-
Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2021 | Guraandhala
-
-
2 Namoonni baayʼeen ariʼatamni wanta gammachuu argamsiisu akka taʼetti hin ilaalan. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu akka gammannu nutti hima. Fakkeenyaaf, Yaaqoob yeroo qorumsi nu irra gaʼutti garmalee dhiphachuu mannaa akka gammachuu guddaatti ilaaluu akka qabnu barreesseera. (Yaq. 1:2, 12) Yesuusis yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu gammaduu akka qabnu dubbateera. (Maatewos 5:11 dubbisi.) Maarree, yeroo qorumsi nu irra gaʼutti gammadoo taanee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Xalayaa Yaaqoob Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif barreesse keessaa yaadawwan muraasa qoruudhaan wantoota hedduu barachuu dandeenya. Mee jalqaba, haalawwan rakkisoo Kiristiyaanota sana mudatanii turan haa ilaallu.
KIRISTIYAANOTA JAARRAA JALQABAA IRRA QORUMSI AKKAMII GAʼEERA?
3. Yaaqoob barataa Yesuus erga taʼee utuma baayʼee hin turin maaltu raawwatame?
3 Obboleessa Yesuus kan taʼe Yaaqoob barataa taʼee utuma baayʼee hin turin, Kiristiyaanota Yerusaalem jiraatan irra ariʼatamni gaʼee ture. (HoE. 1:14; 5:17, 18) Yommuu Isxifaanos ajjeefametti immoo Kiristiyaanonni hedduun magaalattii keessaa baqachuudhaan “naannoowwan Yihudaa fi Samaariyaa hundumaa keessa bittinnaaʼan,” yeroo boodas hanga Qophrosii fi Anxokiyaatti baayʼee fagaatanii deemaniiru. (HoE. 7:58–8:1; 11:19) Kiristiyaanota kana irra rakkoowwan hedduun gaʼanii turan. Taʼus, bakka dhaqan hundumaatti misiraachicha hinaaffaadhaan waan lallabaniif, guutummaa Bulchiinsa Roomaatti gumiiwwan hedduun hundeeffamaniiru. (1 Phe. 1:1) Taʼus, amma iyyuu rakkoowwan hedduutu isaan eeggata ture.
4. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa irra qorumsawwan kan biroon akkamii gaʼanii turan?
4 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qorumsa garaa garaa dandamachuu qabu turan. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. naannoo bara 50tti, Mootii Moototaa Roomaa kan taʼe Qalaawudewos Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan ajajee ture. Kanaafuu Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan qeʼee isaanii dhiisanii bakka biraa deemuuf dirqamanii turan. (HoE. 18:1-3) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61tti immoo Phaawulos ergamaan obboloonni isaa uummata duratti akka arrabsaman, akka hidhamanii fi qabeenyi isaanii akka saamame barreesseera. (Ibr. 10:32-34) Kana malees akkuma warra kaanii Kiristiyaanonni tokko tokko hiyyoomaniiru, akkasumas dhukkubsataniiru.—Rom. 15:26; Filp. 2:25-27.
-
-
Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2021 | Guraandhala
-
-
Akkuma ibidda faanosii keessaa ifuu, gammachuun Yihowaan kennus garaa Kiristiyaana tokkoo keessatti utuu hin badin itti fufuu dandaʼa (Keeyyata 6 ilaali)
6. Luqaas 6:22, 23 akka jedhutti, Kiristiyaanonni qorumsi yommuu isaan irra gaʼu kan gammadan maaliifi?
6 Namoonni gammadoo taʼuu kan dandaʼan fayya buleeyyii yoo taʼan, maallaqa hedduu yoo qabaatanii fi maatii gammachuu qabu yoo qabaatan qofa akka taʼe yaadu. Gammachuun Yaaqoob waaʼee isaa barreesse garuu kutaa firii hafuura Waaqayyoo waan taʼeef haala namni tokko keessa jiru irratti kan hundaaʼe miti. (Gal. 5:22) Kiristiyaanni tokko Yihowaa gammachiisaa akka jiruu fi fakkeenya Yesuus hordofaa akka jiru beekuun isaa gammachuu guddaa isaaf argamsiisa. (Luqaas 6:22, 23 dubbisi; Qol. 1:10, 11) Gammachuun keenya ibidda faanosii keessaa ifuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; faanosiin sun ibiddichi qilleensaa fi rooba irraa eegumsa akka argatu waan godhuuf bobaʼuu isaa itti fufa. Nutis jireenya keenya keessatti wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate, gammadoo taanee itti fufuu dandeenya. Yeroo dhukkubsannuttis taʼe qarshii gaʼaa hin qabaannetti illee gammachuu keenya hin dhabnu. Akkasumas gammachuun keenya yeroo miseensonni maatii keenya ykn warri kaan nutti qoosanitti hin badu. Kanaa mannaa yeroo namoonni gammachuu keenya nu dhabsiisuuf yaalan hundatti caalaatti dabalaa deema. Qorumsi sababii amantii keenyaan nu irra gaʼu barattoota Kiristoos warra dhugaa taʼuu keenya mirkaneessa. (Mat. 10:22; 24:9; Yoh. 15:20) Yaaqoobis, “Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa” jedhee kan barreesse kanaafi.—Yaq. 1:2.
-