-
Gaarummaan—Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa QabaMasaraa Eegumsaa—2012 | Onkoloolessa 1
-
-
Gaarummaan amala uumamumaan qabnu qofa utuu hin taʼin, hunda caalaa amala Waaqayyoo waan taʼeef, ‘walitti kan tollu’ ykn gaarummaa kan walitti argisiisnu akka taanu nu gorsuunsaa sirriidha. (Efesoon 4:32) “Keessummoota simuu,” jechuunis gaarummaa itti argisiisuu akka hin dagannes gorfamneerra.—Ibroota 13:2.
-
-
Gaarummaan—Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa QabaMasaraa Eegumsaa—2012 | Onkoloolessa 1
-
-
Phaawulos ergamaan waaʼee namoota kaanitti gaarummaa argisiisuu erga dubbatee booda, “Karaa kanaa namoonni utuu hin beekin ergamoota Waaqayyoo simataniiru” jedheera. Ergamoota Waaqayyoo keessumsiisuuf utuu carraa argattee maaltu sitti dhagaʼama? Haataʼu malee, Phaawulos kana dubbachuusaa dura yaada “utuu hin beekin” jedhu caqaseera. Yaanni Phaawulos kun kallattii garabiraatiin, namoota hin beekne dabalatee warra kaanitti gaarummaa argisiisuu amaleeffanneerra taanaan karaa hin eegneen eebba argachuu akka dandeenyu argisiisa.
Hiikawwan Macaafa Qulqulluu caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran qaban hedduun, jechoota Phaawulos kana biratti seenaa Abrahaamiifi Loox isa Macaafa Uumamaa boqonnaa 18fi 19rra jiru caqasu. Seenaa lamaanirrattuu, ergamoonni Waaqayyoo ergaa cimaa qabatanii akka keessummaatti garasaanii akka dhufan dubbisna. Ergaan Abrahaamiin ilaalchisee dubbatame, waadaa Waaqayyo ilma akka kennuuf dubbate raawwatamuu wajjin kan wal qabate siʼa taʼu, kan Looximmoo badiisa magaalaa Sodoomiifi Gomoraarra gaʼu kan ilaallatu ture.—Uumama 18:1-10; 19:1-3, 15-17.
Caqasoota olii yoo dubbiste, Abrahaamiifi Loox namoota hin beeknetti gaarummaa akka argisiisan hubatta. Bara durii michootaafi firoota qofa utuu hin taʼin, namoota hin beekne dabalatee karadeemtota keessumsiisuun akka aadaafi dirqamaatti ilaalamaa ture. Seerri Musee, Israaʼeloonni namoota lammii Israaʼel hin taaneefi biyyicha keessa jiraataniif akka yaadan ajaja ture. (Keessa Deebii 10:17-19) Keessummaa simachuun baramaa taʼuyyuu, Abrahaamiifi Loox wanta seerri yeroo booda kenname ajajurra darbanii kan raawwatan fakkaata. Keessummootatti gaarummaa argisiisuuf carraaqqii guddaa kan godhan siʼa taʼu, kunis eebba isaaniif argamsiiseera.
Abrahaam gaarummaa argisiisuusaatiin eebba guddaa argateera
Abrahaam gaarummaa argisiiseen ilma godhachuunsaa isaaf qofa utuu hin taʼin, nuufis eebba argamsiiseera. Karaa kamiin? Abrahaamiifi ilmisaa Yisihaq kaayyoo Waaqayyoo raawwachuurratti gaʼee guddaa taphataniiru. Hidda dhalootaa Yesus isa Masiihii taʼe argamsiisuurratti iddoo guddaa qabu turan. Kana malees, amanamummaan isaan argisiisan, qophii Waaqayyo jaalalaafi gaarummaasaatiin kakaʼee ilmaan namootaa fayyisuuf godheef gaaddidduu taʼee tajaajileera.—Uumama 22:1-18; Maatewos 1:1, 2; Yohannis 3:16.
-