-
“Magaalaa Hundee Dhugaa Qabu” Eeggachaa Jirtaa?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Hagayya
-
-
Abrahaam waadaa Yihowaan gale irratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali)
5. Abrahaam magaalaa Waaqayyo pilaanii isaa qopheesse eeggachaa akka ture akkamitti beekna?
5 Abrahaam magaalaa ykn mootummaa Waaqayyo pilaanii isaa baase eeggachaa akka ture kan argisiise akkamitti? Tokkoffaa, Abrahaam lammii mootummaa lafa irraa kam iyyuu hin taane. Iddoo tokko qofa jiraachuu mannaa bakka tokkoo gara bakka biraatti deemaa jiraateera, akkasumas mootii kam iyyuu hin deggerre. Dabalataanis Abrahaam mootummaa mataa isa hundeessuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf ajajameera; hamma inni waadaa gale raawwatuttis eegeera. Abrahaam akkas gochuudhaan Yihowaa irratti amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Mee haala rakkisaa isa mudatee ture tokko tokko haa qorru, akkasumas fakkeenya isaa irraa maal akka barannu haa ilaallu.
-
-
“Magaalaa Hundee Dhugaa Qabu” Eeggachaa Jirtaa?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Hagayya
-
-
7. Abrahaam Yihowaan isaafis taʼe, maatii isaatiif eegumsa akka godhu kan amanate maaliif ture?
7 Abrahaam Yihowaan isaafis taʼe maatii isaatiif eegumsa akka godhu amanannaa qaba ture. Maaliif? Abrahaamii fi Saaraan dirree Kanaʼaan keessa jiraachuuf jedhanii, mana isaanii isa magaalaa Uritti argamuu fi eegumsaa fi haala mijataa qabu dhiisanii akka baʼaan yaadadhu. Maatiin isaaniis taʼe isaan dallaawwan ciccimoo fi boʼoowwan bishaanii gugguddaadhaan eegumsa argachuu hin dandaʼan. Kanaa mannaa, amma haleellaa diinotaatiif saaxilamanii jiru.
8. Abrahaam yeroo tokko maal dandamachuun isa barbaachisee ture?
8 Abrahaam fedha Waaqayyoo raawwachaa kan ture taʼus, yeroo tokko maatii isaa sooruun isatti ulfaatee ture. Beela cimaa biyya Yihowaan akka keessa jiraatu itti isa erge irra gaʼe dandamachuun isa barbaachisee ture. Beelli sun baayʼee hamaa waan tureef, Abrahaam yeroo muraasaaf maatii isaa fudhatee Gibxiitti galuuf murteesse. Taʼus, utuu inni Gibxiin jiruu Faraʼoon bulchaan biyyichaa haadha manaa isaa irraa fudhate. Hamma Yihowaan, Saaraa akka isaaf deebisu Faraʼooniin amansiisutti dhiphina Abrahaamitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu mee yaadi.—Uma. 12:10-19.
9. Abrahaam maatii isaa keessatti rakkinni akkamii isa mudatee ture?
9 Maatii Abrahaam keessa rakkinni cimaan jira ture. Saaraan haati manaa isaa ishiin jaallatamtuun dhala hin qabdu turte. Kanaafuu, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gaddanii turan. Yeroo booda, Saaraan tajaajiltuun ishii Aggaar Abrahaamii fi ishiidhaaf ijoollee akka deessuuf, Abrahaamiif kennite. Taʼus, Aggaar yommuu Ishmaaʼeliin ulfooftu Saaraa tuffachuu jalqabde. Haalli kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef, Saaraan Aggaariin manaa ariite.—Uma. 16:1-6.
10. Ishmaaʼelii fi Yisihaaqiin ilaalchisee amanannaa Abrahaam Yihowaa irratti qabu wanti qore maal ture?
10 Yeroo booda Saaraan ulfooftee ilma inni Yisihaaq jedhee moggaase Abrahaamiif deesse. Abrahaam ilmaan isaa lamaanuu Ishmaaʼelii fi Yisihaaqiin ni jaallata ture. Taʼus, Ishmaaʼel Yisihaaq irratti wanta dogoggoraa waan raawwateef, Abrahaam Ishmaaʼelii fi Haggaariin manaa baasuuf dirqame. (Uma. 21:9-14) Yeroo booda Yihowaan, Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa godhee akka isaaf dhiheessu gaafate. (Uma. 22:1, 2; Ibr. 11:17-19) Yeroo lamaanitti iyyuu, Abrahaam ilmaan isaa lamaaniif yeroo booda Yihowaan wanta gaarii akka godhu isatti amanamuu qaba ture.
11. Abrahaam Yihowaa obsaan eeggachuun kan isa barbaachise maaliif ture?
11 Yeroo kana hundatti Abrahaam Yihowaa obsaan eeggachuu barachuu qaba ture. Yeroo innii fi maatiin isaa Uriin dhiisanii baʼan umuriin isaa 70 ol taʼuu hin oolu. (Uma. 11:31–12:4) Gara waggaa dhibbaatiif immoo biyyaa Kanaʼaan keessa asii fi achi deemaa dunkaana keessa jiraate. Abrahaam umurii isaa waggaa 175tti duʼe. (Uma. 25:7) Taʼus, waadaa Yihowaan biyya inni keessa adeemaa ture sanyii isaatiif kennuuf gale yommuu raawwatamu hin argine. Kana malees, magaalichi, jechuunis Mootummaan Waaqayyoo yommuu hundeeffamu hin argine. Taʼus, Abrahaam ‘bara quufee akka duʼe’ ibsameera. (Uma. 25:8) Rakkoowwan kun hundi kan isa irra gaʼan taʼus, Abrahaam amantii cimaa qabaatee jiraateera akkasumas gammachuudhaan Yihowaa eeggateera. Kana hundumaa dandaʼee kan jiraate maaliif? Guutummaa jireenya isaa hundatti Yihowaan eegumsa waan isaaf godhee fi akka michuu isaatti waan isa kunuunseef ture.—Uma. 15:1; Isa. 41:8; Yaq. 2:22, 23.
-