LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 2. Siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      Nutis akkuma Yesuus siyaasa keessa hin gallu. Yesuus namoonni dinqiiwwan inni raawwate keessaa isa tokko arganii yommuu lafa irratti mootii isaanii akka taʼu gochuuf yaalanitti tole hin jenne. (Yohaannis 6:15) Maaliif? Sababiin isaas akkuma yeroo booda dubbate, “Mootummaan [isaa] kutaa addunyaa kanaa miti.” (Yohaannis 18:36) Nutis barattoota Yesuus waan taaneef, siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne karaawwan hedduudhaan argisiisuu dandeenya. (Miikiyaas 4:3 dubbisi.) Mallattoolee biyyaalessaa kan akka alaabaa ni kabajna; garuu akka waaqeffannaatti waan ilaalamuuf kabaja adda taʼe hin kenninuuf. (1 Yohaannis 5:21) Kana malees, paartii siyaasaa ykn kaadhimamaa siyaasaa kam iyyuu hin deggerru ykn hin morminu. Karaawwan kanaa fi kan birootiin Mootummaa Waaqayyootiif guutummaatti amanamoo akka taane argisiisna.

  • Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 4. Yaadaanis taʼe gochaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusadhu

      Yohaannis Tokkoffaa 5:21 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Ija Jabinni kan Isaan Barbaachisu Maaliifi?—Siyaasa Irraa Walaba Taʼanii Itti Fufuuf (2:49)

      • Ayeengeen miseensa paartii siyaasaa kan hin taane ykn ayyaana biyyaalessaa kan akka alaabaadhaaf kabaja addaa kennuu jiran irratti kan hin hirmaanne maaliifi?

      • Murtoo gaarii akka godhe sitti dhagaʼamaa?

      Haalawwan kan biroon siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Barumsa Masaraa Eegumsaa Irraa Argannu—Addunyaa Qoqqoodame Keessatti Siyaasa Irraa Walaba Taʼuu (5:16)

      • Dorgommii ispoortii biyyoolessaa irratti biyya isa tokko akka hin deggerre argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Murtoon namoonni siyaasaa godhan kan nu miidhu ykn kan nu fayyadu yoo taʼe illee siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Oduuwwan sabqunnamtiidhaan dhihaatan ykn michoonni keenya siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼan akkamitti?

      Fakkiiwwan: 1. Gareen namootaa aaran mallattoo qabatanii mormaa jiran. 2. Nama qophii ispoortii irratti alaabaa qabatee gammachuudhaan iyyaa jiru. 3. Barataan tokko biyyaa fi alaabaadhaaf amanamaa akka taʼe dhaadannoo dhageessisaa jira. 4. Loltuu meeshaa waraanaa ammayyaa qabate. 5. Kadhimamtoota siyaasaa wal falmaa jiran. 6. Dubartii filannoo irratti hirmaachaa jirtu.

      Kiristiyaanni tokko yaadaa fi gocha isaatiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu kan hin qabne haalawwan akkamii keessatti?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi