LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 3
      • Barumsa Sillaasee: Kitaabni Qulqulluun barreeffamee erga xumuramee waggaa 300 utuu hin guutin, barreessaan Sillaaseetti amanu tokko 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada, “samii keessa Abbaa, sagalee fi Hafuurri Qulqulluun jiru; warri kun sadan tokko dha” jedhu dabaleera. Himni kun barreeffama jalqabaa keessa hin jiru. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Biruus Maatisgar jedhaman, yaanni kun “Jaarraa jaʼaffaadhaa jalqabee barreeffama Laatiin Durii fi [Laatiin] Vulgeet keessatti iddoo baayʼeetti argama” jedhaniiru.

  • Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 3
    • Lammaffaa, barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi yeroo harʼaatti jiran hedduun hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, dogoggora isaa akka argatan gargaaraa jiru. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii jaarraawwan hedduudhaaf Kitaabni Qulqulluun Afaan Laatiniitiin qophaaʼe sirrii akka taʼe barsiisaa turan. Taʼus, 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada dogoggoraa olitti caqasne dhugaa fakkeessanii galchaniiru. Dogoggorri kun Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa King James Version isa namoota hedduu biratti fudhatama qabu keessatti illee ni argama! Taʼus, barreeffamoonni harkaan garagalchaman kaan yeroo argaman maal mirkaneessan? Biruus Maatisgar, “Himichi [inni 1 Yohaannis 5:7 irra jiru] barreeffama isa kan Laatinii irraa kan hafe, barreeffamoota durii hunda (Syriac, Coptic, Armenian, Ethiopic, Arabic, Slavonic) irra hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaan kan kaʼes, maxxansi King James Version inni fooyyaʼee qophaaʼee fi Kitaabonni Qulqulluun kaan yaada dogoggoraa kana baasaniiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi