LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
    • 1, 2. (a) Museen waggaa 40 yommuu taʼu murtoo akkamii godhe? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Museen saba Waaqayyoo wajjin rakkinaan jiraachuu kan filate maaliifi?

      MUSEEN wanta biyya Gibxii keessatti argachuu dandaʼu beeka ture. Mana bareedaa guddaa taʼeefi sooreyyiin keessa jiraatanis argee ture. Kan guddates maatii moototaa keessattidha. Ogummaa harkaa, urjii lakkaaʼuu, herregaafi gosa saayinsii kaan dabalatee, “ogummaa warra Gibxii hundumaa” baratee taʼuu dandaʼa. (HoE. 7:22) Museen salphaadhumatti qabeenya, aangoofi mirgawwan namoonni Gibxii kaan hawwan argachuu dandaʼa ture.

      2 Haataʼu malee, Museen yommuu waggaa 40 taʼu murtoo maatii moototaa Gibxii isa guddisanitti bitaa taʼu godhe. Akka namoota Gibxii kaaniitti jiraachuullee utuu hin taʼin, garba taʼee rakkinaan jiraachuu filatee ture. Maaliif? Amantii waan qabuufidha. (Ibroota 11:24-26 dubbisi.) Museen ija amantiitiin haala jireenyaa naannoosaa turerra dabarsee ilaala ture. Nama hafuuraa waan taʼeef, Yihowaa ‘isa ijaan hin argamneefi’ abdii inni kenneetti ni amanama ture.​—Ibr. 11:27.

  • Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
    • 4. Museen ‘gammachuu cubbuurraa argamu’ ilaalchisee maal hubatee ture?

      4 Museen ‘gammachuun cubbuudhaan argamu’ yeroo gabaabaadhaaf kan turu taʼuusaa ija amantiitiin hubateera. Namoonni yeroo sana turan tokko tokko, biyyi Gibxii waaqayyolii tolfamoofi gocha hafuurota xuraaʼootiin kan mancaʼe taʼus, mootummaa addunyaarratti humna guddaa qabu taʼee ture; sabni Yihowaa garuu garboota taʼanii gidiraa argaa turan jedhanii yaadaniiru taʼa. Museen garuu Waaqayyo haalicha jijjiiruu akka dandaʼu beeka ture. Jalʼoonni kan dagaagan fakkaatanis, yeroo booda akka badan amantii qaba ture. Kanaan kan kaʼes, ‘gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuurraa’ argamuun hin gowwoomfamne.

      5. ‘Gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuudhaan argamurraa’ fagaachuuf kan nu gargaaru maalidha?

      5 ‘Gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuudhaan argamurraa’ fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gammachuun hawwii foonii yeroo muraasaaf qofa kan turu taʼuusaa matumaa hin dagatinaa. ‘Biyyi lafaafi hawwiinsaa hundinuu kan darbu’ taʼuusaa ija amantiitiin ilaalaa. (1 Yoh. 2:15-17) Wanta namoota cubbuu hojjetaniifi yaada garaa hin geddarannerra gaʼurratti xiinxalaa. Namoonni akkasii, ‘lafa mucucaaturra dhaabatanii waan jiraniif dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhu.’ (Far. 73:18, 19) Cubbuu taʼe tokko raawwachuuf yommuu qoramnu, ‘Gara fuulduraatti jireenya akkamii jiraachuun barbaada?’ jennee of haa gaafannu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi