-
Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii HordofaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Sadaasa 15
-
-
4. Mataduree kana keessatti waa’ee maalii ilaalla?
4 Kanaaf, jaarsoliin gumii obboloota gumii keessa jiran akkamitti kunuunsuu qabu? Miseensonni gumii, obboloota ‘itti gaafatamummaa fudhachuudhaan hojjetaniif akka abboomaman’ jajjabeeffamaniiru. Karaa garabiraammoo, jaarsoliin gumii, ‘warra tikasaanii jala jiranirratti gooftummaa akka hin argisiifne’ gorfamaniiru. (Ibr. 13:17; 1 Phexros 5:2, 3 dubbisi.) Kanaaf, hoolotarratti ba’aa utuu hin fe’in itti gaafatamummaasaanii ba’uu kan danda’an akkamitti? Karaa garabiraatiin, jaarsoliin gumii aangoo Waaqayyo isaaniif kennetti karaa hin taaneen utuu hin fayyadamin, hoolota Waaqayyoo kunuunsuu kan danda’an akkamitti?
-
-
Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii HordofaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Sadaasa 15
-
-
9. Yesus ergamoonnisaa ilaalcha akkamii akka qabaatan isaan gorse?
9 Ilaalchi Yesus ga’ee tiksitoonni qabaniif qabu, ilaalcha Yaaqoobiifi Yohannis yeroo tokko argisiisanii turanirraa addadha. Ergamoonni Yesus kun Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa argachuu barbaadanii turan. Yesus garuu akkas jechuudhaan ilaalchasaanii sirreesse: “Warri saba biyya lafa kanaa abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. Isin gidduutti akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira.” (Mat. 20:25, 26) Ergamoonni Yesus, obbolootasaaniirratti amala ‘gooftummaa’ argisiisuu dhiisuu qabu turan.
10. Yesus, jaarsoliin gumii hoolota akkamitti akka qaban barbaada? Gama kanaan Phaawulos fakkeenya akkamii ta’eera?
10 Yesus, jaarsoliin gumii akka inni hoolota itti qabetti isaanis akka qaban barbaada. Gooftaasaanii akka ta’anitti utuu hin ta’in, akka obbolootasaaniitti isaan qabuuf fedha qabaachuu qabu. Phaawulos ergamaan amala akkasii waan qabuuf jaarsolii gumii Efesooniin akkas jedheera: “Ergan gaafa kutaa biyya Asiyaa kana dhufeetii jalqabee, yeroo hundumaa attamitti akkan isin gidduu jiraadhe, ofii keessanii beektu. Karaa hundumaan of gad deebisuudhaan . . . gooftaadhaaf hojjechaan ture.” Phaawulos jaarsoliin sun gad of deebisanii garaadhaa warra kaan akka gargaaran barbaada ture. ‘Akka kanatti dhamaatanii hojjechuudhaan dadhaboota akka gargaartaniif, kana hundumaan fakkeenya isiniif ta’eera’ jechuudhaan dubbateera. (HoE. 20:18, 19, 35) Phaawulos amantii Kiristiyaanota gumii Qorontos turanirratti gooftaa akka hin taane dubbateera. Kanaa mannaa, gammachuusaaniitiif jecha gad of deebisuudhaan isaanii wajjin hojjeta ture. (2 Qor. 1:24) Phaawulos, gad of deebisuufi jabaatanii hojjechuurratti jaarsolii gumii yeroo har’aatiif fakkeenya gaarii kaa’eera.
-
-
Tiksitoota Kan Taatan Fakkeenya Tiksitoota Hunda Caalanii HordofaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Sadaasa 15
-
-
‘HOOLOTAAF FAKKEENYA TA’UU’
Jaarsoliin maatiinsaanii tajaajilaaf akka qophaa’an ni gargaru (Keeyyata 13 ilaali)
13, 14. Jaarsi tokko obboloota gumii keessa jiraniif karaawwan kamiin fakkeenya ta’uu qaba?
13 Phexros ergamaan, “Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta’uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti” jechuudhaan maanguddoota gumii keessa turan gorseera. (1 Phe. 5:3) Jaarsi gumii tokko hoolotaaf fakkeenya kan ta’u akkamitti? Ulaagaalee obboleessi “ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta’uu fedhu” tokko guutuu qabu keessaa lama haa ilaallu. Obboleessi kun, nama ‘yaada sirrii qabuufi’ (NW) “nama warra mana isaa ba’eessa godhee bulchu” ta’uu qaba. Jaarsi gumii tokko maatii kan qabu yoo ta’e, karaa fakkeenya ta’uun maatiisaa bulchuu qaba. Ta’uu baannaan “namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu danda’a?” (1 Xim. 3:1, 2, 4, 5) Obboleessi tokko ilaaltuu olaanaa ta’ee muudamuuf, yaada sirrii kan qabu, jechuunis seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti kan beekuufi jireenyasaa keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka qabu kan beeku ta’uu qaba. Kan hin ariifanneefi murtoo gochuusaa dura of eeggannoodhaan kan irratti yaadu ta’uu qaba. Miseensonni gumii, amalawwan kana jaarsoliirratti arguunsaanii amanannaa akka qabaatan godha.
14 Karaan ilaaltonni olaanaan Kiristiyaanota hidhatasaanii ta’aniif fakkeenya ta’uu itti danda’an inni kan biraan, adda durummaadhaan tajaajilarratti hirmaachuudha. Yesus gama kanaan fakkeenya gaarii isaaniif ta’eera. Yommuu lafarra turetti hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaaf bakka guddaa kenna ture. Hojii kana akkamitti hojjechuu akka qaban duuka buutotasaatti argisiiseera. (Mar. 1:38; Luq. 8:1) Yeroo har’aa, babal’istoonni jaarsolii gumii wajjin hojjechuudhaan hinaaffaa isaan hojii lubbu baraarsaa ta’erratti hirmaachuudhaan argisiisaniifi akkaataa isaan itti barsiisanirraa jajjabina argatu! Ilaaltonni olaanaan hojiin kan itti baay’atu ta’us, hinaaffaadhaan misiraachicha labsuunsaanii obboloonni gumii hundis hinaaffaa wal fakkaatu argisiisuuf isaan kakaasa. Kana malees, jaarsoliin gumii, walga’ii gumiidhaaf qophaa’uufi hirmaannaa gochuudhaan, akkasumas hojiiwwan kanneen akka Galma Mootummaa qulqulleessuufi suphuurratti hirmaachuudhaan obbolootasaaniitiif fakkeenya gaarii ta’uu danda’u.—Efe. 5:15, 16; Ibroota 13:7 dubbisi.
Ilaaltonni olaanaan tajaajilarratti fakkeenya ta’u (Keeyyata 14 ilaali)
-