LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • Obboleettiin takka obboleettii gadditee jirtu takka jajjabeessaa jirti.

      “Miira walii hubadhaa”

      7. Warra kaaniif garaadhaa akka gaddinu kan nu gargaaru maalidha? Miira kanahoo akkamitti ibsuu dandeenya?

      7 Kiristiyaanota waan taaneef, akkuma Yesuus warra kaaniif gadduu qabna. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Miira walii hubadhaa” jedhu nuuf kenna.b (1 Pheexiros 3:8) Keessumaa rakkinni akkasii nurra gaʼee hin beeku taanaan, miira namoota dhukkuba ykn dhiphina cimaadhaan dararamaa jiranii hubachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, warra kaaniif gadduuf, dirqama rakkinni isaanirra gaʼe nurra gaʼuu hin qabu. Yesuus dhukkubsatee kan hin beekne taʼus, namoota dhukkubsataniif ni gadda ture. Maarree, warra kaaniif gadduu barachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni rakkinni isaan mudate yeroo miirasaanii nutti himan obsaan dhaggeeffachuun amala kana horachuuf nu gargaara. ‘Iddoo isaanii utuun taʼee, maaltu natti dhagaʼama ture?’ jennee of gaafachuu dandeenya. (1 Qorontos 12:26) Miira namootaa hubachuuf garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe, ‘warra dhiphatan jajjabeessuu’ ni dandeenya. (1 Tasalonqee 5:14) Yeroo tokko tokko akka isaaniif gaddine kan argisiisnu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, imimmaan keenya dhangalaasuudhaanis taʼuu dandaʼa. Roomaan 12:15, “Warra booʼanii wajjin booʼaa” jedha.

  • “Baayʼee Isaaniif Gadde”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • b Jechi Afaan Giriikii “miira walii hubadhaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan hiika, “wajjin dhiphadhaa” jedhu qaba.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi