LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaayos Obboloota Isaa kan Gargaare Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Caamsaa
    • HAALA RAKKISAA TAʼE KEESSATTI GARGAARSA GOCHUU

      Yohaannis Gaayosiif kan barreesse isa galateeffachuuf qofa hin turre. Rakkina cimaa isa mudate dandamachuu akka dandaʼu isa gargaaruu waan barbaadeef ture. Sababa isaa beekuu baannus, miseensa gumii Kiristiyaanaa kan ture Diyooxiraaxis obboloota iddoo biraatii dhufan keessummeessuuf fedhii hin qabu ture. Darbees warri kaan keessummoota akka hin simanne gochuuf yaala ture.—3 Yoh. 9, 10.

      Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hamma isaanii dandaʼame hunda Diyooxiraaxis irraa fagaachuuf yaalii godhanii akka turan homaa hin shakkisiisu. Diyooxiraaxis gumii keessatti iddoo guddaa argachuu barbaada ture; ergaa Yohaannis biraa dhufee kan hin fudhanne taʼuu isaa irra iyyuu, waaʼee ergamootaa fi obboloota kaanii dubbii hamaa babalʼisa ture. Yohaannis matumaa barsiisaa sobaa jedhee isa hin waamne; Diyooxiraaxis garuu aangoo ergamaan kun qabu ni morma ture. Fedhiin Diyooxiraaxis iddoo guddaa argachuuf qabuu fi amala Kiristiyaana tokko irraa hin eegamne argisiisuun isaa amanamummaa isaa irratti gaaffii kaaseera. Haalli Diyooxiraaxis namoonni iddoo guddaa barbaadanii fi of tuulan gumii irratti dhiibbaa gochuuf akka yaalan argisiisa. Kanaaf gorsi Yohaannis, “Fakkeenya warra wanta gadhee taʼe hojjetanii hin hordofin” jechuudhaan Gaayosiif kenne hunda keenyaaf kan taʼu dha.—3 Yoh. 11.

  • Gaayos Obboloota Isaa kan Gargaare Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Caamsaa
    • Lammaffaa, yeroo harʼaatti darbee darbee obboloota gumii keessatti aangoo qaban irratti gaaffiin yoo kaʼe nu dinqisiisuu hin qabu. Aangoo Yohaannisii fi Phaawulos ergamaa irratti gaaffiin kaʼee ture. (2 Qor. 10:7-12; 12:11-13) Haalli rakkisaa taʼe akkasii gumii keessatti yoo nu mudate maal gochuu qabna? Phaawulos Ximotewosiin akkana jedhee gorseera: “Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa namoota hundumaaf garraamii kan taʼe, barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba; akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.” Yeroo aarree jirrutti illee garraamummaa kan argisiisnu yoo taʼe, namoonni warra kaan komatan tokko tokko suutuma suuta amala isaanii sirreessuu dandaʼu. Yihowaan immoo, “beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif yaada akka geddaratan carraa isaaniif kenna taʼa.”—2 Xim. 2:24, 25.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi