LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
    • 10. (a) Dh.K.D. bara 1513 jiʼa Niisaanitti Yihowaan Israaʼelootaaf qajeelfama akkamii kenne? (b) Museen qajeelfama Waaqayyootiif kan ajajame maaliifi?

      10 Dh.K.D. bara 1513 jiʼa Niisaanitti, Yihowaan karaa Museefi Aaron, Israaʼeloonni korbeessa hoolaa ykn reettii qaluudhaan dhiigasaa mataa balbala manasaaniitti akka dibaniif qajeelfama adda taʼe kenne. (Bau. 12:3-7) Yeroo kanatti Museen maal godhe? Phaawulos ergamaan yeroo booda Musee ilaalchisee, “Inni amantiidhaan Faasiikaan akka ayyaaneffamu godhe, . . . inni angafa kan taʼe hundumaa fixu sun akka isaanitti hin buunetti, dhiigicha balbalatti dibsiise” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:28) Museen abdiin Yihowaan kenne dhugumaan akka raawwatamu waan beekuuf, angafni ijoollee dhiiraa warra Gibxii hundi kan ajjeefaman taʼuusaa amanannaa qaba ture.

      11. Museen Israaʼeloota kan akeekkachiise maaliifi?

      11 Ijoolleen Musee biyya Miidiyaan, jechuunis ‘isa angafa kan taʼe hundumaa fixu sanarraa’ fagoo jiraachaa waan turan fakkaata.a (Bau. 18:1-6) Haataʼu malee, Museen maatiiwwan Israaʼel ijoolleesaanii angafaa balaarraa akka eegan akeekkachiiseera. Museen Israaʼeloota balaan irra gaʼuuf jedhu sanaaf jaalala akka qabu argisiiseera. Macaafni Qulqulluun, “Yommus Museen maanguddoota Israaʼel hundumaa waamee, . . . xobbaallaa Faasiikaa sana qaladhaa!” jechuudhaan akka isaan ajaje dubbata.​—Bau. 12:21.

      12. Yihowaan ergaa barbaachisaa akkamii akka lallabnu nu ajaje?

      12 Sabni Yihowaa gargaarsa ergamootaatiin ergaa bakka guddaa qabuufi “Yeroon firdii isaa waan gaʼeef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!” jedhu dabarsaa jiru. (Mul. 14:7) Yeroon ergaa kana itti labsinu ammadha. Namoonni ‘dhaʼichashee irraa akka hin hirmaannetti,’ Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan isaan akeekkachiisuu qabna. (Mul. 18:4) ‘Hoolonni kan biraan’ Kiristiyaanota dibamoo wajjin taʼuudhaan, namoota Waaqayyorraa fagaatanii jiraataniin “Waaqayyotti araaramaa!” jechaa jiru.​—Yoh. 10:16; 2 Qor. 5:20.

      Dhugaa Baatuun Yihowaa, ergamoonni qilleensota badiisa fidan yommuu ittisan ija qalbiitiin arguudhaan tajaajila deemuuf qophaaʼaa jirtu

      Amanannaan abdii Yihowaan kennerratti qabdu, fedhii misiraachicha lallabuuf qabdu guddifachuuf si gargaara (Keeyyata 13 ilaali)

      13. Fedhii misiraachicha lallabuuf qabnu guddifachuuf kan nu gargaaru maalidha?

      13 “Yeroon firdii” dhuguma akka dhihaate beekna. Akkuma Yihowaan jedhe hojiin lallabaas ariifachiisaa taʼuusaa sirriitti beekna. Yohannis ergamaan, “Ergamoonni afur golee lafaa arfan irra dhaabatanii, . . . qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii nan arge” jechuudhaan barreesseera. (Mul. 7:1) Ergamoota, qilleensota biyya lafaa kanarratti badiisa fidan gadhiisuuf jedhan ija amantiitiin ni argituu? Ergamoota kana ija amantiitiin ni argitu yoo taʼe, misiraachicha amanannaadhaan lallabuu ni dandeessu.

  • “Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Ebla 15
    • a Yihowaan warra Gibxiirratti tarkaanfii kan fudhate karaa ergamootasaa akka taʼe ifadha.​—Far. 78:49-51.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi