LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaayos Obboloota Isaa kan Gargaare Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Caamsaa
    • Keessummoonni kun tarii misiyoonota, namoota Yohaannisiif ergaman ykn ilaaltota ol aanaa taʼuu dandaʼu. Namoota akkamii iyyuu yoo taʼan, kaayyoon isaanii misiraachicha lallabuuf iddoo tokkoo gara iddoo kaanitti deemuu ture. Yohaannis, “Kan baʼan maqaa isaatiif jedhanii ti” jedheera. (3 Yoh. 7) Yohaannis yeroo akkas jedhu waaʼee Waaqayyoo dubbachuu isaa ture (lakkoofsa 6 ilaali), kanaaf yaanni “maqaa isaatiif jedhanii ti” jedhuu maqaa Yihowaatiif akka taʼe argisiisa. Obboloonni kun kutaa gumii Kiristiyaanaa waan turaniif akka gaariitti simatamuu qabu turan. Yohaannis akkana jedhee kan barreesse kanaafi: “Nutis dhugaa babalʼisuuf isaanii wajjin kan hojjennu akka taanuuf, namoota akkasii keessummummaa simachuuf dirqamni nu irra jira.”—3 Yoh. 8.

  • Gaayos Obboloota Isaa kan Gargaare Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Caamsaa
    • Tokkoffaa, hedduun keenya hamma tokko beekumsa dhugaa kan arganne namoota amanamoo warra beekumsa kana nuun gaʼuuf jecha biyyaa gara biyyaatti deemuuf fedhii qaban irraa ti. Dhugaa dha, yeroo harʼaatti miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi misiraachicha lallabuuf jecha iddoo baayʼee fagoo deemuu hin dandaʼan taʼa. Haa taʼu malee, nutis akkuma Gaayos obboloota iddoo tokko gara iddoo kaanii deeman, jechuunis kanneen akka daawwattoota ol aanaa aanaa fi haadhotii manaa isaanii deggeruu fi jajjabeessuu ni dandeenya. Yookiin immoo obboloota iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluu barbaadanii fi biyya alaattis taʼe biyyuma keessa iddoo biraatii dhufaniif deggersa gochuu dandeenya taʼa. Kanaaf, hundi keenya ‘keessummoota simachuu haa amaleeffannu.’—Rom. 12:13; 1 Xim. 5:9, 10.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi