LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Guyyaan Yihowaa Maal Saaxila?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Adoolessa 15
    • 2 Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Guyyaan gooftaa immoo akka hattuun dhuftutti in dhufa; guyyaa sanatti bantiiwwan waaqaa sagalee guddisee didichuun in dhidhimu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuu hoʼa ibiddaatiin wal in gad dhiisa; lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus gubatanii in badu [“in saaxilamu,” NW].” (2 Phe. 3:10) ‘Bantiiwwan waaqaafi lafti’ asirratti caqasaman maal argisiisu? “Ijoon uumama lubbuu hin qabne” inni wal gad dhiisu maalidha? Phexros, “Lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus” “in saaxilamu” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun, haalawwan sodaachisaa yeroo dhihootti raawwatamaniif qophaaʼuuf nu gargaara.

      Bantiiwwan Waaqaafi Lafa Dhidhiman

      3. “Bantiiwwan waaqaa” 2 Phexros 3:10⁠rratti caqasaman maalidha? Isaanoo kan dhidhiman akkamitti?

      3 Macaafni Qulqulluun, bulchitoota namoota isaan jalatti bulanii ol taʼan ibsuuf, yeroo baayʼee jecha “bantiiwwan waaqaa” jedhutti fakkeenyaan fayyadama. (Isa. 14:13, 14; Mul. 21:1, 2) ‘Bantiiwwan waaqaa dhidhiman,’ bulchiinsa namootaa ilmaan namootaa Waaqayyoorraa fagaatan bulchu kan argisiisudha. Bantiiwwan waaqaa kun, “sagalee guddisee didichuun” ykn akka hiika kan biraatti “sagalee guddisee barooduun” dhidhimuunsaanii, battalumatti akka badan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

      4. ‘Lafa’ kan jedhame maalidha? Kan balleeffamuhoo akkamitti?

      4 “Lafti” asirratti ibsame addunyaa ilmaan namootaa Waaqayyoorraa fagaate argisiisa. Addunyaan akkasii bara Nohitti kan ture siʼa taʼu, ajaja Waaqayyootiin Bishaan Badiisaatiin balleeffameera. “Bantiiwwan waaqaa fi lafti, warri amma jiran kun immoo sagalee Waaqayyoo sanaan ibiddaan balleeffamuudhaaf qopheeffamanii, hamma guyyaa warri Waaqayyo malee jiraatan firdii argatanii badaniitti kaaʼamanii jiru.” (2 Phe. 3:7) Bishaan Badiisaa sun namoota hamoo hundumaa takkaatti kan balleesse taʼus, badiisni “rakkina guddaa[tti]” dhufu garuu irraa jalaan raawwatama. (Mul. 7:14) Kutaa jalqabaa rakkina kanaatti, Waaqayyo mootummoonni siyaasaa biyya lafaa “Baabilon guddittii” akka balleessan isaan kakaasa; kunis ejjitu amantii kana jibbuusaa argisiisa. (Mul. 17:5, 16; 18:8) Achiis, kutaa rakkina guddaa isa dhumaa, waraana Armaagedoonitti, Yihowaan biyya lafaa Seexanni seerratu isa hafe haxaaʼee balleessa.—Mul. 16:14, 16; 19:19-21.

      “Ijoon Uumama Lubbuu Hin Qabne . . . Wal In Gad Dhiisa”

      5. Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa inni fakkeenyaan ibsame maal dabalata?

      5 ‘Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa inni wal gad dhiisu’ maalidha? Jechi Phexros ‘ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa’ jechuudhaan caqase, wantoota buʼuuraa biyyi lafaa Waaqayyoorraa fagaate kun amala, ilaalcha, daandiifi galma gadhee akka qabaatu godhan argisiisa. ‘Ijoon uumama lubbuu hin qabne hundumaa,’ “hafuura biyya lafa” isa “namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojje[tu]” kan dabalatudha. (1 Qor. 2:12; Efesoon 2:1-3 dubbisi.) Hafuurri ykn ‘qilleessi’ sun, biyya lafaa Seexanni seerratu keessatti babalʼateera. Hafuurri kun, namoonni karaa Seexana isa of tuulaafi didaa taʼee, akkasumas “aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuu” akka yaadan, akka karoorfatan, akka dubbataniifi waan tokko akka raawwatan dirqisiisa.

      6. Hafuurri biyya lafaa akkamitti ibsama?

      6 Kanaafuu, beekanis beekuu baatanis namoonni hafuura biyya lafaatiin faalaman, Seexanni sammuufi garaasaaniirratti dhiibbaa akka geessisu waan heyyamaniif, yaadasaafi ilaalchasaa calaqqisiisu. Kanaan kan kaʼes, fedha Waaqayyoo tilmaama keessa utuu hin galchin wanta barbaadan raawwatu. Yeroo wanti tokko isaan mudatu of tuulummaadhaan ykn ofittummaadhaan deebii kan kennan taʼuusaarrayyuu, aangoodhaaf hin abboomaman; akkasumas “hawwiin foonii, hawwiin ijaas” akka isaan moʼu heyyamu.—1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.a

      7. ‘Yaada keenya baʼeessa goonee eeguu’ kan qabu maaliifi?

      7 Kanaaf, ejjennoosaa ilaalchisee wanta Waaqayyorraa barannerratti hundoofnee, michoota, wanta dubbisnu, bohaartiifi Weeb saayitii itti fayyadamnu ilaalchisee, filannoo sirrii gochuudhaan ‘yaada keenya baʼeessa goonee eeguun’ baayʼee barbaachisaadha! (Fak. 4:23) Phaawulos ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin taʼin, yaada mataa isaa keessaa baʼee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin boojiʼin; kana hundumaattiis of eeggadhaa!” (Qol. 2:8) ‘Hoʼi’ guyyaa Yihowaa kanaan dura taʼee hin beekne ‘ijoo uumama lubbuu hin qabne hundumaa,’ isa sirna Seexanaa keessa jiru baqsee hoʼa aarii Waaqayyoo jalaa ooluu akka hin dandeenye waan mirkaneessuuf, yeroo guyyaan sun dhihaachaa deemu abboommiin kun caalaatti barbaachisaa taʼa. Kunis yaada Miilkiyaas 4:1⁠rratti akkas jedhu nu yaadachiisa: “Guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in taʼu; guyyaan dhufu sun isaan in guba.”

      “Lafti, Wanti Isa Irratti Hojjetame Hundinuus Ni Saaxilamu”

      8. Laftiifi wanti isarratti hojjetame hundinuu kan “saaxilamu” akkamitti?

      8 Phexros “Lafti, wanti isa irratti hojjetame hundinuus ni saaxilamu” jedhee yeroo barreessu maal jechuusaa ture? Jechi ‘saaxilamuu’ jedhu, “argamuu” ykn “qullaa hafuu” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Phexros, yeroo rakkina isa guddaatti, Yihowaan biyyi lafaa Seexanni seerratu, Isas taʼe Mootummaasaa akka mormu saaxiluufi badiisni akka isaaf taʼu ibsuudhaan qullaatti akka hambisu dubbachuusaa ture. Isaayaas 26:21 yeroo sana ilaalchisee raajii yommuu dubbatu akkas jedha: “Waaqayyo iddoo isaatii as baʼee sababii yakka isaaniitiif warra lafa irra jiraatan in adaba; laftis dhiiga ishee irratti dhangalaʼe in mulʼifti, siʼachis warra ajjeefaman dhoksuu hin dandeessu.”

      9. (a) Maalirraa fagaachuu qabna? Maaliif? (b) Maal horachuu qabna? Maaliif?

      9 Guyyaa Yihowaatti namoonni biyya lafaafi hafuurasaatiin geggeeffaman, wal ajjeesuudhaanillee eenyummaasaanii isa dhugaa argisiisu. Bohaartiiwwan addaddaa walirratti kaʼuu argisiisaniifi yeroo ammaatti baramaa taʼan, sammuu namoota hedduu yeroo itti ‘wal reebaniif’ qopheessaa jiru. (Zak. 14:13) Kanaaf, wantoota akka fiilmii, kitaabaa, tapha viidiyoo jiraniifi amalawwan Waaqayyo duratti ciiggaʼamoo taʼan, kan akka kooraafi hammeenya jaallachuu jiran akka qabaannu nu godhan ofirraa fageessuun keenya barbaachisaadha! (2 Sam. 22:28; Far. 11:5) Kana malees, bifawwan ija hojii hafuuraa, jechuunis amalawwan hoʼa guyyaa Waaqayyoo fakkeenyaan ibsame sanaatiin hin gubanne haa horannu.—Gal. 5:22, 23.

  • Guyyaan Yihowaa Maal Saaxila?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Adoolessa 15
    • Guyyaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Qophaaʼaa

      12. Dhufaatiin guyyaa Yihowaa biyya lafaa kan naasisu maaliif?

      12 Phaawulosis taʼe Phexros, guyyaan Yihowaa “akka hattuu” suuta jedhee utuu hin beekamin akka dhufu raajii dubbataniiru. (1 Tasaloniiqee 5:1, 2 dubbisi.) Kiristiyaanonni dhugaa guyyaa sana eeggatanillee, akka tasaa dhufuunsaa isaan dinqisiisuu dandaʼa. (Mat. 24:44) Haataʼu malee, namoota biyya lafaa dinqisiisuu caalaa waan isaanirraan geessisu qaba. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namoonni [Yihowaarraa fagaatan], ‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in gaʼa; kana jalaa baʼuunis hin jiru.”—1 Tas. 5:3.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi