LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 10. Namichi tokko walgaʼii gumii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti, caqasa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatuun tokko isatti argisiisu yommuu ilaalu.

      BARUMSA 10

      Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?

      Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti akka argamtu affeeramtee beektaa? Hamma yoonaatti argamtee hin beektu yoo taʼe, yeroo jalqabaatiif walgaʼii kana irratti argamuun si sodaachisuu dandaʼa taʼa. Tarii akkana jettee gaafatta taʼa: ‘Walgaʼiiwwan kana irratti maaltu raawwatama? Barbaachisoo kan taʼan maaliifi? Achi irratti argamuu kanan qabu hoo maaliifi?’ Barumsa kana keessatti, warra kaanii wajjin walitti qabamuun Waaqayyotti caalaatti dhihaachuufis taʼe dhuunfaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baratta.

      1. Dhugaa Baatonni Yihowaa kan walitti qabaman maaliifi?

      Sababii guddaa itti warra kaanii wajjin walitti qabamnu ilaalchisee barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Gumii guddaa keessatti Yihowaa nan jajadha” jedheera. (Faarfannaa 26:12) Haaluma wal fakkaatuun, Dhugaa Baatonni Yihowaas walitti qabamuu isaaniitiin gammachuu guddaa argatu. Torban torbaniin addunyaa maratti, Waaqayyoon waaqeffachuuf, faarfannaadhaan isa jajachuu fi kadhachuuf walitti qabamu. Waggaa waggaadhaanis waaqeffannaadhaaf baayʼatanii walitti qabamu.

      2. Walgaʼiiwwan keenya irratti yommuu argamtu maal baratta?

      Walgaʼiiwwan keenya irratti Dubbiin Waaqayyoo, ‘karaa ifa taʼeen ni ibsama, akkasumas hiikni wanta dubbifame sanaa ifa ni godhama.’ (Nahimiyaa 8:8 dubbisi.) Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuudhaan, waaʼee Yihowaa fi waaʼee amalawwan isaa warra dinqisiisoo ni baratta. Jaalala inni siif qabu barachaa yommuu deemtu, caalaatti isatti dhihaatta. Jireenya gammachiisaa qabaachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼes ni baratta.—Isaayyaas 48:17, 18.

      3. Namoota walgaʼii irratti argamanii wajjin walitti qabamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

      Yihowaan, ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf xiyyeeffannaa akka waliif kenninuu fi walitti qabamuu keenya akka hin dhiisne’ nu ajajeera. (Ibroota 10:24, 25) Walgaʼiiwwan keenya irratti namoota garaadhaa waliif yaadanii fi akkuma kee waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf fedhii qabanii wajjin wal argita. Yaadawwan nama jajjabeessan Kitaaba Qulqulluu irraa yommuu dubbatan ni dhageessa. (Roomaa 1:11, 12 dubbisi.) Namoota rakkinni isaan irra gaʼus, gammadoo taʼanii wajjin wal barta. Yaadawwan olitti ibsaman, sababiiwwan Yihowaan walgaʼii irratti yeroo hundumaa akka argamnu barbaadu keessaa muraasa isaanii ti.

      CAALAATTI BARADHU

      Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa maal akka fakkaatanii fi walgaʼiiwwan kanneen irratti argamuun kan nama hin gaabbisiisne maaliif akka taʼe baradhu.

      4. Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa

      Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni yeroo hundumaa Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamu turan. (Roomaa 16:3-5) Qolosaayis 3:16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Yihowaa waaqeffachaa kan turan akkamitti?

      Yeroo harʼaattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hundumaa bakka waaqeffannaa isaanitti walitti qabamu. Walgaʼiiwwan isaanii maal akka fakkaatan ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis fakkii walgaʼii gumii argisiisu ilaaluudhaan, gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? (2:12)

      • Wanti Galma Walgaʼiitti raawwatamuu fi wanti Qolosaayis 3:16 irratti dubbiste kan wal fakkaatu akkamitti?

      • Viidiyoo ykn fakkii sana irraa, walgaʼii keenya ilaalchisee wanta sitti tole kan biraa hubatteettaa?

      Qorontos Lammaffaa 9:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti qarshiin kan hin gaafatamne maaliifi?

      Nama si qoʼachiisuu wajjin, wanta yeroo walgaʼiin itti aanu geggeeffamutti irratti mariʼatamu ilaalaa.

      • Kutaalee walgaʼichaa keessaa kan xiyyeeffannaa kee harkise ykn kan si fayyadu isa kami?

      Kana beektaa?

      Weebsaayitii keenya jw.org irraa, addunyaa maratti walgaʼiiwwan keenya eessattii fi yoom akka geggeeffaman argachuu dandeessa.

      Fakkiiwwan: Wantoota Galma Walgaʼii keessatti gumiin jalqabamuu isaa dura, gumii irrattii fi gumii booda raawwataman argisiisan. Wantoonni kun fakkii A hanga Dtti jiran irratti irra deebiʼamanii ibsamaniiru. A. Dhugaa Baatuun tokko walgaʼii irratti waltajjii irra dhaabbatee haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennaa jira. Fakkiiwwan: Yoseef, Maariyaamii fi obboloota Yesuus keessaa tokko imalaaf qophaaʼaa jiru. 1. Yoseef harree irratti miʼa feʼaa jira, Maariyaam immoo wanta nyaataaf taʼu qopheessaa jirti. 2. Kaartaa karaa Naazireetii gara Yerusaalemitti geessu argisiisu. C. Dhugaa Baatuun tokko walgaʼiin erga dhumee booda maatii tokkoo wajjin haasaʼaa jira. D. Dhugaa Baatuun tokko maanguddoo gara walgaʼii dhufaniif balbala banaa jira.
      1. Walgaʼiiwwan keenya haasaa, viidiyoo, akkasumas leenjiiwwan lallabuu fi barsiisuuf nu gargaaran kan dabalatani dha. Walgaʼiiwwan kan jalqabamanii fi kan xumuraman faarfannaa fi kadhannaadhaani

      2. Kutaawwan dhihaatan tokko tokko irratti immoo dhaggeeffattoonni yaada akka kennan affeeramu

      3. Dhiira, dubartii, maanguddoo fi ijoollee dabalatee namni kam iyyuu walgaʼii irratti argamuu dandaʼa

      4. Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuuf qarshii kaffaluun si hin barbaachisu. Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii hin gaafatan ykn qodaa buusii hin naannessan

      5. Walgaʼiiwwan irratti argamuun carraaqqii gochuu gaafata

      Mee maatii Yesuus akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ayyaana waggaa tokko irratti argamuuf, Naazireetii kaʼanii Yerusaalem gaʼuuf, naannoowwan gaarreen itti baayʼatan keessa qaxxaamuranii gara guyyoota sadiitiif miilaan deemuu qabu turan. Luqaas 2:39-42 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Imalli gara Yerusaalemitti godhamu kun carraaqqii gochuu kan gaafatu sitti fakkaataa?

      • Walgaʼiiwwan irratti argamuuf carraaqqii guddaa gochuun kan si barbaachisu maaliif taʼuu dandaʼa?

      • Ulfaataa yoo taʼe illee, walgaʼiiwwan irratti argamuun kan si fayyadu sitti fakkaataa? Maaliif?

      Fakkiiwwan: Yoseef, Maariyaamii fi obboloota Yesuus keessaa tokko imalaaf qophaaʼaa jiru. 1. Yoseef harree irratti miʼa feʼaa jira, Maariyaam immoo wanta nyaataaf taʼu qopheessaa jirti. 2. Kaartaa karaa Naazireetii gara Yerusaalemitti geessu argisiisu.

      Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaadhaaf walitti qabamuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe dubbata. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yeroo hunda walgaʼii irratti argamuu kan qabnu maaliifi?

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namootaa wajjin walitti qabamuun si hin barbaachisu. Kitaaba Qulqulluu manumatti qoʼachuun qofti gaʼaa dha.”

      • Caqasni ykn fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi wanta Yihowaan barbaadu ibsu isa kami?

      MAAL BARATTE?

      Walgaʼiiwwan irratti argamuun waaʼee Yihowaa caalaatti barachuuf, michummaa isaa wajjin qabdu cimsachuu fi warra kaanii wajjin isa waaqeffachuuf si gargaara.

      Irra Deebii

      • Yihowaan akka walitti qabamnu kan nu jajjabeessu maaliifi?

      • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yommuu argamtu maal baratta?

      • Walgaʼiiwwan irratti argamuun faayidaa kan biraas kan siif argamsiisu sitti fakkaataa?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Walgaʼii irratti argamuun kan si sodaachisu yoo taʼe hoo? Namni miirri akkasii itti dhagaʼamee ture tokko walgaʼii kan jaallate akkamitti akka taʼe ilaali.

      Akka Itti Isaan Nagaa Nu Gaafatan Matumaa hin Irraanfannu (4:16)

      Dargaggeessi tokko walgaʼii kan jaallate akkamitti akka taʼee fi yeroo hunda achi irratti argamuuf maal akka godhe ilaali.

      Walgaʼiiwwan Sana Baayʼeen Jaalladhe! (4:33)

      Walgaʼiiwwan irratti argamuu ilaalchisee warri kaan maal akka jedhan hubadhu.

      “Walgaʼii Galma Walgaʼiitti Geggeeffamu Irratti Argamuu Kanan Qabu Maaliifi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Miseensi garee kashalabbootaa tokko walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti erga argamee booda, jireenyi isaa kan jijjiirame akkamitti akka taʼe hubadhu.

      “Shugguxiin Koo Yoom Iyyuu Na Harkaa hin Dhabamu Ture” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Bara 1914 kaasee addunyaan kun jijjiirameera

      VIIDIYICHA taphachiisaa.

      VIIDIYOO: Bara 1914 Kaasee Addunyaan Kun Jijjiirameera (1:10)

      Yesuus erga Mootii taʼee booda haalli addunyaa kanaa maal akka fakkaatu raajii dubbateera. Luqaas 21:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Haalawwan kanneen keessaa kan ati argite ykn dhageesse isa kami?

      Phaawulos ergamaan guyyoota dhumaa bulchiinsa ilmaan namootaatti namoonni amala akkamii akka argisiisan ibseera. Ximotewos Lammaffaa 3:1-5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Namoonni yeroo harʼaa jiran amalawwan kanneen keessaa kamfaa yommuu argisiisan hubatteetta?

      Fakkiiwwan: Fakkiiwwan haalawwan addunyaa fi amala namootaa guyyoota dhumaa argisiisan. 1. Geggeessaan loltootaa tokko waltajjii irra dhaabatee harka isaa ol kaasuudhaan dhaadannoo dhageessisaa jira. 2. Gamoowwan kirkira lafaatiin diigaman. 3. Xiyyaara lolaa. 4. Namoota maaskii godhatanii deemaa jiran. 5. Gamoowwan Niwu Yoorki lamaan balaa shororkeessitoonni geessisan booda gubachaa jiran. 6. Namicha qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa jiru. 7. Abbaa manaa haadha manaa isaa abootteedhaan rukutuuf jedhuu fi itti iyyaa jiru. 8. Qorichawwan sammuu namaa hadoochanii fi dhugaatiiwwan alkoolii gara garaa. 9. Dubartoota uffata ammayyaa uffatanii fi faayaawwan kaaʼatan lama yommuu suuraa of kaasan. 10. Diijee koonsartii irratti muuziqaa taphachiisaa jiru. 11. Namni jeequmsa irratti hirmaatu tokko ibidda qabsiisee yommuu darbachuuf jedhu.

      6. Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

      Maatewos 24:3, 14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Hojii barbaachisaan Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru argisiisu isa kami?

      • Hojii kana irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

      Mootummaan Waaqayyoo bulchaa jira, guyyaan itti guutummaatti lafa toʼatus dhihaateera. Ibroota 10:24, 25 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • “Guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu,” tokkoon tokkoon keenya maal gochuu qabna?

      Fakkiiwwan: 1. Barattuu Kitaaba Qulqulluu walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamte. 2. Barattuun Kitaaba Qulqulluu sun dubartii beektu takkaaf yommuu lallabdu.

      Wanta namoota gargaaruu fi lubbuu isaanii oolchuu dandaʼu utuu beektee maal goota?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi