-
Yihowaan Waaqa Akkamiiti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Yihowaan akka nu jaallatu kan argisiise akkamitti?
Amalawwan Yihowaa keessaa inni guddaan jaalala. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo jaalala kan qabu qofa utuu hin taʼin, ofuma isaatii iyyuu “jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu qofa utuu hin taʼin wantoota uumeenis jaalala isaa argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 14:17 dubbisi.) Mee fakkeenyaaf akkamitti akka nu uume haa ilaallu. Dandeettii halluuwwan babbareedoo ilaaluu, muuziqaa nama gammachiisu dhaggeeffachuu fi nyaata miʼaawaa dhandhamuu nuu kenneera. Inni jireenyatti akka gammannu barbaada.
-
-
Amantaan Sobaa Maqaa Waaqayyoo kan Balleessu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
2. Amantaan sobaa gocha isaatiin maqaa Waaqayyoo kan balleessu akkamitti?
Amantaan sobaa namootaaf ilaalcha Yihowaa hin qabu. Kitaabni Qulqulluun amantaa sobaa ilaalchisee “cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera” jedha. (Mulʼata 18:5) Jaarraawwan hedduudhaaf amantaawwan siyaasa keessa galaa, waraana deggeraa, akkasumas namoonni hangana hin jedhamne akka duʼan sababa taʼaa fi heyyamaa turaniiru. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko jireenya qananii jiraatu; kanaafis hordoftoonni isaanii maallaqa akka isaaniif kennan gaafatu. Gochawwan isaanii kun Waaqayyoon bakka buʼuun haa hafuutii, isa illee akka hin beekne mirkaneessu.—1 Yohaannis 4:8 dubbisi.
-