-
Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan JabeeffadhaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Onkoloolessa
-
-
2 Namoonni kaanis wanta abdatan kan qaban taʼus, raawwii kan argatu taʼuu isaa mirkanaaʼoo miti taʼa. Fakkeenyaaf, namoonni qumaara taphatanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman lootarii akka moʼan abdatu taʼa; garuu matumaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Amantii dhugaa qabaachuun garuu, abdii keenya ‘mirkanaaʼaa taanee eeggachuu’ jechuu dha. (Ibr. 11:1) Haa taʼu malee, wanti abdattan caalaatti mirkanaaʼaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Wanta abdattan irratti amantii cimaa qabaachuun keessan hoo faayidaa akkamii argamsiisa?
3. Amantiin Kiristiyaanaa maal irratti kan hundaaʼe dha?
3 Amantiin amala namoonni cubbamoo taʼan qabaatanii dhalatan miti; akkasumaan kan argamus miti. Amantii argachuuf garaan keenya hafuura qulqulluudhaan akka geggeeffamu heyyamuu qabna. (Gal. 5:22) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan amantii akka qabu ykn amantiin akka isa barbaachisu hin dubbatu. Yihowaan hundumaa kan dandaʼuu fi ogeessa waan taʼeef, wanti kam iyyuu akka inni kaayyoo isaa hin raawwanne gochuu hin dandaʼu. Abbaan keenya inni samii eebbawwan waadaa gale hunda dhugaa akka taʼanitti waan ilaaluuf, raawwii isaanii akka argatan mirkanaaʼaa dha. Kanaafuu, “Raawwatamaniiru!” jedheera. (Mulʼata 21:3-6 dubbisi.) Amantiin Kiristiyaanotaa Yihowaa isa “Waaqayyo amanamaa” taʼee fi wanta waadaa gale yeroo hunda raawwatu irratti kan hundaaʼe dha.—Kes. 7:9.
FAKKEENYOTA AMANTII BARA DURII IRRAA BARACHUU
4. Dhiironnii fi dubartoonni bara Kiristiyaanotaa dura turan abdii akkamii qabu turan?
4 Kitaaba Ibrootaa boqonnaa 11 irratti maqaan dhirootaa fi dubartoota amantii qaban 16 tarreeffameera. Barreessaan kitaaba kanaa hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, namoonni kunii fi warri kaan “sababii amantii isaaniitiin dhugaa kan isaaniif baʼame” akka taʼan caqaseera. (Ibr. 11:39) Hundi isaanii iyyuu, Waaqayyo fincila Seexanaa akka balleessuu fi kaayyoo isaa isa jalqabaa galmaan gaʼuuf “sanyii” abdachiifame sana akka kaasu ‘mirkanaaʼaa taʼanii eeggachaa’ turan. (Uma. 3:15) Namoonni amanamoon kun ‘sanyiin’ abdachiifame, jechuunis Yesuus Kiristoos jireenya samiitiif karaa utuu hin banin duʼan. (Gal. 3:16) Taʼus, waadaan Yihowaan gale utuu hin raawwatamin waan hin hafneef, duʼaa kaʼanii namoota mudaa hin qabne taʼuudhaan lafa irra jiraatu.—Far. 37:11; Isa. 26:19; Hos. 13:14.
-
-
Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan JabeeffadhaaMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2016 | Onkoloolessa
-
-
7. Yihowaan amantii keenya akka guddifannu nu gargaaruuf gaarummaadhaan kakaʼee qophiiwwan akkamii nuu godhe? Qophiiwwan kanatti hoo akkamitti fayyadamuu qabna?
7 Yihowaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf, Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu nuu kenneera. “Gammachuu” argachuuf, akkasumas wanti hundi ‘akka wal nuu qixxaatuuf,’ yoo dandaʼame Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti dubbisuu qabna. (Far. 1:1-3; Hojii Ergamootaa 17:11 dubbisi.) Achiis, akkuma waaqeffattoota Yihowaa bara Kiristiyaanotaa dura turanii, waadaawwan Waaqayyo gale irratti xiinxaluu fi wantoota inni nu irraa barbaadu hojii irra oolchuu qabna. Akkasumas, Yihowaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee nyaatawwan hafuuraa hedduu nuu kennuudhaan nu eebbiseera. (Mat. 24:45) Kanaafuu, wanta qophii hafuuraa Yihowaan nuu godhe irraa barannuuf bakka guddaa kennuudhaan, akka fakkeenyota amantii durii abdii Mootummichaa ‘mirkanaaʼaa taʼanii eeggachaa’ turanii taʼuu dandeenya.
-