-
Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 41
Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Ilaalchisee Maal Jedha?
Namoonni hedduun waaʼee saalqunnamtii dubbachuun isaan qaanessa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun waaʼee saalqunnamtii ifatti, garuu immoo karaa kabaja qabuun dubbata. Dhimma kana ilaalchisee wanti inni dubbatus nu fayyada. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa isa Uumaa keenya taʼe biraa waan dhufeef, kan nu fayyadu taʼuun isaa kanuma eegamu dha. Yihowaan wanti hunda caalaa nuuf wayyu maal akka taʼe beeka. Gochi keenya akkamitti isa gammachiisuu akka dandaʼuu fi wanti gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf nu gargaaru maal akka taʼe nutti hima.
1. Yihowaan saalqunnamtiidhaaf ilaalcha akkamii qaba?
Saalqunnamtiin kennaa Yihowaa biraa argame dha. Dhiirrii fi dubartiin gaaʼela godhatan saalqunnamtii irraa gammachuu akka argatan barbaada. Kennaan kun hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee akka godhatan qofa utuu hin taʼin, jaalala waliif qaban karaa sirrii fi gammachiisaa taʼeen akka walii ibsan isaan gargaara. Dubbiin Waaqayyoo, “Haadha manaa dargaggummaa [keetti] gammadi” kan jedhu kanaafi. (Fakkeenya 5:18, 19) Yihowaan Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo akka taʼan isaan irraa eega; kanaafuu matumaa ejja hin raawwatan.—Ibroota 13:4 dubbisi.
2. Halalummaan maali dha?
Kitaabni Qulqulluun, “Warri halaleen . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. (1 Qorontos 6:9, 10) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikiitiin barreessan halalummaa ibsuuf, jecha poorniyaa jedhutti fayyadamaniiru. Jechi kun (1) saalqunnamtiia namoota seeraan gaaʼela hin godhanne gidduutti raawwatamu, (2) saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi (3) saalqunnamtii bineeldotaa wajjin raawwatamu kan dabalatu dha. ‘Halalummaa irraa yommuu fagaannu,’ Yihowaa ni gammachiisna, ofii keenyaafis faayidaa arganna.—1 Tasalonqee 4:3.
CAALAATTI BARADHU
Halalummaa irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi karaa naamusaa qulqulluu taatee jiraachuun kan si fayyadu akkamitti akka taʼe baradhu.
3. Halalummaa irraa baqadhu
Namni amanamaan Yoseef jedhamu karaa naamusaa qulqulluu taʼee jiraachuuf carraaqqii guddaa godheera. Uumama 39:1-12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yoseef akka baqatu kan isa kakaase maali dha?—Lakkoofsa 9 ilaali.
Yoseef murtoo sirrii kan godhe sitti fakkaataa? Maaliif?
Dargaggoonni yeroo harʼaatti fakkeenya Yoseef hordofuu fi halalummaa irraa baqachuu kan dandaʼan akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yihowaan hundi keenya iyyuu halalummaa irraa akka fagaannu barbaada. Qorontos Tokkoffaa 6:18 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Haalawwan namni tokko halalummaa akka raawwatu isa taasisan tokko tokko kam faʼi?
Halalummaa irraa baqachuu kan dandeessu akkamitti?
4. Qorumsa si mudatu moʼuu ni dandeessa
Wanti qorumsa halalummaa akka raawwattuuf si mudatu dandamachuun akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼu maali dha? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleessi viidiyicha irratti ibsame, yaanni isaa fi gochi isaa haadha manaa isaatiif akka hin amanamne isa taasisuu akka dandaʼu yommuu hubatu maal godhe?
Kiristiyaanonni amanamoo taʼan illee yeroo tokko tokko yaada qulqulluu qabaachuuf qabsoo gochuun isaan barbaachisa. Wantoota naamusaan ala taʼan irra deddeebitee yaaduu irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Filiphisiyus 4:8 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Wantoota akkamii irratti yaaduu qabna?
Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi hojiin Yihowaa akka nuuf baayʼatu gochuun, qorumsa cubbuu akka raawwannu nu irra gaʼu dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
5. Ulaagaaleen Yihowaa nu fayyadu
Yihowaan wanta hunda caalaa nuuf wayyu beeka. Karaa naamusaa qulqulluu taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi akkas gochuun faayidaawwan akkamii akka qabu nutti hima. Fakkeenya 7:7-27 dubbisaa ykn VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Dargaggeessi kun haala qorumsaaf isa saaxilu keessa kan gale akkamitti?—Fakkeenya 7:8, 9 ilaali.
Fakkeenyi 7:23, 26 akka jedhutti, halalummaan miidhaa guddaa geessisa. Karaa naamusaa qulqulluu taanee yoo jiraanne rakkoowwan akkamii irraa baraaramna?
Karaa naamusaa qulqulluu taʼuun gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
Namoonni tokko tokko wanti Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu ilaalchisee dubbatu jaalala irratti kan hundaaʼe miti jedhanii dubbatu. Haa taʼu malee, Yihowaan inni Waaqa jaalalaa taʼe namni hundi gammachuudhaan bara baraaf akka jiraatu barbaada. Bara baraaf jiraachuuf immoo ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuu qabna. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akka ilaalcha Yihowaatti wanti dogoggora taʼe saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu qofa dhaa?
Waaqayyoon gammachiisuuf, hundi keenya jijjiirama tokko tokko gochuu qabna. Maarree akkas gochuuf carraaquun kee faayidaa qabaa? Faarfannaa 19:8, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Ulaagaaleen naamusaa Yihowaan baase sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Yihowaan namoonni hedduun ulaagaalee naamusaa isaa akka eegan isaan gargaareera. Siinis si gargaaruu ni dandaʼa
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Namoonni lama hamma wal jaallatanitti saalqunnamtii raawwachuun isaanii rakkina hin qabu.”
Atoo maal jetta?
MAAL BARATTE?
Saalqunnamtiin kennaa Yihowaan haati manaa fi abbaan manaa akka itti gammadaniif kenne dha.
Irra Deebii
Halalummaan maalfaa dabalata?
Halalummaa irraa fagaachuuf maaltu nu gargaara?
Ulaagaalee naamusaa Yihowaa hordofuun kan nu fayyadu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Waaqayyo dhiirri tokkoo fi dubartiin takka seeraan gaaʼela akka godhatan kan barbaadu maaliif akka taʼe qoradhu.
Barumsi Kitaaba Qulqulluu saalqunnamtiin saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu dogoggora akka taʼe ibsu, namoota akkasii jibbuu qabna jechuu kan hin taane maaliif akka taʼe baradhu.
“Saala Wal Fakkaatu Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggoraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Seerri Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee kenne eegumsa kan nuuf godhu akkamitti akka taʼe baradhu.
“Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhuguma Saalqunnamtii Jedhamaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Muuxannoo “Na Kabajaniiru” jedhu irraa, namni kanaan dura saala wal fakkaataa wajjin saalqunnamtii raawwachaa ture tokko Waaqayyoon gammachiisuuf jireenya isaa akka jijjiiru kan isa kakaase maal akka taʼe dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
a Gocha saalqunnamtii kan jedhamu, saalqunnamtii karaa afaanii fi karaa munnee raawwatamu, akkasumas fedhii saalaa guuttachuuf qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuu dabalatee gochawwan gara garaa kan of keessatti qabate dha.
-
-
Kitaabni Qulqulluun Qeenxee Taʼuu fi Gaaʼela Ilaalchisee Maal Barsiisa?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 42
Kitaabni Qulqulluun Qeenxee Taʼuu fi Gaaʼela Ilaalchisee Maal Barsiisa?
Aadaawwan tokko tokko keessatti namoonni namni tokko gaaʼela yoo godhate malee gammachuu argachuu hin dandaʼu jedhanii amanu. Taʼus namoonni gaaʼela qaban hundi gammachuu qabu jechuu miti ykn namoonni qeenxee taʼan hundi gammachuu hin qaban jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun qeenxee taʼuunis taʼe gaaʼela godhachuun kennaa akka taʼe dubbata.
1. Qeenxee taʼuun faayidaawwan akkamii qaba?
Kitaabni Qulqulluun, “Inni fuudhu gaarii godha, inni hin fuune immoo caalaatti gaarii godha” jedha. (1 Qorontos 7:32, 33, 38 dubbisi.) Namni qeenxeen tokko ‘caalaatti gaarii godheera’ jedhamuu kan dandaʼu akkamitti? Kiristiyaanni qeenxeen tokko hiriyaa gaaʼelaa kunuunsuun isa irraa eegamu hin qabu. Kanaafuu namni qeenxeen tokko akka walii galaatti bilisummaa dabalataa qaba. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko misiraachicha lallabuuf biyya kan biraa deemuu dabalatee karaawwan adda taʼaniin tajaajila isaanii balʼifachuu dandaʼaniiru. Hunda caalaa immoo, Yihowaatti dhihaachuuf yeroo dabalataa argatu.
2. Seeraan gaaʼela godhachuun faayidaawwan akkamii qaba?
Gaaʼelli akkuma qeenxee taʼuu faayidaawwan adda taʼan qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya” jedha. (Lallaba 4:9) Keessumaa kun Kiristiyaanota qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu gaaʼela isaanii keessatti hojii irra oolchaniif dhugaa dha. Hiriyoonni gaaʼelaa seeraan gaaʼela godhatan wal jaallachuuf, wal kabajuu fi wal kunuunsuuf kakuu waliif galu. Kanaan kan kaʼes, yeroo baayʼee namoota akkasumatti waliin jiraatan caalaa nageenyi isaanitti dhagaʼama. Ijoollee isaaniittis caalaatti nageenyi akka dhagaʼamu godha.
3. Yihowaan gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qaba?
Yihowaan yeroo gaaʼela isa jalqabaa hundeessetti, “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana” jedheera. (Uumama 2:24) Yihowaan abbaan manaa fi haati manaa hamma lubbuudhaan jiranitti akka wal jaallatanii fi akka waliin jiraatan barbaada. Hiriyoonni gaaʼelaa akka wal hiikan kan heyyamu tokkoon isaanii yommuu ejja raawwatan qofa dha. Haala akkasii keessatti Yihowaan hiriyaan gaaʼelaa inni balleessaa hin qabne hiikuuf ykn dhiisuuf akka murteessu mirga isaaf kenneera.a (Maatewos 19:9) Yihowaan Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol akka qabaatu hin heyyamne.—1 Ximotewos 3:2.
CAALAATTI BARADHU
Gaaʼela godhattus godhachuu baattus ofii keetiif gammachuu qabaachuu fi Yihowaa gammachiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
4. Qeenxee taʼuu keetti akka gaariitti fayyadami
Yesuus qeenxee taʼuu kennaa akka taʼetti ilaala ture. (Maatewos 19:11, 12) Maatewos 4:23 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yesuus qeenxee taʼuu isaatti fayyadamee Abbaa isaa kan tajaajilee fi warra kaan kan gargaare akkamitti?
Kiristiyaanonni qeenxee taʼanis jireenya isaanii akkuma Yesuusitti itti fayyadamuudhaan gammachuu argachuu dandaʼu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Kiristiyaanonni qeenxee taʼuu isaanii karaa eebba argamsiisuun itti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?
Kana beektaa?
Kitaabni Qulqulluun namni tokko gaaʼela godhachuuf umuriin isaa hammam taʼuu akka qabu hin dubbatu. Haa taʼu malee, namni tokko “umurii dargaggummaa” yeroo itti fedhiin saalqunnamtii cimaan murtoo gaarii gochuun akka isatti ulfaatu godhu hamma darbutti eeguu akka qabu jajjabeessa.—1 Qorontos 7:36.
5. Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu ogummaadhaan filadhu
Hiriyaa gaaʼelaa filachuun murtoowwan guguddaa gootu keessaa isa tokko dha. Maatewos 19:4-6, 9 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Kiristiyaanni tokko gaaʼela godhachuuf ariifachuu kan hin qabne maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun hiriyaan gaaʼelaa gaariin tokko amalawwan akkamii qabaachuu akka qabu hubachuuf si gargaara. Hunda caalaa, hiriyaa gaaʼelaa Yihowaa jaallatu argachuuf carraaqqii godhi.b Qorontos Tokkoffaa 7:39 fi 2 Qorontos 6:14 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Kiristiyaanni tokko nama Kiristiyaana taʼe qofa hiriyaa gaaʼelaa godhachuu kan qabu maaliifi?
Nama Yihowaa hin jaallannee wajjin gaaʼela yoo godhanne Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?
Beeladoonni baayʼee garaa gara taʼan lama yoo walitti camadaman lamaanuu ni miidhamu. Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanni tokko nama hin amannee wajjin gaaʼela yoo godhate rakkina hedduutu isa mudata
6. Gaaʼelaaf ilaalcha Yihowaa qabaadhu
Israaʼel durii keessatti dhiironni tokko tokko ofittummaadhaan kakaʼanii haadhotii manaa isaanii hiiku turan. Miilkiyaas 2:13, 14, 16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan karaa sirrii hin taaneen wal hiikuu kan jibbu maaliifi?
Ejjii fi wal hiikuun hiriyaa gaaʼelaa balleessaa hin qabnee fi ijoollee baayʼee miidha
VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Hiriyaan gaaʼelaa kee nama Yihowaa hin jaallanne yoo taʼe, gaaʼelli kee milkaaʼina akka qabaatu gochuuf maal gochuu dandeessa?
7. Ulaagaalee Yihowaan gaaʼelaaf baase hordofi
Namni tokko ulaagaalee Yihowaan gaaʼelaaf baase hordofuuf carraaqqii guddaa gochuun isa barbaachisuu dandaʼa.c Taʼus Yihowaan namoota carraaqqii akkasii godhan ni eebbisa. VIIDIYICHA taphachiisaa.
Ibroota 13:4 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Ulaagaaleen Yihowaan gaaʼelaaf baase sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?
Mootummoonni biyyoota hedduu hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela godhachuu fi wal hiikuu isaanii akka galmeessisan barbaadu; Yihowaanis Kiristiyaanonni akkasuma akka godhan isaan irraa eega. Tiitoo 3:1 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe gaaʼelli kee seeraan mootummaa biratti galmaaʼeraa?
NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Gaaʼela godhachuun maaliif barbaachise? Namoonni lama akkasumatti waliin jiraachuu hin dandaʼanii?”
Maal jettee deebista?
MAAL BARATTE?
Qeenxee taʼuunii fi gaaʼelli kennaa Yihowaa ti. Namoonni qeenxee taʼanis taʼe gaaʼela godhatan, fedha Yihowaa wajjin wal simanii kan jiraatan yoo taʼe gammachuu argachuu ni dandaʼu.
Irra Deebii
Namni tokko yeroo qeenxee taʼuudhaan dabarsu akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun nama Kiristiyaana taʼe waliin qofa gaaʼela godhadhaa kan jedhu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun wanti wal hiikuuf sababa taʼe maal qofa akka taʼe dubbata?
QORANNOO DABALATAA GODHI
“Gooftaadhaan qofa” gaaʼela godhachuu jechuun maal jechuu dha?
“Gaaffii Dubbistootaa” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 1, 2004)
Viidiyoowwan gaggabaaboo gaaʼelaaf wal qorachuu fi gaaʼela dhaabbachuu ilaalchisee murtoo gaarii gochuuf si gargaaran lama ilaali.
Obboleessi tokko wanti Yihowaan isaaf kenne wanta inni dhiise irra baayʼee akka caalu kan isatti dhagaʼame maaliif akka taʼe ilaali.
Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikuu ykn gargar baʼuu isaa dura wantoonni irratti yaaduu qabu tokko tokko kam faʼi?
“‘Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe’ Kabajaa” (Masaraa Eegumsaa, Muddee 2018)
a Utuu ejja hin raawwatin gargar baʼuu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf Ibsa Dabalataa 4 ilaali.
b Aadaawwan tokko tokko keessatti ilma ykn intala isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa kan filatu warra dha. Akkas taanaan, warri jaalala qabeeyyii taʼan jalqaba irratti maallaqa ykn iddoo namni sun hawaasa keessatti qabu utuu hin taʼin, Yihowaa ni jaallata moo hin jaallatu kan jedhu ilaaluu qabu.
c Nama tokko wajjin seeraan utuu gaaʼela hin godhatin akkasumatti wajjin jiraachaa jirta yoo taʼe, nama sana dhiisuun ykn nama sanaa wajjin gaaʼela godhachuun murtoo kee ti.
-