-
Tiksitoota Jaalala Qabeeyyii Ta’aniif Gad Of Qabuudhaan BitamaaMasaraa Eegumsaa—2007 | Ebla 1
-
-
7. Phaawulos, ilaalcha ilaaltota olaanaadhaaf qabaachuu qabnu ilaalchisee gorsa akkamii kenneera?
7 Tiksitoonni keenya samiirratti argaman, jechuunis Yihowaafi Yesus Kiristos, tiksitoota isaan jalatti argamaniifi gumii keessatti itti gaafatamummaa isaaniif kennaniif akka abboomamnuufi akka bitamnu barbaadu. (1 Phexros 5:5) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkas jedheera: “Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan akka du’anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa bu’aa! Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf [bitamaafii, NW]! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.”—Ibroota 13:7, 17.
8. Phaawulos maal akka ‘ilaallu’ nu jajjabeesse? Isaaniif kan ‘abboomamnu’ akkamitti?
8 Phaawulos, jireenya amanamummaa jaarsoliin jiraataniifi bu’aa argatan of eeggannoodhaan akka ‘ilaalluufi’ fakkeenyasaanii akka hordofnu nu jajjabeesseera. Kana malees, dhiirota muudaman kanaaf akka abboomamnuufi qajeelfama isaan nuu kennaniif akka ajajamnu nu gorseera. Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan ta’an Riichaard Tii. Firaans akka ibsanitti, jechi afaan Giriikii “abboomamaa” jedhu, “jecha beekamaa abboomamuu argisiisuuf ittiin hojjetame miti. Kanaa mannaa, jechi kun kallattiidhaan yommuu hiikamu geggeessituu ta’uusaanii fedha ofiitiin amananii fudhachuu kan argisiisudha.” Sababii garabiraan jaarsoliidhaaf itti abboomamnu, Macaafni Qulqulluun akkas akka goonu waan nu ajajuufidha. Kana malees, fedhii Mootummichaa babal’isuufis ta’e nageenya qaamaafi hafuuraa keenyaaf akka yaadan waan beeknuuf isaaniif abboomamna. Geggeessitoota ta’uusaanii fedhii keenyaan amannee kan fudhannu yoo ta’e gammachuu arganna.
-
-
Tiksitoota Jaalala Qabeeyyii Ta’aniif Gad Of Qabuudhaan BitamaaMasaraa Eegumsaa—2007 | Ebla 1
-
-
10, 11. Ilaaltonni olaanaan, jaarraa jalqabaattis ta’e yeroo ammaatti namoota hidhata amantaasaanii ta’anitti ‘Dubbii Waaqayyoo kan dubbatan’ karaa kamiini?
10 Kiristiyaanota ilaaltuu olaanaa ta’aniif abboomamuufi bitamuu kan qabnu maaliif akka ta’e Phaawulos, Ibroota 13:7, 17 armaan olitti ibsamerratti sababii afur ibseera. Jalqaba, ‘Dubbii Waaqayyoo nutti himaniiru.’ Yesus “kennaa” dhiirotaa kana kan kenne “warra Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf” ta’uusaa qalbeeffadhaa. (Efesoon 4:11, 12) Yesus jaarraa jalqabaatti ilaalchaafi amala Kiristiyaanotaa sirreessuuf tiksitoota to’annaasaa jala jiraniin kan gargaarame yommuu ta’u, isaan keessaas tokko tokko hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii gumiiwwaniif xalayaa barreessaniiru. Ilaaltota olaanaa hafuura qulqulluudhaan muudaman kanaan fayyadamee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa geggeesseera, akkasumas amantaasaanii jabeesseera.—1 Qorontos 16:15-18; 2 Ximotewos 2:2; Tiitoos 1:5.
11 Yesus har’as, ‘hojjetaa amanamaa’ Qaama Olaanaafi jaarsolii muudamaniin bakka buufamaniin nu geggeessa. (Maatewos 24:45) Ulfinni Yesus Kiristos isa ‘angafa tiksitootaatiif’ qabnu, gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra akka oolchinu nu kakaasa: “Warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna.”—1 Phexros 5:4; 1 Tasaloniiqee 5:12; 1 Ximotewos 5:17.
-