-
“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
HENOK ‘WAAʼEE ISAANII RAAJII DUBBATEERA’
Henok inni nama amantii taʼe addunyaa amantii hin qabne sana keessatti tarii kophummaan isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqni isaa Yihowaan xiyyeeffannaa isaaf kennee turee? Eeyyee kenneera. Yihowaan gaaf tokko tajaajilaa isaa amanamaa taʼe kanatti ni dubbate. Waaqayyo namoota bara isaa turanitti akka dubbatuuf ergaa tokko Henokitti ni hime. Yihowaan akka kanaan raajii isa gochuudhaan, Henok raajii jalqabaa ergaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame akka taʼu godheera. Yihudaan inni obboleessa Yesuus taʼe jaarraa hedduu booda raajii Henok dubbate geggeessaa hafuuraatiin waan barreesseef waaʼee kanaa beekuu dandeenyeerra.a
Raajiin Henok dubbate maal ture? Raajiin sun, “Kunoo, Yihowaan maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu wajjin dhufeera; kan dhufes hundumaatti murteessuuf, akkasumas wanta gadhee namoonni hamoon hundi karaa Waaqayyoof ulfina hin fidneen hojjetan hundaa fi wantoota suukanneessaa namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbataniif isaanitti murteessuuf jedhee ti” kan jedhu ture. (Yihudaa 14, 15) Henok seenaa kana kan dubbate akka waan darbeetti, jechuunis akka waan Waaqayyo wanta raajiidhaan dubbatame sana raawwatetti akka taʼe hubatteetta taʼa. Raajiiwwan sana booda dubbataman hedduun kan barreeffaman haala kanaan ture. Yaanni isaa kana dha: Raajichi wanta raawwatamuun isaa hin oollee fi akka waan raawwatameetti ibsamuu dandaʼu tokko dubbachaa jira!—Isaayaas 46:10.
Henok addunyaa isa jibbuu keessatti sodaa malee ergaa Waaqayyoo labseera
Namoota dhagaʼan hundatti labsii kana tarii haala lallabaatiin dabarsuun Henokiif akkam ture laata? Akeekkachiisni sun hammam cimaa akka ture qalbeeffadhu; caqasichi namoota sana, gocha isaanii fi akkaataa gocha sana itti raawwatan balaaleffachuuf jechoota “wanta gadhee,” “karaa Waaqayyoof ulfina hin fidne,” akkasumas “wantoota suukanneessaa” jedhanitti fayyadameera. Kanaafuu, raajiin sun addunyaan namoonni erga Eeden keessaa baʼanii jalqabee hundeessan guutummaatti akka mancaʼe namoota hunda akeekkachiiseera. Addunyaan sun yeroo Yihowaan badiisa fiduuf “maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu,” jechuunis maleekota waraanaa humna guddaa qabanii wajjin dhufu badiisni guddaan isa irra ni gaʼa. Henok akeekkachiisa Waaqayyoo kana kophaa isaa sodaa tokko malee himeera. Tarii yeroo kanatti Laamek inni ijoollee ture ija jabina akaakayyuun isaa argisiise dinqisiifannaadhaan ilaalee taʼuu dandaʼa. Taanaan, sababii isaa hubachuun nu hin rakkisu.
Amantiin Henok qabu nutis addunyaa keessa jiraannu kana kan ilaallu akka Waaqayyo ilaalutti taʼuu fi dhiisuu isaa akka of gaafannu nu kakaasa. Murtiin Henok ija jabinaan labse akkuma yeroo sanaatti, addunyaa yeroo ammaa jiruufis barbaachisaa dha. Yihowaan akeekkachiisa Henokii wajjin haala wal simuun, addunyaa bara Nohi turee fi Waaqayyoof ulfina hin fidne sana irratti Bishaan Badiisaa guddaa fideera. Haa taʼu malee, badiisni sun badiisa guddaa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya taʼa. (Maatewos 24:38, 39; 2 Phexros 2:4-6) Waaqayyo yeroo ammaattis akkuma yeroo sanaa, addunyaa Waaqayyoof ulfina hin fidne kana irratti murtii qajeelaa taʼe dabarsuuf qulqulloota isaa kumaatamaa wajjin qophaaʼee eegaa jira. Tokkoon tokkoon keenya akeekkachiisa Henok yaadatti qabachuu fi warra kaanitti himuun nu barbaachisa. Maatiin keenyaa fi michoonni keenya ejjennoo nu irraa adda taʼe kan qaban taʼuu dandaʼu. Kanaafuu, yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan Henokiin hin gatne; tajaajiloota isaa amanamoo yeroo harʼaa jiranis hin gatu!
-
-
“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
a Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Yihudaan seenaa kana Kitaaba Henok isa kitaaba dabalataa taʼe irraa akka fudhate dubbatu; haa taʼu malee, kitaabni kun seenaa yaadaan uumamee fi maddi isaa hin beekamne kan qabate, akkasumas sobaan kitaaba Henok akka taʼe dubbatamu dha. Kitaabni kun raajii Henok dubbate sirriitti kan caqasu taʼus, seenaan isaa kan fudhatame odeeffannoo durii yeroo ammaatti hin argamnee fi barreeffamaan ykn afoolaan beekamu irraa taʼuu dandaʼa. Yihudaanis yaada kana odeeffannoo durii kana irraa fudhatee ykn Yesuus isa utuu samii irra jiruu waaʼee jireenya Henok beeku irraa baratee taʼuu dandaʼa.
-