-
Cubbuu Cimaa yoo Hojjette Maal Gochuu Qabda?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Yihowaan cubbamootatti araara ni argisiisa
Namni cubbuu cimaa hojjete tokko qajeelfama Yihowaa hordofuu yoo dide, gumiidhaa baafama; nutis isa wajjin yeroo dabarsuu hin qabnu. Qorontos Tokkoffaa 5:6, 11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akkuma raacitiin bukoo bukeessu, nama cubbuu hojjetee fi yaada hin geddarannee wajjin yeroo dabarsuun gumicha irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?
Jaarsoliin namoota gumiidhaa baafaman gargaaruuf carraaqqii gochuudhaan araara Yihowaan cubbamootatti argisiisu calaqqisiisu. Namoonni gumiidhaa baafaman hedduun adabni isaaniif kenname kan isaan gaddisiise taʼus, yaada isaanii akka geddaratan waan isaan gargaareef gara gumiitti deebiʼuu dandaʼaniiru.—Faarfannaa 141:5.
• Akkaataan itti Yihowaan cubbamoota qabu Waaqa yaadasaatti hin cichine, araara qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?
5. Yaada yoo geddaranne Yihowaan dhiifama nuuf godha
Yesuus fakkeenya namni tokko yeroo yaada geddaratu wanta Yihowaatti dhagaʼamu hubachuuf nu gargaaru dubbateera. Luqaas 15:1-7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Caqasni kun waaʼee Yihowaa maal si barsiisa?
Hisqiʼel 33:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
-
-
Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii JiraadhuBara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Warri kaan amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu akka qoramu gochuu kan dandaʼan akkamitti?
Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu gochuuf yaalu. Namoonni gocha hamaa akkasii raawwatan eenyu faʼi? Namoota dhugaa dhiisanii fi amantii keenya balleessuuf waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba dubbatani dha. Namoonni kun gantoota jedhamu. Kana malees geggeessitoonni amantaa tokko tokko namoonni of hin eegganne dhugaa akka dhiisan gochuuf waaʼee keenya odeeffannoo sobaa babalʼisu. Gantoota wajjin wal falmuun, kitaabotaa fi wantoota isaan weebsaayitii isaanii irratti baasan dubbisuun ykn viidiyoowwan isaan qopheessan ilaaluun balaa qaba. Namoota warri kaan amanamummaadhaan Yihowaa akka hin tajaajille gochuuf yaalan ilaalchisee Yesuus akkana jedheera: “Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.”—Maatewos 15:14.
2. Murtoowwan dhuunfaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan kam faʼi?
Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta amantaa sobaa wajjin wal qabatu kam irraa iyyuu fagaachuuf nu kakaasa. Hojiin keenya, dhaabbanni keessa hojjennu ykn sochiin irratti hirmaannu kam iyyuu amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin qabu. Yihowaan, “Yaa saba koo, [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa” jedhee nu akeekkachiiseera.—Mulʼata 18:2, 4.
CAALAATTI BARADHU
Namni kam iyyuu amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu akka laaffisu heyyamuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Baabilon Guddittii keessaa baʼuudhaan amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ilaali.
3. Barsiisota sobaa irraa of eeggadhu
Waaʼee jaarmiyaa Yihowaa wanta sirrii hin taane yeroo dhageenyu maal gochuu qabna? Fakkeenya 14:15 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Wanta dhageenyu hunda amanuu kan hin qabne maaliifi?
Yohaannis Lammaffaa 9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Gantoonni yoo nu mudatan maal gochuu qabna?
Gantootaa wajjin kallattiidhaan dubbachuu baannus barumsawwan isaaniitiif saaxilamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
Yihowaan dubbii gadhee waaʼee isaa ykn waaʼee jaarmiyaa isaa dubbatamuuf xiyyeeffannaa yoo kennine maaltu isatti dhagaʼama jettee yaadda?
4. Namni tokko cubbuu yommuu hojjetu Waaqayyoof amanamaa taʼii jiraadhu
-