanni daaʼima kana bareedaa fi kan namatti tolu akka taʼetti ilaala ture jettanii hin yaadinaa. Seexanni daaʼimni dhalate kun guddatee Masiihicha abdachiifame akka taʼu waan beekuuf akkas akka isatti hin dhagaʼamne beekamaa dha. Eeyyee, Yesus kutaa jalqabaa sanyii Abrahaam isa yeroo booda “hojii Seexanaa diigu” ture. (1 Yoh. 3:8) Seexanni daaʼima ajjeesuun hammeenya guddaa akka taʼe yaadaa laata? Wanti tokko sirrii ykn dogoggora taʼuun isaa isa hin yaaddessu. Seexanni, Yesus isa daaʼima turee wajjin haala wal qabateen tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jenne. Akkamitti?

13 Heerods Mootichi, warri urjii lakkaaʼan waaʼee ‘isa mootii Yihudootaa taʼee dhalatee’ yeroo isa gaafatanitti baayʼee aaree, isa ajjeesuuf kutate. (Mat. 2:1-3, 13) Daaʼimni kun ajjeefamuu isaa mirkanaaʼaa taʼuuf, Betlihemii fi naannoo ishee keessatti ijoolleen dhiiraa umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gadi taʼe hundi akka ajjeefaman ajaje. (Maatewos 2:13-18 dubbisi.) Yesus ajjeechaa hammana hin jedhamne kana jalaa miliqeera; haa taʼu malee, kun waaʼee Seexana isa diina keenya taʼee maal nu hubachiisa? Diiyaabilos lubbuu namootaatiif iddoo akka hin kennine beekamaa dha. Daaʼimmaniif xinnuma illee garaa hin laafu. Seexanni dhuguma iyyuu akkuma ‘leenca yeroo beelaʼu aadaa naannaʼuu’ ti. Hammeenya isaa akka laayyootti hin ilaalinaa!

SEEXANNI GOWWOOMSITUU DHA

14, 15. Seexanni ‘yaada warra hin amannee kan jaamse’ akkamitti?

14 Seexanni namoonni Yihowaa isa Waaqa jaalala qabeessa taʼe irraa akka deebiʼan gochuu kan dandaʼu isaan gowwoomsuudhaan qofa dha. (1 Yoh. 4:8) Seexanni namoota gowwoomsuudhaan “karaa hafuuraatti hiyyeessota” taʼuu isaanii akka hin hubanne godha. (Mat. 5:3) Kanaafuu Seexanni, “yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.”—2 Qor. 4:4.

15 Karaawwan gurguddaa Seexanni namoota itti gowwoomsu keessaa inni tokko amantii sobaa ti. Namoonni Yihowaa isa ‘qofaa isaa waaqeffatamuu barbaaduun’ alatti abbootii isaanii durii ykn uumama ykn bineensota ykn qaama kamis taʼe wanta kam iyyuu yeroo waaqeffatan ennaa argu Seexanni baayʼee gammada! (Bau. 20:5, NW) Namoonni karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran yaadan hedduun illee, amantii sobaa fi sirnawwan gatii hin qabneen qabamanii jiru. Akkuma namoota Yihowaan akka armaan gadii isaaniin jedhee, haala nama gaddisiisu keessa jiru: “Wanta buddeena hin taʼinitti maaliif horii keessan baaftu? Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? Dubbii koo dhagaʼaa, wanta gaarii taʼe in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu.”—Isa. 55:2.

16, 17. (a) Yesus Phexrosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi” kan jedhe maaliifi? (b) Seexanni miira ariifannaa wajjin haala wal qabateen akkamitti nu gowwoomsuu dandaʼa?

16 Seexanni tajaajiltoota Yihowaa hinaaffaa qaban illee gowwoomsuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, Yesus ajjeefamuuf akka jedhu bartoota isaatti yeroo himetti wanta uumame ilaalaa. Phexros ergamaan isaaf yaaduudhaan maddiitti isa geessee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedheen. Deebiin Yesus Phexrosiif kenne cimaa ture; “Seexana nana, duuba koo deemi!” isaan jedhe. (Mat. 16:22, 23, NW) Yesus Phexrosiin “Seexana” kan jedhe maaliifi? Wanta taʼuuf jedhu waan hubateefi. Saʼaatiin inni aarsaa furii taʼee itti duʼuu fi Diiyaabilos sobduu taʼuu isaa itti mirkaneessu gaʼee ture. Yeroon seenaa keessatti iddoo guddaa qabu kun, yeroo itti Yesus ‘garaa ofitti hin jabaanne’ hin turre. Seexanni, Yesus dammaqaa akka hin taane barbaadee ture.

17 Nutis dhuma sirna kanaatti baayʼee waan dhihaanneef, yeroo iddoo guddaa qabu keessa jiraachaa jirra. Seexanni dammaqoo akka nuti hin taanee fi addunyaa kana keessatti milkaaʼina argachuu irratti akka xiyyeeffannu gochuudhaan akka nuti ‘garaa ofitti hin jabaanne’ gochuu barbaada; akkasumas miira ariifannaa keenya akka dhabnu barbaada. Wanti akkasii akka isin mudatu hin heyyaminaa! Kanaa mannaa, “dammaqaa!” (Mat. 24:42) Olola Seexanaa isa dhumni sirna kanaa fagoo akka taʼe ykn gonkumaa akka hin dhufne dubbatuu fi nama gowwoomsu matumaa hin amaninaa.

18, 19. (a) Seexanni ilaalcha ofii keenyaaf qabnuu wajjin haala wal qabateen nu gowwoomsuuf kan yaalu akkamitti? (b) Yihowaan akka of qabnuu fi dammaqoo akka taanu kan nu gargaaru akkamitti?

18 Karaan Seexanni nu gowwoomsuuf itti yaalu kan biraanis jira. Waaqayyo akka nu hin jaallannee fi cubbuu keenya akka nuu hin dhiisne goonee akka yaadnu barbaada. Kun olola Seexanni nu gowwoomsuuf itti fayyadamu dha. Yihowaa duratti dhuguma kan hin jaallatamne eenyu? Seexana dha. Dhuguma dhiifamni kan hin godhamneef hoo eenyu? Seexana. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; kanaaf hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedha. (Ibr. 6:10) Yihowaan carraaqqii isa gammachiisuuf goonu ni dinqisiifata; tajaajilli isaaf dhiheessinus gatii kan hin qabne miti. (1 Qorontos 15:58 dubbisi.) Kanaafuu, olala Seexanaatiin hin gowwoomfamnu!

19 Akkuma hanga ammaatti ilaalle Seexanni humna qaba, hamaa dha, akkasumas gowwoomsituu dha. Waraana diina sodaachisaa taʼe kanaa wajjin goonu irratti moʼuu kan dandeenya akkamitti? Yihowaan nu gargaara. Dubbiin isaa waaʼee tooftaalee Seexanaa waan nu barsiisuuf, ‘akeeki Seexanaa maal akka taʼe beekna.’ (2 Qor. 2:11) Tooftaalee Seexanaa yoo hubanne, caalaatti of qabuu fi dammaqoo taʼuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, akeeka Seexanaa beekuun qofti gaʼaa miti. Macaafni Qulqulluun, ‘Seexanaan mormaa! Innis isin dhiisee in baqata’ jedha. (Yaq. 4:7) Mata duree itti aanu irratti, karaa Seexana loluu fi moʼuu itti dandeenyu sadii ilaala.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi