-
Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
-
-
“Dubbiin Waaqayyoo Jiraataa Dha”
20. Ibroonni 4:12 karaawwan lamaan kamiin ibsamuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.)
20 Phaawulos, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” jedhee yommuu barreessu, waaʼee Macaafa Qulqulluu dubbachuusaa hin turre.c Yaanni naannoosaa jiru, waaʼee abdii Waaqayyoo dubbachuusaa akka taʼe argisiisa. Phaawulos, Waaqayyo abdii erga kennee booda utuu hin raawwatin akka hin hafne dubbachuusaa ture. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Dubbiin afaan koo . . . wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu” jechuudhaan kana mirkaneesseera. (Isa. 55:11) Kanaafuu, wantonni tokko tokko yeroo nuti barbaannetti yoo raawwatamuu baatan obsa dhabuun nu hin barbaachisu. Yihowaan kaayyoosaa karaa milkaaʼina qabuun galmaan gaʼuuf “hojjechuutti jira.”—Yoh. 5:17.
21. Ibroonni 4:12 miseensota “tuuta sonaan baayʼee” maanguddoota amanamoo taʼan jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?
21 Miseensonni “tuuta sonaan baayʼee” maanguddoota amanamoo taʼan, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif Yihowaa tajaajilaniiru. (Mul. 7:9) Hedduunsaanii sirna hamaa kana keessatti ni dulloomna jedhanii hin eegne turan. Taʼus abdii hin kutanne. (Far. 92:14) Abdiin Waaqayyo kenne dhimma irraanfatame utuu hin taʼin, Yihowaan kana galmaan gaʼuuf hojjechaa akka jiru ni hubatu. Waaqayyo kaayyoosaatiif bakka guddaa waan kennuuf, nuyis kaayyoo kanaaf bakka guddaa yommuu kenninu isa gammachiisna. Yihowaan kaayyoonsaa galma akka gaʼuufi sabnisaa akka tuutaatti kaayyoosaa akka deggeran waan amanuuf, guyyaa torbaffaa kanatti boqochaa jira. Atoo? Dhuunfaa keetti boqonnaa Waaqayyootti galteettaa?
-
-
Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
-
-
c Yeroo harʼaa, Waaqayyo karaa Dubbiisaa isa barreeffamaan jiruufi jireenya keenya jijjiiruuf humna qabuu nutti dubbata. Kanaaf, yaanni Phaawulos Ibroota 4:12rratti galmeeffamee jiru Macaafa Qulqulluus akka gaariitti argisiisuu dandaʼa.
-