LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 8 Yaaqoobis xalayaa isaa irratti jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaa taʼuu isaa yommuu ibsu akkana jedheera: “Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa; kana yommuu gootan amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu akka isiniif argamsiisu ni beektu. Haa taʼu malee, wanti tokko illee utuu isinitti hin hirʼatin, karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa.” (Yaq. 1:2-4) Yaaqoob, qorumsi jabaatanii dhaabbachuu horachuuf waan isaan gargaaruuf, Kiristiyaanonni qorumsa jibbuu mannaa gammachuudhaan dandaʼuu akka qaban dubbateera. Atoo qorumsaaf ilaalcha akkasii qabdaa? Yaaqoob itti dabaluudhaan jabaatanii dhaabbachuun amala Kiristiyaanaa keenya fiixaan akka baasuu fi Waaqayyo duratti guutummaatti fudhatama akka nuuf argamsiisu ibseera. Eeyyee, qorumsa nu irra gaʼu yommuu dandamannu amalli jabaatanii dhaabbachuu keenya guyyaa guyyaatti cimaa deema. Jabaatanii dhaabbachuun immoo, amaloota barbaachisoo kan biroo horachuuf nu gargaara.

  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
    • 10 Yeroowwan rakkisoo taʼan kanatti jabaannee dhaabbachuu yoo barbaanne, qorumsa Kiristiyaanota taʼuu keenyaan nu irra gaʼuuf ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Yaaqoob, “Akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa” jedhee barreessuu isaa yaadadhu. Qorumsi miidhaa qaamaa ykn sammuu waan geessisuuf akkas gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, kun dhimma jireenyaa taʼuu isaa yaadadhu. Haalli ergamoota mudate tokko qorumsa keessatti gammachuu qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Seenaan isaanii kun kitaaba Hojii Ergamootaa irratti argama; akkana jedha: “Ergamoota waamanii erga garafanii booda, maqaa Yesuusiin dubbachuu isaanii akka dhaaban ajajanii isaan gadhiisan. Kanaafuu, isaan maqaa isaatiif jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii gammadaa yaaʼii Saanhedriin duraa baʼan.” (HoE. 5:40, 41) Ergamoonni rakkinni isaan irra gaʼuun isaa, ragaa Yesuusiif ajajamaa akka jiranii fi Yihowaa duratti fudhatama akka argatan mirkaneessu taʼuu isaa hubataniiru. Pheexiros waggoota hedduu booda geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaa isaa isa jalqabaa yeroo barreessetti, qajeelinaaf jedhanii dhiphachuun faayidaa qabaachuu isaa dubbateera.—1 Phe. 4:12-16.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi