-
Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge DhaBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Kitaaba Qulqulluu namootatu barreesse erga taʼee, Waaqayyo biraa dhufe kan jennu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun gara waggoota 1,600 ol keessatti, jechuunis Dh.K.D. bara 1513 kaasee hanga Dh.K.B. naannoo bara 98tti namoota 40n barreeffame. Barreessitoonni kunis akkaataa guddinaa garaa garaa kan qabani dha. Taʼus, kutaan Kitaaba Qulqulluu hundi kan wal simu dha. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kitaaba Qulqulluu kan barreessise Waaqayyo waan taʼeefi. (1 Tasalonqee 2:13 dubbisi.) Namoonni kun kan barreessan yaada isaanii hin turre. Kanaa mannaa, ‘ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaana geggeeffamanii dubbatan.’ (2 Pheexiros 1:21) Waaqayyo namoonni kun yaada isaa akka barreessan gochuuf hafuura qulqulluutti fayyadamee isaan geggeesseera ykn isaan kakaaseera.—2 Ximotewos 3:16.
-
-
Yihowaan Waaqa Akkamiiti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha
Akkuma nuti hojii hojjechuuf harka keenyatti fayyadamnu, Yihowaanis hafuura isaatti fayyadama. Kitaabni Qulqulluun, hafuurri qulqulluun qaama mataa isaa kan qabu utuu hin taʼin, humna Waaqayyo wantoota tokko tokko raawwachuuf itti fayyadamu akka taʼe dubbata. Luqaas 11:13 fi Hojii Ergamootaa 2:17 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Waaqayyo namoota hafuura isaa isa kadhataniif hafuura qulqulluu isaa isaan irratti “dhangalaasa.” Maarree hafuurri qulqulluun qaama mataa isaa kan qabu moo humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha jettee yaadda? Akkas kan jette maaliifi?
Yihowaan wantoota dinqisiisoo taʼan raawwachuuf hafuura isaatti fayyadama. Faarfannaa 33:6a fi 2 Pheexiros 1:20, 21 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Wantoonni Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee raawwate tokko tokko kam faʼi?
-